Tiraamp magaalonni Ameerikaa wiirtuu leenjii waraanaa ta'uu qabu jedhan

Tiraamp miseensota waraanaa duratti haasaa taasisan

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp magaalonni Ameerikaa ''wiirtuu leenjii'' waraaanaa akka ta'an fedha akka qaban dubbatan.

Bakka aanga'oonni waraanaa addunyaa wal ga'anitti haasaa kan taasisan Tiraamp ''jeequmsa siivilii'' akka diina keessootti ibsan.

''Yoo isin keessa seentan rakkoon to'annoon ala hin ta'u,'' jedhan Tiraamp.

Kun erga Tiraamp eegdota biyyaalessaa- National Guard jedhaman magaalota akka Washingitan DC, Los Anjelas fi Portilaand, Oregan keessatti bobbaasanii ta'e.

Bulchiinsi Tiraamp yakka magaalota kunneen keessatti hammaate qolachuu fi hojii dhimmoota godaantotaan walqabatu tumsuuf tarkaanfii waraanaa fudhachuu ibsa.

Pirezidant Tiraamp magaalota Dimokiraatonni bulchan kanneen akka Saan Firaansiskoo, Chikaagoo, Niw York fi Los Anjelas keessa haala jiru qeequu itti fufaniiru.

Magaalota kunneen keessatti olaantummaa seeraa kabachiisuuf humna waraanaa fayyadamuu akka itti fufan ibsan.

''Bakka nagaan hin jirre ta'aniiru. Tokko tokkoon isaan qajeelchina,'' jedhan Tiraamp. Namoonni waliin jiran hundi xiyyeeffannaan isaanii kana ta'uu ibsan.

''Kun waraana keessooti. Daangaa fiizikaalaa biyya keenyaa eeggachuun nageenya biyyaalessaa keenyaaf akkaan murteessaadha. Namoonni kunneen akka nutti seenan hin eeyyamnu.''

Kora loltootaa Tiraamp irratti dubbatan kanarratti eegumsi akkaan cimaa ture.

Korri kun giddugala leenjii waraanaa [damee hundaa] kan Varjiiniyaa keessatti lafa hektaara 22,257.71 irratti argamu Marine Corps Base Quantico jedhamu keessatti gaggeeffame.

Aanga'oota waraanaa olaanoo ta'antu achitti walga'an. Jeneraalonni fi admiiraalonni addunyaa kanaa bebbeekamoon callisaan taa'anii aanga'oota lama dhaggeeffatu- Tiraamp fi Hegseth.

Waltajjicha Hoogganaa Humna Waraanaa US Pete Hegseth wayita eegalan, humni waraanaa US kana caalaa jabaatee guutuu ta'ee argamuu qaba jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yaa'iin aanga'oota waraanaa kun iccitiidhaan gaggeeffame. Wayita walga'iin kun taa'amu qondaalli dhimma kana uummataaf ibse tokkollee hin turre.

Kun ammoo waan Tiraamp fi Piit Heegsez jedhan si'oominaan akka eegamuu fi akka madda hamii ta'u daandii saaqeera.

Waa'ee rifoormii Heegsez kaasan irratti yaada kan kennan Tiraamp, ''ga'umsa, dandeettii fi amala loltummaa fooyyessuun fedhii nama dhuunfaa galmaan ga'uuf miti,'' jedhan.

''Biyya keenya eeguudhaafi. Waa'ee walabummaa Ameerikaa tiksuutti wayita dhufnu siyaasa sirrii ta'etti dhiphachuu nu hin gaafatu,'' jedhan Tiraamp.

Pirezidantichi Ministeera Ittisaa gara Ministeera Waraanaatti geeddaruu isaaniin akka boonan ibsaniiru.

Wayita Tiraamp dubbatan galmi aanga'oota waraanaa olaanoon guutame callisaa ture.

Tiraamp haala kanattis qoosaniiru. ''Waltajjii callisa akkanaa qabu argee hin beeku,'' jedhan.

Dubbii isaanii itti fufan: ''Waliin taanee miira loltummaa ol kaasna. Kunis miira mo'ichaa fi biyya keenya ijaaruuti,'' jedhan.

Tiraamp milkaa'ina damee waraanaan argamaa jiruu fi marsaa lammataa pirezidantummaa isaanii ol kaasuun jeneraalota duratti leellifataniiru.

''Waraana torba dhaabsisuun saddeettaffaaf hojjechaa jiraachuus'' dubbatan. Kunis yoo Hamaas karoora isaan dhiheessan fudhate Israa'el waliin walitti araarsuu jechuusaaniiti.