'Sa'aatiin hojii kan ittiin viidiyoon haasa'amaa oolamu miti' - Hoogganaa teknolojii

Dubartii Kompitara irratti hojjataa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbileen hojjattoonni isaanii attamiin waajjira keessatti yeroo akka dabarsan irra deebiin itti yaaduu qabu jedhan hoogganaan aappii ergaa itti dabarsan Slack.

Yeroo ammaa haalli manaafi waajjiraa hojjachuu dabalaa dhufeera.

Haa ta'u malee, waajjira ta'un yeroo tokko tokko wantoota manaa hojjachuun hin dandeenyee raawwachuuf carraa akka kennu dubbatu Hogganaa Olaanaan dhaabbata Siack, Istiiwaard Baatarfild.

Kanneen meeshaa gurratti dhaggeeffatan kaawwachuun deeskii irra taa'an tokkoo qofa miti.

Hogganaan marsariitii ergaa karaa olaayinii kunis hojjattoonni laaptooppii isaanii manatti haa dhiisan hin jenne. Garuu, ammoo ''barbaachisummaa waajjiratti waliitti qabamu ilaalchisuun waan cimaa'' kaasaniiru.

Dhaabbanni isaanii waajjiraalee muummee Ameerikaa, Kaanaadaa, Jaappaan, Awustiraaliyaa fi Ayirlaandii qaba.

Haala waajjirasaanii Covid duraa yoo dubbatanis, ''Bakkeen harki 80 akka lafa qonnaa wayitti namoonni deeskii isaanii hunda ofumaan akka fayyadamaniifi sagalee dhageessistu isaanii akka dhaggeeffatan malee, nama kamiittu akka hin dubbannee taasifnee turre... akkasumaan qisaasama ture,'' jedhan.

Naannawa hojii mijataa

Namoota walgahii taa'aa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Jijjiiramni taasifamaa jiruus iddoo hojii dhaabbilee irra caalaa gara kilabii haawaasaatti geeddaraa jira. Kunis sababii namoonni gara waajjiraatti deebi'uun fuldura waliin hojii akka hojjatan barbaadamuufiidha.

''Wanti gaariin nu gochu dandeenyu bakka mijataa namoonni itti walitti dhufuun hojjataa itti gammadan uumuudha'' jedhe.

Namoonni yeroosaanii guutuu waajjiraa hojjachuu barbaadan ni simatamu. Kunis sababii manaa hojjachuun hin mijanneef kana filatan ta'u waan danda'uufiidha.

Waliigalattis dargaggoonni reefu hojii eegalan hiriyyoota isaanii waliin waajjiratti hojjachuu barbaadu.

''Dargaggoonni reefu yunivarsitii irraa eebbifame tokko, ogummaa hojii isaa osoo waajjira hin deemne eegaluu fi namoota hunda qaamaan arguu dhabuu yaaduun baay'ee rakkisaadha,'' jedha.

"Garuu ammoo irra caalaan hojjattoonni ogummaa, kanneen sa'aatii darbaa hojjatan, haalli itti wal argu danda'an kan barame wayii jiraachu qabaata jedheen yaada'' jedhan hogganaan kun.

'Walgahii karaa imeeliitiin'

Aab Batarfiild walgahii baay'ee hin jaalatan. Innis yaada Amaazoon kan Jeef Bezoosiin beeksiifame deeggaru.

Innis hirmaattoonni hundi jalqaba walgahii irratti yaadannoo fuula jahaa dubbifatu. Kanaafu ibsa haala Powerpoint dhiyaatuu taa'ee namni eeggatu hin jiru jechuudha.

''Irra caalaan walgahiiwwanii karaa barreeffamaatiin kan raawwatamu ta'a'' jedhan. ''Walgahiiwwan kunneenis karaa imeelitiin kan raawwatamaniidha.''

Kana malees yaada osoo hojjataan hundi yeroo tokkotti onlaayiin irra jiraachuun hin barbaachifnetti, gareedhaan hojjachuu (asynchronous work) jedhu deeggaru hogganaan kun.

''Anaaf eddoon hojii gareewwan irra caalaadhaaf kan attamiin bakka tokkoo fi yeroo walfakkaatuutti wal biraa hin jiraanneetti waliin hojjachu danda'an irratti hojjachuu qabu jedheen yaada. Kunis sababii hundi keenyaa namoota taaneefiidha'' jedha.