Jiraattonni Finfinnee huccuu halluu gurraacha uffatan tajaajila dhorkamuu himatan

Waamicha Sinoodosii booda hordoftoonni amantichaa haala kanaan duraa irraa bifa adda ta'een huccuu halluu gurraachaa uffachuun manneen amantittii kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti argamanitti kadhannaa taasisaa jiru

Madda suuraa, EOTC BROADCASTING SERVICE AGENCY

Atakaaroo Mana Amantii Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti mudate hordofuun amantoonni huccuu halluu gurraachaa uffatanii soomaa fi kadhannaa akka raawwatan ajajameera.

Ajaja kana hordofuun amantoonni uffata gurraacha uffachuun bataskaana kutaalee biyyattii garaagaraatti ba'uun kadhataa jiru.

Torbee lama dura phaaphaasonni sadii namoota 26 ta'aniif muudama kennuu fi muudamichis seera mana amantittiin ala jedhamuu hordofee dhibdee mudate boodadha, Sinoodosiin Itoophiyaa labsii kana kan labse.

Labsii Sinoodosii kana hordofee amantoota huccuu gurraacha uffachuun bataskaana deemanii waaqeffatanirratti miidhaa qaqqabaa jiraachuu miidiyaaleen mana amantittii gabaasaa jiru.

Akkasumas ammoo waajjiraaleen mootummaa fi dhuunfaa gariin, hojjettoonni isaanii huccuu halluu gurraachaa akka hin uffanne akeekkachiisuu fi kanneen uffatanii argaman tajaajila dhorkachuu namoonni BBCn dubbise ibsaniiru.

Jiraattonni magaalaa Finfinnee BBC'f yaada kennan, uffata gurraacha waan uffataniif waajjira mootummaa tajaajilamuuf deeman seenuurraa akka dhorkaman himan.

Akka isaan jedhanitti waajjiraaleen tajaajila isaan dhorkatan kutaalee magaalaa, biiroolee galiiwwanii fi buufataalee poolisii aanaaleerra jiraniidha.

Dhimma Mana Amantittii yeroo ammaa qabatee mana murtiitti kan falmaa jiru ogeessi seeraa Andu'aalam Ba'iwuqatuu Gadaa sababa halluu huccuu uffataniin namoota hiraarsuun dhiittaa mirga namaatti lakkaa'ama jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Namoonni huccuu halluu gurraacha uffachuun dirqama amantiinsaanii itti kenneedha, akkasumas bu'uura heera mootummaa kan qabuudha,'' jedhe Andu'aalam.

''Hordoftoonni amantichaa akka gurraacha uffatan Qul.Sinoodosiin erga ajajamanii ajaja kana hojiitti hiikuutu irra jiraata,'' kan jedhu ogeessi seeraa kun, amantoonni gocha akkanaa akka raawwataniif kan eeyyamu heera mootummaa keewwata 27 ta'uu eere.

Heera mootummaa Itoophiyaa keewwata 27 jalatti mirgi walabummaa amantii fi ilaalchaa ifatti taa'ee jira.

Keewwata xiqqaa 1 jalatti, namni kamuu amantii fedhe filatee hordofuu, waaqeffachuu, barsiisuu fi calaqqisiisuuf mirga qaba jedha.

Kanaafuu jedha ogeessi seeraa kun, namoonni akka uffata gurraacha hin uffanne dhorkuun faallaa heera mootummaati.

Andu'aalam namoota dhuunfaas ta'e jaarmiyaa mootummaa sababa huccuu gurraachaa namootarraan miidhaa geessisan himachuuf namoota miidhaman irraa odeeffannoo walitti qabachaa jiraachuu BBCtti hime.

BBCn dhimma kanarratti waajjiraalee mootummaa himataman irraa yaada argachuuf yaaliin taaise hin milkoofne.