Wal dura dhaabannaan mootummaa fi mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahido Itoophiyaa gidduu hammaachaa dhufe

Madda suuraa, EOTC
Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa hiriira Dilbata dhufaaf waamte akka irraa hin ooluu yoo himtu, mootummaan ammoo nageenya lammiilee mirkanneessuuf takaanfii seera kabachiisuu cimaa ta'e keessa kan galu ta'u ''asumaan achii beeksiisuun barbabaada'' jedhe.
Manni amantaa Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa hiriira nagaa ALI Guraandhala 5 bara 2015tti waamte, dhorkaa mootummaan dabarse bira darbuun gaggeesuf qophii tahuu ibsa baafteen dhaadatte.
Mootummaan gamasaatiin ''Dhimmichi kan sarara diimaa bira darbe ta'ee waan argateef hiriirri nagaa 'hiriira haarsaa jedhu waan hin jirreef tasgabbii biyyaaleessaa uumuufi nageenya lammiilee mirkanneessuuf jecha mootummaan tarkaanfii seera kabachiisuu cimaa keessa kan seenu ta'uu beeksiisa'' jechuun akeekkachise.
Manni Kiristaanichaa ibsa Kamisa galagala baasteen, '‘rakkinaa fi ari’atama mana amantichaa irra gahe hawaasa idil-adunyatti beeksisuuf hiriira waamne mootummaan nu dhorkuu hin qabu’' jedhe.
Kun ibsa Waloo Koreen Nageenyaafi Tasgabbii Biyyaalessaa Roobii galagala baasee mormuun kan kennamedha.
Koreen waloo nageenyaas dhibdee Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo keessatti dhalate ''karaa nagaan qofa akka furamu tattaafiin godhamuu qaba'' jechuun hiriirri gaggaffeefamuuf qophiitti jiramu kan hin eeyyamamne tahuu ibse ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Daqiiqota muraasa booda ammoo mootumaan ibsa kenneen wal dhabdee mana amanticha keessatti mudate furuuf jaarsoliin biyyaa fi qaamonni isaan ilaallatu hojjechaa jiru jedhe.
Haatahu malee qaamni ''hiriira aarsaa kaffaluu’’ gaggeesina jechuun qopheessaa jiruufi abbootii qabeenyaa, namootaa siyaasaa fi dargaggoota of keessatti ijaare akka jiru mootummaan bira gaheera jedhe.
Ibsi har'a Tajaajila Komunikeshinii Motummaatiin bahe itti dabaluun, qaamni kunis caasaa isaa gubbaatiii hanga gadiitti hawwaasa keessa diriirsee akka jiru eere.
Carraa kanatti fayyadamuun meeshaa waraanaa hidhachuun hookkara kaasuun mootummaa raasuuf kan karoorfate qaamni kun, dargaaggoota filee bobbaasaa jiraachuu fi maallaqa kanaaf oolu walitti qabaa jiraachuu mootummaan bira gahuu ibse.
Dabalataanis, qaamni kun karaa seeraan alaatiin humnoota hidhatan waliinis hariiroo qabaachuu akka quba qabu mootummaan ibseera.
Gama biraan ammoo, manni kiristaanichaa ibsa isaa keessatti hiriira nagaa waamuun mirga heeraan ''nuuf kenname waan taheef mootummaan kana dhorkuun ofumaan seera ittiin gaggeeffamu cabsuudha’' jette.
Mootummaan dhimma kana keessaa bahuun seera kabachiisuu qaba jedhan.
''Miidhama nurra gahe hawwaasa idil-adunyaatti waan beeksisnuuf mootummaanis ukkaamsaa fi gudduugalummaa keessaa bahee seera akka kabachiisuufi hiriira gaafa Guraandhala 5/2015 waamne akka eeyyamu gaafanna,’’ jedhan.
''Gaaffiin mirga heeraa gaafanne tokko tokkoon deebisuun furmaata filannoo hin qabne tahuu dedebisnee beeksifna.’’
Gamtaan waloo nageenyaafi tasgabbii ibsa baase keessatti ''qaama isa ilaallatuun hiriirri hayyama argate waan hin jirreef uummatichi hiriira seeraan alaafi gochoota walitti bu'iinsa uuman irraa akka of eegu ni akeekkachiisa'' jedha.
Dabalataan amantootaa fi lubootni hidhaman akka gadhiifaman, akkasumas qaamni seeraan ala ittiin jedhan mana amantaa fudhatan kan seera qabeessa tahetti deebisuu qaba jedha.
Tibbana hookkara bataskaana magaala Shashammannee keessatti ka’een lubbuun namaa darbuu mootumman ibseera.
Manni Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa kanaaf humnoota nageenyaa mootummaa yoo himattu, odeffannoo BBC’n qaama nageenyaa magaalittii irraa argate ammoo poolisoonni shan rasaasan rukutamuu agarsiisa.
''Amantootaa fi lubootni seeraan ala sababa tokko malee mana hidhaa galaniiru. Sarbani mirga namoomaa guddaan humnoota nageenyaa mootummaan isaan irratti rawwateera’’ jette.
Mootummaan mana amantaa seera qabeettii fi waggoota dheeraaf biyyaaf bu’aa guddaa buuste dhagahuu irra hojii hookkara kakkaasuu cimsee itti fufeera jechuun qeeqan.
Akka biyyaatti mootummaan rakkoo mudate ni fura jenee amannus kun tahuu didee inumaa bittaan isaa itti hammaachaa dhufeera.
Dabalataan mootummaan abboota amantaa Qulqulluu Siinodosiin dhorkaman hordoftoota amantichaa gochuu qofa osoo hin taane seera qabeessa isaan gochuun isaa maqaa mana amantichaa kan xureessudha jedhan.
Dubbiin kun ammoo abbootiin amantaa Ortodoksii Abbaa Saariwoosiin durfaman Siinodosii Oromiyaa si Sabaaf sablammootaa hundeesuu fi phaaphasota 26 muuduun bobbaasuu ibsuu isaanii hordofeeti.
Qulqulluu Sinodosii Ortodoksii Itoophiyaa ammoo abbootii amantaa muudamicha gaggeessan sadan tajaajila kamirraayyuu dhorkuu fi maqaa isaanii jalqabaan akka waamaman murteesuu ibsite.
Kun Kanaan osoo jiruu abbootiin amantaa muudaman bakka ramaddii isaaniitti deemuun simannaan taasifamaafi jira.
MM Abiy wal dhabdeen ana amantichaa keessa jiru karaa nagaa furamuu akka qabu himuun, gaaffiin mirgaa kan afaan ofiin tajaajilamuus deebi’uu akka qabu dubbataniiru.
Garuu manni amantichaa hanna, siyaasaa fi sanyummaa irraa bilisa tahuun dhimma afuuraa irratti xiyyeeffachuu akka qabdu dubbataniiru.
Kun garuu mana amantaa Ortodoksii haadhoo dheekkamsiisuun mootummaa wlaiin wal dura dhaabachuu fide.
Manni amantichaa mootummaan dhimma amantaa keessa harka galfate jechuun qeeqan.
Akka heer amootummaa Itoophiyaatti mootummaan dhimma amantaa keessa, amantaanis dhimma mootummaa keessa galuu akka hin qabne ibsa.












