Ertiraan ibsa Manni Maree Paartii Badhaadhinaa baase irratti maal jette?

Madda suuraa, MOI Eritrea
Ministeerri Beeksisaa Eertiraa ibsa Paartiin Badhaadhinaa Jimaata darbe baase irratti deebii yoo kennu, Paartiin Badhaadhinaa yeroodhaa gara yerootti ''odeeffannoo sobaa fi dhiibbaa qabu tamsaasa'' jedhe.
Ministirri Beeksisaa Eertiraa Yamaanee Gabra Masqal Wiixata galgala, Hagayya 11 bara 2025, ture fuula X isaanii irratti maxxansaniin Badhaadhinni ''yeroo hunda odeeffannoo sobaa tamsaasa'' jechuun himatan.
Obbo Yamaaneen itti dabaluudhaan, ''duula qaanessaa'' kun seenaa Eertiraa, imaammata, karoora misoomaa, dandeettii hin tuqamnee fi qaxanicha irratti shoora Eertiraan qabdu irratti ''haleellaa cimaa fi haqa qabeessa hin taane'' geessisaa jira jedhan.
Manni Maree Paartii Badhaadhinaa walgahiisaa idilee Adooleessa 30- Hagayya 2, 2027tti gaggeesseen, xumurratti ibsa baaseen, ''diinoonni waraanni akka dheeratu hojjetanii jalaa jalaa fashalaa'e'' tooftaalee garaagaraa fayyadamuun Itoophiyaa keessatti walitti bu'insi akka babal'atuuf yaalaa jiru jedhe.
Manni Marichaa ibsa kana irratti ''diinota'' jedhee qaama ibse maqaa dhahuu baatus, ''finxaaleyyii'' biyyattii keessaa bakka adda addaarra socho'an fayyadamuun tokkummaa mootummaa fi uummataa addaan qooduuf yaalii gochaa jiru jedhe.
Waraana Kaaba Itoophiyaa irratti mootummaa Itoophiyaa cina hiriiruun waraanaa kan ture mootummaan Eertiraa waliigaltee Piriitooriyaa booda hariiroon isaanii laafuun amma waraanaaf of qopheessaa wal himachaa jiru.
Ministirri Beeksisaa Eertiraa Yemaanee Gabre Masqal ibsa paartii Badhaadhinaa kallattiin ibsuu baatus, Eertiraan Itoophiyaa irratti jibba yeroo dheeraaf ture waan qabduuf ''imala dinagdee ishee gufachiisuuf'' jedhamu isaanii eeraniiru.
Ertiraan seenaasheetiin dorsiisa garaa garaa qaamoolee qabeenyaafi lafashee fudahchuuf barbaadan keessummeessuu fi waraanaa keessummeessuu kan kaasan ministirichi, ''Ejjannoon bara dheeraa Ertiraa Pirezidanti Isaayaas akka dubbataniitti 'kan warra biraa hin barbaadnu, kan keenya ta'e ammo dabarsinee hin kenniinu'' jedhaniiru.
Waraanni Tigraayitti gaggeeffame erga xumurameen booda Ministirri Mummee Abiy Ahimad ulaa galaanaa argachuun Itoophiyaaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti jechuun erga dubbatanii fi kan ilaalchisee tarkaanfiiwwan garaa garaa fudhachusaanii hordofee Ertiraan biyyoota faallaa Itoophiyaa dhaabbatan kan biraa waliin walta'insa uumteetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidantiin Ertiraa Isaayaas Afaworqeen dhiheenya TV biyyaaleessaa irratti af-gaaffii taasisaniin, Itoophiyaan guyyaa guyyaadhaan humna waraanaatiin dorsiisaafi meeshaa waraanaa bitaa jirti jechuun himachuunsaanii ni yaadatama.
Ministirri Mummee Abiy gamasaanitiin, wayita dhuma Waxabajjiirra gaaffii Bakka Bu'oota Ummataatiin ka'aniif deebii kennaniitti, gama Ertiraatiin waraanni akka ka'u oduu hedduun odeeffamaa jiraachuu kaasuudhaan, ''gama keenyaan garuu rasaasni tokkolleen hin dhukaafamu'' jechuun ejjannoo motummaasaanii beeksiisanii ture.
Itti dabalunis ''ummanni Ertiraa ummata obboolaadha. Nagaa keenya barbaaduun haala sanaan ilaalamu qabaata'' jedhanii ture.
Ministirri Odeeffannoo Ertiraa barreeffama toora X isaanii irratti biyyisaanii qabeenyaa umamaafi ummataa cimoodhaan badhaadhuu kaasuudhaan, ''haala naannoo nageenyi keessatti dagaagee keessatti guddina diinagdee saffiisaafi walitti fufaa mirkanneessuu ni danda'a'' jedhan.
Itti dabalunis, ''haala kanneen dhoksuun ajandaa dhokataa gara fuulduraatti dhiibuudhaaf seeneessa sobaa fi umamee irra dedebii'uun baduu hin danda'an'' jedhan.
Itoophiyaa fi Eriraan waggoota digdamaa oliif erga wal gaarreeffannaa keessa turanii booda MM Abiy gara aangootti dhufuu isaanii hordofee hariiroon biyyoota lamaan fooyya'ulleen, yeroo dhihootiin as ammo jidduusaaniitti wal dhabdeen cimaa dhufeera.
Ertiraan waraanaa Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffame irratti mootummaa federaalaa Itoophiyaa maddii dhaabbachuun kan hirmaattee yoo ta'u, waraanichi erga waliigaltee Piritoriyaatiin xumurameen booda walitti dhufeenyi biyyoota lamaan jidduu badaa dhufe.
Itoophiyaan karaa Galaana Diimaatiin ulaa argachuuf fedhii akka qabdu erga ifa taasifteen booda gama Ertiraatiin yaaddoon umameera.
Kunis Masrii kan Itoophiyaa sababii Hidha guddicha Abbaayyaatiin wal dhabdee keessatti argamtu waliin wal ta'insa umuunshee mudama cimseera.
Kana malees, ifatti himamu baatulleen Eritraan hidhattoota Itoophiyaa keessa jiran deeggaruudhaan kan himatamtu yoo ta'u, haaluma walfakkaatuun motmitoonni Ertiraa Finfinnee keessatti waajjira banachuufi walgahii gaggeeffataa turan.
Yeroo ammaatti mootummaa federaalaa waliin akan wal dhabdee keessa seeneefi paartii siyaasaa ta'unsaa kan haqamee aanga'oonni olaanoon TPLF mootummaa Ertiraa waliin hariiroo ummachuunsaanii bal'inaan himamaa jira.
Waggaa 25 dura sababii daangaatiin waraana keessa seenuun namoonni kumaatamaan lakkaa'aman erga ittiin du'anii booda, wayita ammaatti Itoophiyaafi Ertiraa jidduutti waraanni marsaa biraa ka'u danda'a jedhamuun yaaddoo uumeera.












