Ergaawwan iccitiin waliif erguuf miidiyaa hawaasummaa kamtu amansiisaadha?

Shamarree bilbila tuttuqxu

Madda suuraa, Getty Images

Telegram qaamni furtuu kuusaa odeeffannoo isaa cabsee seenuu danda'u yoo jiraate doolaara kuma 300 akka badhaasu ibsee ture.

Qaamni odeeffannoo adamsu, kan kutaa kuusaa odeeffannoo Telegram cabsee seenu waan dhabameef garuu yaadicha haqe.

Haata'u malee, ammas taanaan qabiinsa odeeffannoon walqabatee qaamoleen nageenyaa Telegram irratti yoo qaawwa kan argatan ta'e doolaara kuma 500 hanga kuma 100 kaffaluuf waadaa galeera.

Kun mala jaarmiyaaleen teeknoloojii nageenyummaa fi bu'aa qabeessummaa isaanii ittiin sakatta'aniidha.

Miidiyaaleen hawaasummaa fi teknoloojiiwwan iccitii dhuunfaa maamilaa akka eegan waadaa seenu, mootummaa dabalatee dhaabbati kamiyyuu odeeffannoo dhuunfaa maamilaa argachuu akka hin dandeenye kakatu.

Gaaffiin ijoo garuu, kun akkamiin amanama? kan jedhuudha.

Odeeffannoowwan barreeffamaa, viidiyoo, suuraaleen, sagaleen akkasumas ragaaleen wal-jijjiirru qaamni kaan harka hin bu'uu? Kunis gaaffii ijoodha.

Kanaaf iccitii dhuunfaa eeguudhaaf isaan kamtu amansiisoodha? Kanaafi gaaffilee kanaan walqabatan ogeessa teeknooloojii kan ta'e hundeessaa fi hoogganaa Icog Labs Geetinnat Asaffaa gaafanneerra.

Odeeffannoo hunda qaama odeeffannoo wal-jijjiiru gidduutti qofa kan hidhu (end-to-end encryption) fayyadamuun murteessaadha jedha.

Yeroo ammaa Itoophiyaatti maamila hedduu kan qabu Telegram dha.

Gama kanaan Itoophiyaan bara darbe Telegiraama fayyadamuun addunyaarraa sadarkaa 11ffaa turte.

Telegram irratti faayila fe'uuf meegaabaayitiin 49 ga'aadha, interneetii xiqqoo waan barbaaduuf namni kana filate.

Kaan waliin yoo walbira qabamu: WhatsApp meegaabaayitii 103, Messenger ammoo meegaabaayitii 125 malee itti siquun hin danda'amu.

Fayyadamtoota hedduu kan qabu Telegram hangam amansiisaadha?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Telegram adeemsa- odeeffannoo waliif qoodamu, qaamolee waliif qoodan lamaan qofa gidduutti hidhuu kan qabu ta'us, fayyadamtoonni tajaajila kana argachuuf gara kutaa iccitii seenuun waliif barreessuu qabu.

Gareen Telegram tokko hanga namoota kuma 100 qabachuun (kan WhatsApp namoota 256 qofa) akkasumas gareen Telegram tokko hordoftoota miiliyoonaan lakkaa'aman qabaachuu danda'uun miidiyaa hawaasummaa kana mijataa fi hawwataa taasiseera.

Itoophiyaa keessatti sabaa-himaalee fi jaarmiyaaleen beeksisaa gara Telegram kan deebi'aniifis kanumaafi.

Gama kaaniin Telegiraami odeeffannoon qaamolee wal-jijjiiran gidduutti iccitiin itti hin qabamne qaama seeraaf dabarsee kennuu yoo barbaade gochuu danda'a jedhamuus dhaabbatichi garuu gonkumaa kun hin ta'u jedha.

Geetinnat gamasaan odeeffannoo wal-jijjiiruuf WhatsApp filata.

''WhatsApp end-to-end encryption waan fayyadamuuf ergaawwan barreeffamaa, viidiyoo, suuraa waliif erguuf akkaan filatamaadha,'' jedha.

Miidiyaaleen hawaasaa erga waliif erguuf oolan kaanis filannoo end-to-end encryption jedhu yoo qabaatan, fayyadamtoonni ergaa ecrypted ta'e qofa akka filatan gorsa.

Kana yeroo godhan ammoo mosaajiiwwan (software) odeeffannoowwan karaa meeshaalee elektirooniksii tamsa'an butuurratti hojjetan (Malwares) jalaa karaa ittiin ba'an falachuu qabu yookiin hubachuu qabu jedhe.

''Naga qabeessummaansaa amansiisaadha kan jedhamu WhatsApp yeroo fayyadamnullee carraan daataan keenya Malware'n butamuu jiraachuu mala.''

Kanaafuu end-to-end encryption filachuu keenyaan dura interneetii nuti fayyadamnuu fi daataan keenya sagantaa kompiitara keenya danqu ykn Malware'n rukutamuu fi dhiisuu mirkaneeffachuu qabna jedhe Getinnat.

Fayyadamtoonni suuraa, viidiyoo fi barreeffamoota hubannoo ga'aa irratti hin qabne banuurraa of qusachuun nageenyasaanii eeguu danda'u jedha.

Addunyaarratti fayyadamtoota hedduu qabaachuun kan beekamu WhatsApp, end-to-end encryption irratti dabalataan, karaa ittiin ergaa gareewwan WhatsApp gidduutti ergaman ittiin to'atanis qaba.

Ergaawwan ergaman yeroo murtaa'eef erga turanii booda akka badan taasisuuf mala dandeessisus qaba.

WhatsApp ergaawwan sarvarii isaarratti akka kuusuu fi ergaawwan karaa end-to-end encryption hidhaman hiikuu akka hin dandeenye irra deddeebiin ibsa.

Fuulli biizinasii WhatsApp garuu carraa end-to-end encryption hin qabu.

Malli ittiin namoonni ergaa waliif dabarsan heddu: Wickr me, Viber, Threema, Dust fi kanneen biroonis biyyoota addunyaa garaagaraatti hojiirra ni oolu.

Geetinnat akka jedhutti miidiyaaleen hawaasummaa kunneen hanga fedhan nageenyummaansaanii mirkanaa'uu ibsanillee odeeffannoon ba'uun waan hin oolle.

Saffisni ittiin odeeffannoon addunyaa waliin ga'u dabalaa dhufuun walqabatee, keessattuu interneetii walqabate nageenyi isaa mirkanaa'eera jedhanii murteessuun hin danda'amu jedha.

Meeshaaleen elektirooniksii interneetii qaban kamuu ''haleellaaf saaxilamoodha,'' jedha Geetinnat.

Nageenyummaa odeeffannoo dhuunfaan walqabatee namoota maqaansaanii ka'an keessaa tokko Edwaard Sinoowdan.

Isa mootummoonni eeyyama malee odeeffannoo namootaa basaasan akkasumas teeknooloojiiwwan odeeffannoo dhuunfaa walitti qabachuu qeequun guddoo beekama.

Gameessi teeknooloojii akkaan quba qabu kun nageenyummaa odeeffannoon sadarkaa kan kenneef miidiyaa hawaasummaa Signal jedhamuufidha.

Marsariitiiwwan teeknooloojii hedduunis Signal filatu.

Sirni Signal ijaaree baayyee cimaa fi amansiisaa waan ta'eef WhatsApp fi Messenger illee dhimma itti ba'u.

Geetinnat akka jedhutti teeknooloojiin gosa kamiiyyuu odeeffannoo dhuunfaa keenya gurguruun gatii guddaa kan argatu yoo ta'e duubatti hin jedhu.