Pirezidanti Tiraamp gabaasa 'duutee jirta' jedhameef deebii kennan

pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waa'ee fayyaa isaanii irratti dubbatan

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waa'ee fayyaa isaanii fi gabasa pirezidaantichi ''du'aniiru'' jechuun bahe irratti deebii kennan.

Ibsa kaleessa galgala waajjira isaaniitti argamuun kennan irratti Tiraampi fayyaa guutuu akka qaban himan.

''Akka duuteettu gabaasa bahe argiteettaa?'' jechuun gaazexessaan tokko Pirezidaanti Tiraampi gaafate.

Tiraamp ''lakki hin argine, garuu hamii xinnoo dhagaheera'' jedhan.

''Torban darbe ibsa miidiyaa hedduu kennaan ture. Isas karaa milkaa'aa taheenin xumure.

''Guyyaa lamaaf na hin argine. Kanaafidha, waa taheeti jedhanii gabaasuu kan jalqaban. Baayiden ji'ootaaf osoo hin mul'atiin ture. Yeroo sana namni waa isa jedhe hin jiru. Akkasumatti hundi keenyayyuu akka fayyaa qabu beekna ture,'' jechuun deebii kennan.

Maxxansa hedduu miidiyaa hawwaasaa 'Truth' irratti kennaa ture kan jedhan Tiraamp sagantaa adda addaa irratti kan darbu waraabamaa turuu himan.

''Torban darbe kana inumaayyuu fayyaa guutuu qaba ture. Dammaqeeman hojiikorra ture.

Miidiyaaleen tokko tokko gabaasa dhugaa hin taane dabarsu. Waan kana haala akkasiin garuu hin dhageenye ture,'' jedhan Tiraamp.

''Gabaasa sobaati,'' kan jedhan Tiraampi akka isaan [miiidyaaleen] 'fayyaa isaatii? Maalitti jira? Maaliif hin mul'atu?' jedhanii gaafatan nan beeka. Garuu sadarkaa kanatti odeeffamuu isaa hin beekun ture,'' jeddhan.

Tiraampi yaaddoo fayyaa qabuu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ji'a darbe keessa Waayit Haawus pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhibee ujummoo dhiigaa yeroo dheeraa (chronic venous insufficiency) jedhamu akka qaban beeksiseera.

Ibsa oduu idilee kennaniin, Ministirri Pireesii Kaarooliin Liiviit, Tiraamp kan ganna 79, miilli isaanii dhiita'uu ibsuun, boodarra dhukkuba kanaan qabamuunsaa doktora isaatiin adda bahuu himan.

Tiraamp dhiheenya kana, suuraa harka isaanii irratti mallattoon madaa fakkaatu mul'ateera.

Waayit Haawus garuu sun kan dhukkubbii ujummoo dhiigaa waliin wal hin qabanne ta'u himuun, innis sababa harka wal fuudhuu irra deddeebiiin taasisaniitiin dhiita'uu ibseera.

Haalli dhibee Tiraamp kun ''kan barame'' fi keessumaa namoota umuriin isaanii waggaa 70 ol ta'e irratti baramaa ta'u hakiima Waayit Haawus, Kaapteen Sehan Barbaabelaa gaazexeessitootatti himaniiru.

Hanqinni ujummoo dhiigaa yeroo dheeraa kan uumamu yeroo ujummoon miilaa dhiigni gara onneetti akka deebi'u hin hayyamneedha. Kunis dhiignii qaama gadii keessatti akka walitti qabamu taasisa.

Idileedhaan dhiigni miila irraa gara onneetti deebi'ee gara ujummoo dhiigaatiin dhangala'uun kan socho'u yoo ta'u, kunis namoota dullooman irratti adeemsa rakkisaa ta'uu danda'a.

Kunis sababa hidda dhiigaa (valve) ujummoo dhiigaa keessa jiran laaffisuu irraa kan ka'e ta'uu danda'a, innis waanuma namoonni yeroo dullooman uumamuu danda'u.

Sababa dadhabbii ujummoo dhiigaatiin dhiignii yeroo dheeraaf miila keessatti yoo walitti qabamu, akka dhiheenya suuraa miila Tiraamp irratti mul'atutti dhiita'uu danda'a.

Akkasumas dhukkubbii fi hooksiisuu qabaachuu danda'a, ykn haala cimaa ta'een ammoo jijjiirama gogaa, malaa qabaachuu, dhiiguu ykn dhibee ujummoo gadi fagoo itti dhagahamu danda'a. Kunis miila keessatti itiituu dhiigaa ta'ee mul'achuu danda'a.

''Haala hamaa ta'e kan biraa wajjin walqabachuu danda'a, garuu mataasaatiin waan hamaa miti. Akkasumas baay'ee kan baramedha,'' jechuun dura taa'aan kutaa baqaqsanii hodhuu ujummoolee dhiigaa Yunivarsiitii 'Wake Forest' Dr Maatiyoo Edwaards BBC'tti himan.

"Namoonni umuriin walfakkaatu keessa jiran, tarii namoonni %10 hanga %35 gidduutti ta'an haala akkanaa ni qabaatu jedheen yaada,'' jedhan.

Dhaabbanni baqaqsanii hodhuu ujummoolee dhiigaa Ameerikaa keessa jiru akka jedhetti, haalli kun qaama dhibee kanaan qabame irratti ulfaatina,akkasumas dhiita'uu fi dhukkubbii fiduu danda'a.

Yeroo tokko tokko ammoo rakkoon ujummoo dhiigaa kun dhukkubbii, dhiita'uufi madaa miilaas fiduu danda'a.

Akkasumas yoo cimee ammoo sochii qaamaa fi bakka bakkaatti socha'uu irratti dhiibbaa fiduu danda'a jedhan Prof. Chetter.

Istookiingii wallaansa yaalaatiin hojjetame uffachuun haala kana to'achuuf gargaaruu kan danda'u yoo ta'u, ogeeyyiin dhukkubsattoonni halkan miila isaanii akka ol kaasanii fi looshinii akka fayyadamanis gorsu.

Rakkoon kunis haalli innitti lubbuuf yaaddeessuu ''baay'ee baay'ee muraasadha,'' jedhan Prof Chetter.