Waa'ee miidiyaa hawaasaa 'Mastodon' kan Tiwitaraan wal fakkaatu maal beektu?

Madda suuraa, nurphoto
Erga duuressi addunyaa kanarraatti sadarakaa 1ffaa irra jiru, Eloon Maask miidiyaa hawaasaa Tiwiitar bituun dhagahamee kaasee, fayyadamtoonni garii waltajjii biraa barbadaa jiru.
Hunda caala waltajjiin fayyadamaa jiru Mastodon kan jedhamu. Garuu inni maaliidha?
Midiyaan hawaasaa Mastodon jedhamu kun ammaatti fayyadamtoota 655,000 qabaachuu hima, isa keessaayis namoonni 230,000 torbe darbe itti dabalaman.
Irra keessa yoo ilaalamu, Mastodon Tiwiitar fakkaata - fayyadamtoonni mata- dureewwan ‘toots’ jedhamtu barreessu danda’u, kana irratti deebii argachuu, 'Like' fi qooduu (Share) gochu danda’an akkasumas wal hordofus ni danda’u.
Gara keessan yoo seenamu garuu Tiwiitaraan adda.
Sababa kanaaf fayyadamtoota haaraan fedhii argisiisuu, ta’us ammoo namoota amma fayyadamu eegalanitti yaada wal faallessu uumeera.
Waltajjiin kun erga uumamee waggaa ja’a jira garuu sochiiwwan ammaa raawwatama jiru kan kanaan dura ta’ee hin beekneef waltajjichi dhiphateera.
Kun qajeelfama gabaabaa itti fayyadamu dandeessanidha.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Sarvariiwwan kun hundi maalidha?
Waltajjii kanarratti wanti jalqaba namni filachu qabu sarvariidha. Baay’eetu jira, mataduree akka, biyya, magaalaa yookin fedhiin adda baafame.
Fakkeenya, biyyaa UK yoo filatte, waan arguu barbaaddu teknooloojii, tapha, faashinii filachuu dandeetta.
Sarvarii kamiyyuu irra jiraannaan namoota sarvarii biraa irra jiru hordofu dandeetta, garuu sarvarii tokko irra jiraachuun yookin filachuun namoota fedhii wal fakkaataa taʼe qabaniin wajjiin wal isaan barsiisa.
Sarvariin beekamoo ta’an kan akka UK fi ‘social’ kan jedhamu sababa namoonni itti baay'ataniif laafeera.
Raayaan Wild, kan Sarvariii Mastadoon UK'tti dhaabbatasaa ‘Superior Networks’ jedhamuun to’atu, sa’aatii 24 keessatti namoonni haaraan 6000 caalan seenun galmeessaa takka tursiisu hima.
“Waan namoonni seenuu barbaadaniif baru barbaade. Jimaata halkan hanga sa’aatii afur sarvarii dhaabe, ganama yommuun hirribaa dammaqu namoonni 1000 eegaa turan.”
Akkamiin namoota argachuu dandeetta?
Sarvariin ati filatu maqaa fayyadamtuutti dabalama. Fakkeenyaaf, maqaan kee gammachuu taannan, maqaan ati fayyadamtu akkas ittaanu kana ta'a: gammachuu@mastadonapp. biyya keessa jiru ta'a.
Yoo sarvarii tokko fayyadamtan maqaa nama qofa galchite barbaaduu dandeetta, sarvariin gargar taanaan ammoo oddeeffannoo guutuu qabaachuu qabda.
Tiwiitar irra haala adda ta’een, Mastodon namoota fedhii qabdu akka hordoftuuf yaada hin kennu. Akkasumas haashtaagii barbaaduu dandeetta.
Sarvariin kunneen maaliif jira?
Kunin salphaatti kan namaaf hin galle, garuu salphaatti akka hubatamu isinii godha.
Mastodon waltajjii tokko miti. Akkasumas nama tokkoon yookin dhaabbata tokkoon kan dhuunfatame miti. Sarvariin hedduun kuni neetworkii hedduu kan namoota fi dhaabbilee garagaraa wal qabsiisa.
Akkan jechuun qabbenyummaansaa giddu galamiti- akka dhaabbata tokkoo bitame gurguramuu hin danda’u.
Rakkoonsaa garuu, namni dhuunfaa yookin dhaabbatii sarvarii isaani fayyadamtu dhiisu murteessinaan akkawuntii kee dhabda.
Mastodon garuu abbootin sarvarii gaafa cufuu barbaadan ji’a sadii dura odeeffannoo fayyadamtootaf akka kennan gaafatu
Hundeessan Tiwiitaar kan jalqaba Jaak Doorsii neetworkii haaraa Bluesky jedhamu qopheessaa akka jiru hime, kunis giddu gala akka hin taane fedhii qabaachuu ibse ture.
Mastodon akkamiin to’atama?
Ammaatti sarvariin hundi seera to’annoo mataa isaa qaba, gariin hin qaban. Sarvariin garii kanneen jibba facaasuu irra adda bahuu filatan- akkan jechuun sarvariin kunin namoota kaanif hin mul’atan.
Akkasumas barreeffami abbootii sarvariitti himatamu danda’a. Jechoota jibba yookiin waan seeraan ala taanaan baafamuu danda’a - garuu bakka hunda haaqamuu hin danda’u.
Waltajjiin kunin guddannaan, kunin rakkoo guddaa ta’uf deema. Ammayyuu namoonni jechoota jibba facaasan jiru. BBC fakkeenya arge qaba.
Beeksisii jiraa?
Lakki. Beeksisii hommaatu hin jiru garuu dhaabbata keeti fi waan gurgurtu maxxansuun dhorkaa hin qabu.
Mastodon akka Tiwiitar wa’ee namoonni maxxansan eeggannoodhaan walitti qabee hin qindeessu- waan hordoftoonni kee jedhan akkuma isaan maxxansaniin argita.
Kanfalti malee fayyadamanii?
Sarvarii fayyadamtu irratti kan hundaa’edha - gariin buusii gaafatu, irra caalaa ammoo kanfalti malee fayyadamuu dandeetta.












