Suuraan guyyuu bilbila keenyaan kaafnuufi viidiyoon waraabnu eessa taa'a?

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaatti si’a meeqa bilbila keessan ilaaltu?
Qorannoon barana taasifame namni tokko guyyaatti giddugaleessaan si’a 58 bilbila isaa ilaala jedha. Kana keessaa 30 bakka hojiitti waan raawwatudha.
Qorannoon biyyoota 47 keessa taasifame namoonni guyyaatti giddugaleessaan sa’aatii sadiifi daqiiqaa 15’f bilbila isaanii ilaalaa akka dabarsan akeeka.
Kanneen kana caalaa qabatanii dabarsaniif ta’e kanaa gadii dabarsan ni jiru.
Yeroo bilbila keenyarratti dabarsinu keessaa gara caalu miidiyaalee hawaasummaa ilaaluu, akkasumas suuraa kaasuufi viidiyoo waraabuun dabarsina.
Qorannoon biraa akka jedhuttimmoo sekondii tokkoon suuraawwan kuma 45, sa’aatii tokkoon suuraaleen miiliyoona 196, guyyaattimmoo suuraawwan biiliyoona 4.7 ni kaafamu.
Kilaawud (cloud) suuraa qofa osoo hin taane odeeffannoo kaan bilbila keenyarratti galmeessinu ni kuusa.
Bara 1960 keessa akka kalaqame kan himamu Kilaawud, irra jireessaan tajaajilicha kan kennaan Appil (iCloud), Amaazon (Amazon Web), Dropbox, fi Google dha.
Kilaawud kuusaa odeeffannoo akkamiin jijjiire? Akkamiin dalaga? Jechuun ogeessa Hubannoo Nam-tolchee (Artificial Intelligence) Dr Daanyaachaw Birruu gaafanneerra.
Jaarmayaa Teekinooloojii Kuwaantifiitti Hoogganaa damee Qorannoofi Qo’annoo Idil-Addunyaati.
Kilaawud maalidha? Akkamiin dalaga?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dr Daanyaachaw akka jedhanitti, Kilaawud kalaqamuu isaatiin dura dhaabbileen odeeffannoo isaanii giddugala itti kuufatan (central server) qabu ture.
Kana jechuun hojiin kan dalagamuufi odeeffannoonis kan kuufamu kompiitara waajjirichaa irrattidha jechaadha.
Namoonni odeeffannoo kan isaan kuusan bilbila, laapptoppii yoookiin haard diskii irratti ture.
Elektironiksoonni kunneen ni guutu. Saamichaafis ni saaxilamu.
Dhaabbileen gurguddoo kanneen akka Amaazon hojii isaaniif herreega kompiitaraa yookiin computation ni barbaadu.
Namoonni waan onlaayinii ajajan hordofuuf, akkasumas itti aanee maal bituu akka qaban akeekuuf kompiyuteeshiniin isaan barbaachisa.
‘’…Buufata daataa hedduu qopheessuu eegalan. Kana kan isaan itti fayyadaman daldala onlaayinii irraatiifi. Ergasii yaada daldalaa haaraa fidanii sarvaricha maamiltootaaf kireessuu eegalan,’’ jechuun ogeessi kuni himu.
Yaadni Kilaawud kana duras jiraatu Amaazon beekamtii isaa dabaleera.
Namoonniifi dhaabbileen karaa cloud computing odeeffannoo baay’ee hedduu yeroo dheeraaf ol kaa’u.
Kilaawud irratti odeeffannoon kan kuufamu gargaarsa intarneetaani. Odeeffannichi meeshaa elektirooniksii kamiinuu, yeroo kamittuu ni argama.
Kilaawud, osoollee meeshaan elektirooniksii suni bade odeeffannicha elektirooniksii biraan argachuu gargaara.

Madda suuraa, Getty Images
Fakkeenyaaf bilbila yeroo jijjiirru, suuraa, barreeffama, viidiyoo, ergaa gabaabaa, lakkoofsa bilbilaafi kaan bilbila haaraan argachuu dandeessisa.
Kanneen tajaajila tolaan kennan keessaa Google Drive, Dropbox, akkasumas Box keessatti argamu. Hammi odeeffannoo kuusan olaanaadha.
Saamicha odeeffannoo ittisuuf, akkasumas odeeffannoon nageenyi isaa eegamee yeroo dheeraaf akka turu ni garaagara.
‘‘Meeshaan Kilaawud qaamaan eessa akka argamu hin beekamu. Buufati daataa Teeksaasi ta’e Naayiroobii haa jiraatuu hin beekamu. Odeeffannichi bakka baay’ee ol kaa’ama,’’ jechuun ibsu.
Dhaabbileen kanneen akka Guugiliifi Maayikirosooft, viidiyoo, sagalee, sanadaafi kaan Kilaawud irratti akka ol kaawaman gorsu.
Dhaabbileen sarvarii hundeessuufi bulchuun baasii isaan baasisu xiqqeessuuf jecha Kilaawud kireeffatu.
Dhaabbileen miidiyaa hawaasummaafi kanneen tajaajila intarneeta kennaniis saffisa wayyaa qabuun akka dalagan Kilaawud gumaacha taasiseera.
Dr Daanyaachaw akka jedhanitti, kanneen akka YouTube fi Facebook kan dhufan sababa Kilaawud jiraatefidha.
Odeeffannoon bakkeewwan garagaraatii akka argamu dandeessisuun isaa saffisi tekinoloojii akka dabalaa deemu gargaaruu ogeessi kuni himu.












