Guugiliin ala abuurtuuwwan kaan 'odeeffannoo ittiin iyyaafatan' beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Waan wallaalle, waan baruu feenuufi odeeffachuuf baay’een keenya abuurtuu [browser] Guugil fayyadamna.
Akka dhaabbatichi himetti sakandii keessa guutuu addunyaatti si’a kuma 63 namoonni Guugil gubbaa gaaffii dhiheessu.
Kana jechuun guyyaatti gaaffii biiliyoona 5.6’tu dhihaata jechuudha.
Ogeeyyiin nageenya odeeffannoo garuu Guugil yeroo deebii nuuf kennu odeeffannoo nuti gaafannus galmeessa jechuun yaaddoo ibsu.
Eenyummaa keenya, maal akka jaalannu, maal akka jibbinu, waan gochuuf feenu, lafa baay’inaan deemnuufi kaan ni galmeessa.
Odeeffannoon waa’ee keenya walitti qabamu dhaabbilee beeksisaafi oomisha garagaraa dhiheessaniif ni gurgurama.
Odeeffannoon walitti qabamu tajaajila imeelii - Gmail fi Yuutubii dabalatee tajaajiloota kaan Guugil waliin walqabataniirraati.
Odeeffannoon kuni kanneen intarneeta fayyadaman umriin, saalaan, korniyaafi eenyummaa isaanii kaan walitti qabuun beeksisaaf akka irratti xiyyeeffatamu (targeted ad) ni taasisa jedhamee qeeqama.
Yaaddoon biraa immoo odeeffannoon kuni qaama sadaffaaf erga dabarfamee booda eessa akka jirru, eenyu waliin maal akka haasofne, maal akka bitneefi odeeffannoo kaan icciitiin qabamuu dhabuu isaaniiti.
Qeeqni akkanaa dhaabbata Guugil irratti qofaa osoo hin taane abuurtuuwwan kaaniifi miidiyaalee hawaasummaa irrattis ni ka’a.
Kanneen keessaa garuu dhaabbati Guugil kaan caalaa tajaajilamtoota danuu waan qabuuf qeeqni itti jabaata.
Akkaataa qabiinsa odeeffannoo waliin walqabatee qeeqa Guugil irratti dhihaatu hordofee abuurtonni kaan ‘filmaata wayyoo ta’e qabna’ jedhan gabaatti as bahaniiru.
Isaanoo hangam amanamu? Gaaffii biraati.
Waa’ee abuurtota biroo akka nutti himu kan gaafanne hundeessaa fi hojii gaggeessaa Ayikog Laabs (iCog Labs) kan ta’e Getinnat Asfaawudha. Dhaabbatichi Finfinneetti argama.
Pirogiraamaroota 200 ol kan qabu yoo ta’u waggoota kudhan darbaniif Hubannoo Nam-Tolchee (Artificial Intelligence) fi dameewwan kanaan walqabatan irratti hojjetaa jira.
Guugil nubiraa maal barbaada?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Guugil dura abuurtonni odeeffannoo kaan ni jiru ture. Guugil gaafa dhufe garuu abuurtota kaan dhuunfate. Yeroo ammaa galii dolaara biiliyoonaan lakka’amu argata.
Abuurtuun Guugilitti qixxaatu jiraa?
‘’Fakkeenyaaf Maayikirosoft, Bing yaalaniiru. Ta’us, kan Guugilitti gahuu danda’u hanga yoonaa hin argamne. Ammallee Guugilitu gabaa guddaa qaba,’’ jedha Getinnat.
Guugil dhimmoota garagaraarratti gabaasawwan, qorannoowwan, hiituu (links) akkasumas ibsawwan bahan ni kuufata.
Odeeffannoo kana websaayitii tokko tokkorraa osoo barbaanna jenne baay’ee ulfaataadha.
Sababa kanaaf Guugil kunneen jecha gabaabaan kaa’un yookin ‘index’ tolchuun tajaajilaaf akka mijatu taasisee qopheessa.
Guugil nama haaraa yoo galmeessu qajeelfama dheeraa dhiheessa. Namoonni sababa adda addaan qajeelfama kana dubbisuurra ‘waliin gala’ jedhanii gaaffii dhihaatu fudhatu.
Namoonni Guugil odeeffannoo isaanii akka galmeessu danda’u gaafa itti himamu ‘waanan dhoksu hin qabu’ jechuun dubbatu.
Haa ta’u malee, boodarra hamma odeeffannoo walitti qabuufi waa’ee isaanii waan beeku karaa garagaraan gaafa baran ni rifatu.

Madda suuraa, PA
Guugil ragaa keenya kan fudhatu eeyyamneefiiti. Osoo mana murtii dhaqnee himanne jalqaba ‘waliin gala’ jennee isa deebisne akka ragaatti dhiheessa.
‘’Dhaabbatni tekinoloojii tajaajila tolaa kennu bu’aa kan inni buufatu beeksisa irraati. Daataa namoota dhuunfaa baay’inaan walitti qabatu.
‘’Daataan kuni ni gurgurama yookiin beeksisaaf [target ad] ni oola. Guugil akka inni kana godhu immoo eeyyamneefiirra,’’ jedha Getinnat.
Hojiin abuurtotaa [biroowzaroota] odeeffannoo mallaqa olaanaatti jijjiiruudha.
Tajaajila isaanii tolaan yeroo nuuf dhiheessan ‘garraamii’ ta’anii osoo hin taane waan irraa buufataniifi.
‘’Guugil daataa keenya akkamiin akka fayyadamu dursee ibsa. Barreeffama dheeraadha. Yeroo baay’ee hin dubbifnu. Nami imaammata isaatti waliin galle akka seenu hin eeyyamu,’’ jedha Getinnat.
Guugil jalaa dhoksuu dandeenyaa?
Getinnat akka jedhutti Guugil odeeffannoo dhuunfaa keenya akka hin arganne dhoksuu dandeenya. Kana jechuun garuu tajaajilli Guugil nuuf dhiheessu ni daanga’a jechuudha.
Fakkeenyaaf Google Chrome irratti imeeliifi jechoota iccitii keenya galchinee odeeffannoon argannuufi osoo hin galchin odeeffannoon argannu tokko miti.
Eenyummaa keenya yeroo ibsinu kana dura waan Guugil gubbaa iyyaafanne bu’uura gochuun odeeffannoo walitti dhihaatan nuuf dhiheessa.
Kunis odeeffannoo argannu nuuf ‘mijataa’ taasisa. Kanaan ala odeeffannoon hin filatamne nuuf dhihaata.
Guugil baay’ina odeeffannoo qabuun filatamaadha. Akkaataa odeeffannoo dhuunfaa walitti qabu garuu nu yaaddessa.
Sababa kanaaf icciitii keenya eeggachuuf abuurtota kaan osoo fayyadamnewoo?
Ogeeyyiin yaada kana jajjabeessan ni jiru. Gama kaaniin eega galiin ijoo abuurtota beeksisa ta’ee ‘odeeffannoo dhuunfaa walitti hin qabnu’ jedhanii osoo kakatan amanuun ni rakkisa kan jedhan jiru.
Dakdakgo (DuckDuckGo), ser’eks (searX), Sitaartipej (Startpage), Metaagir (MetaGer), Kuwaant (Qwant) fi kaan abuurtota akka filmaatatti dhihaatanidha.

Madda suuraa, Getty Images
Kunneen odeeffannoo dhuunfaa akka walitti hin qabne ykn yeroo gabaabaa keessatti akka balleessan, bakka fayyadamtoonni jiran faana akka hin buuneefi waan namoonni iyyaafatan akka walitti hin qabne waadaa seenu.
Abuurtota kanneen keessaa muraasni biyyoota muraasa keessa qofa dalagu. Fakkeenyaaf waggaa darbe hojii kan eegale Niivaan (Neeva) UK, Faransaayiifi Jarman qofatti tajaajila kenna.
Hundeessaan dhaabbatichaa kana dura hogganaa kutaa beeksisaa dhaabbata Guugil ture. Abuurtuun ifa taasise ‘beeksisarraa bilisa, kan fayyadamtoota faana hin buune’ akka ta’e ibsa.
Icciitiin keenyawoo?
Getinnat dhaabbileen Bing (Bing), Yahuu (Yahoo), Baayidu (Baidu), Awool (AOL), askidotkom (Ask.com), Eksaayit (Excite) jedhamanis odeeffannoo keessan ol hin keenyu jechuun gabaatti bahan jedha.
Inumaa siniif eegna, odeeffannoon keessan keenya miti, baatii jaha booda odeeffannoon keessan ni haqama jedhu jechuun ibsa.
Namoonni ‘hangam odeeffannoon dhuunfaa isaanii akka eegamu barbaadu kan jedhuufi odeeffannoo qulqullina qabu hangam fedha’ kan jedhu wal bira qabanii ilaaluun abuurtuu filatuu qabu jechuun gorsa.
Websaayitiiwwan odeeffannoo dhuunfaa keenya akka eegan kan waadaa seenan hangam kuusaa odeeffannoo qabu kan jedhu yaaduunis akka barbaachisu ibsa.
Sababa kanaaf fayyadamtoonni odeeffannoon argadhu osoo baay’atemoo kan jedhuufi odeeffannoon dhuunfaa kiyya eegamee haa turu yaada jedhu gidduutti hafu.
Keessumaa yeroo ammaa miidiyaa hawaasummaa garagaraa yeroo fayyadamnu odeeffannoon dhaabbileen kuni walitti qabatan jira.
Fakkeenyaaf telegiraama, WhatsApp, Guugil, imeelii yeroo fayyadamnu odeeffannoon keenya gara kuusaa tokkootti kuufamuun isaa akka hin hafne Getinnat ni dubbata.
Dhaabbileen tekinolojii irree cimsataa kan dhufaniis kuusaa odeeffannoo kanaani. Kanaafi ogeeyyiin abuurtota kaan ‘’akka filmaataatti osoo fudhatamees hanqina ofiis ni qabu’’ jechuun kan inni gorsu.
Guugilirraa wayyoo qaba jedhanii namoonni akka filmaataatti kan kaasan Dakdakigo fayyadamtoota miiliyoona 80 qaba.
Ogeeyyiin abuurtuun kuni kallattiin odeeffannoo keenya walitti qabuu dhabuus karaa kuki daataa (cookie data) sochii keenya akka baruun hin hafne himu.
Ta’us, fayyadamtoonni ‘’akka filmaataatti fudhachuu danda’u’’ jedhu.












