Itoophiyaatti miidiyaale hawaasaa hedduurra dhorkaan kaa’amuu Netblocks beeksise

Madda suuraa, Netblocks
Itoophiyaatti yeroo ammaa wayita wal dhabdeen mana amantaa keessatti cimaa jiru kanatti miidiyaalee hawaasaa namoonni ittiin ergaa wal jijjiruuf filatan irra dhorkaan kaa’amuun ibsame.
Dhaabbanni dhiyeessitii intarneetii addunyaa hordofu Netblocks jedhamuun beekamu akka himetti, Kamisa kaleessaa Guraandhala 9, 2023 irraa kaasee miidiyaalee hawaasaa kan akka Facebook, Messenger, Telegram fi TikTok irra dhorkaan kaa’ameera.
Haaluma walfakkaatuun magaalaa Finfinneetti appiiwwan fayyadamtoonni hedduun ergaa ittiin waliif dadabarsuuf fayyadaman kunneen inatarneetii argachuf akka rakkataa turan ibsaa jiru.
Fayyadamtoonni kaan ammoo appiiwwan akka Facebook fayyadamaa kan jiran sarara idileetiin alaan karaa appii VPN jedhamutiin ta’uu ibsaa jiru.
Haala fayyadama intarneetii irra dhorkaan wayita kaa’amuutti namoonni dhorkaa sana darbuuf jecha (VPN- Virtual Private Newtwork)tti fayyadamu.
Baroota darban keessa fedhiin VPN’tti fayyadamu Itoophiyaa keessatti yeroon itti baayyee dabale ture.
Netblocks akka jedhetti, appiiwwan oliitti eraman kanneen irra dhorkaan kan kaa’ame dhaabbata dhiyeessaa tajaajila intarneetii mootummaan bulfamu karaa Itiyoo-telcomiitiin.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Haata’u malee dhaabbanni Itiyoo-telekoom dhimma kana ilaalchisee hanga yoonaatti wanti fayyadamtootaatti hime hin jiru.
To’annoowwan dhiyeessitii tajaajila interneetii akka agarsiisaniitti, appiiwwan akka Faceboo, Messenger, TikTok fi Telegram irra dhorkaan ka’amu Netblocks mirkaneesse.
Dhaabbanni Netblocks akka jedheetti, dhorkaan intarneetii kun kan kaa’ame wal dhabdee mana amantaa ortodoksii Itoophiyaa keessatti umamee hordofuun yeroo mormiin mootummaa irratti dhaggeesifamaa jiruuttiidha.
Itoophiyaatti tasgabbii wayita dhibu ykn wayita qormaanni biyyaaleessaa kennamutti appiiwwan miidiyaalaa hawaasaa irra dhorkaan kan kaa’amu yoo ta’u yeroo tokko tokko ammo mootummaan yeroo itti gutummaan tajaajila intarneetii itti cufu kan barameedha.
Mootummaan Itoophiyaa yeroo ammaatti tajaajila intarneetii irra dhorkaa kaa’u ilaalchisee kan jedhe jiraachu baatulleen, dhorkaan kunis wal dhabdee tibban mana amantaa ortodoksii keessatti umameen wal qabachu akka danda’u tilmaamameera.
Manni amantaa ortodoksii wal dhabdee keessoo isheetti torban lamaan dura umamee ture hordofuun, mootummaan dhimma batasikaanaa keessa galeera jechuun, hiriira mormii taasisuuf waamicha dhiyeessuun ni yaadatama.
Haata’u malee mootummaan waamichi mana amantichaa hiriiraaf taasisaa jiru beekamtii hin qabu jechuun erga ibseen boodas, bataskaanitiin dhorkaa mootummaa akka hin fudhannee beeksiifte jirti.












