Tiraamp dhibee ujummoo dhiigaan qabamuu Waayit Haawus ibse

Madda suuraa, Getty Images
Doonaald Tiraamp dhukkuba ujummoo dhiigaa yeroo dheeraatiin rakkachaa akka jiran Waayit Haawus Kamisa kaleessaa beeksiseera.
Waayit Haawus kana kan ibse guyyoota muraasaaf suuraawwan harka fi miila pirezidaantii Ameerikaa irratti madaa'uu agarsiisan qoodamaa turuu hordofeeti.
Dhiheenya kana miila isaaniirratti dhiita'uun erga mudatee booda, Tiraamp qorannoo ujummoolee dhiigaa dabalatee ''qorannoo guutuun'' taasifamuu pirees sekiriteeriyaatiin Waayit Haawus Kaarooliin Liiviit himaniiru.
Leavitti harka Tiraamp irratti madaan mudate ''harka wal fuudhuu yeroo baayyee irraan kan ka'e miidhaa tishuu'' yeroo inni qorichaa fudhachaa ture muudate ta'uu kan agarsiisudha jette.
Tiraamp, manguddoo ganna 79, yoo ta'an yeroo baayyee fayyaa isaanii jajatu.
Yeroo tokko ''pirezidaantii fayyaa ta'anii fi lubbuun jiran hundan caalaa'' jechuun dubbataniiru.
Halli dhibee ujummoo dhiigaa haaraa pirezdaantichi ittiin qabame kun hanqina ujummoo dhiigaa yeroo dheeraa (chronic venous insufficiency) jedhamuun kan beekamudha.
kan uumamu yeroo ujummoon miila dhiiga gara onneetti paampii gochuu dadhabee qaama gadii keessatti akka walitti qabamu taasisa.
Sanaan booda mallattoowwaan dhiita'uu mul'isuu danda'a
Dr. Meryol Logan gargaaraa piroofeesara baqaqsanii yaaluu ujummoolee dhiigaa Yunivarsiitii Teksaas Oostiin akka BBC 'tti himanitti hiddi dhiigaa dhiiga ol dhiibee miila keessaa baasee gara onneetti deebisuu qaba jedhamee yaadama jedhu.
Dhiigni miila irraa gara onneetti deemuu faallaa harkisa lafaa deemuu waan qabuuf, adeemsi kun kan cimuu ta'uu danda'a.
"kanaaf dhibeen ujummoo dhiigaa yeroo dheeraa kan uumamu ujummoon dhiigaa fi sun sirnaan dhiiga gara onneetti dabarsuu yoo dadhaban dhiigni miila gad deebi'ee akka yaa'u ta'a," jechuun ibsiteetti.
Pirezidaantii Ameerikaa umuriin raage

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Leavit "ragaan dhibee ujummoo dhiigaa cimaan akka hin jirree fi bu'aan qorannoo hundi "haaluma sirrii keessa akka jiru' kan eerte.
Yaadannoo hakiima Waayit Haawus Sehan Barbabella irraa gabaasaa miidiyaaf qoodame akka ibsutti, haalli kun keessumaa namoota umurii manguddummaa ykn waggaa 70 ol ta'an irratti kan mul'atuu fi kan baratame ta'uu ibseera.
Qorannoon dabalataa akka agarsiisutti Tiraamp irratti ''mallattoon onnee dadhabuu, kalee dadhabuu ykn dhukkuba sirna hargansuun wal qabatu hin jiru'' jedha yaadannoo Barbabella.
Walumaagalatti, Doktarri kun Tiraamp ''fayyaa gaarii'' keessa akka jiran ibse.
Ogeeyyiin Kaameraa miila Tiraamp kan dhiita'e fakkaatu kan waancaa xumuraa waancaa addunyaa Kilaboota Fifaa Niiw Jeersii irratti Adoolessa 13 kaasan yoo ta'u, suuraan boodarra jalqaba torban kanaa MM Baahireen Salmaan Bin Hamad bin Isaa Al Khaliifaa waliin Waayit Haawusitti walgahii taasisaniin harki isaanii kan madaa'e suuraa kaafamee qoodameera.
Harka pirezidaantichaa irratti madaan mudate kanaan duras Gurraandhala keessa pirezidaantii Faransaay Imaanu'eel Maakroon waliin wal arguun suuraa ka'e irrattis mul'atee ture.
Miilli isaa dhiita'ee fi madaa'uunharka isaa tilmaama fi oduu namootni toora interneetii irratti pirezidaantichi dhukkuba hin ibsamne waliin wal'aansoo qabaa jira jedhu akka babbal'atu taasiseera.
Ji'a Eblaa keessa qorannoo fayyaa waliigalaa waggaa waggaadhaan erga godhanii booda, Barbaabeellaan Tiraamp ''fayyaa hubannoo fi qaamaa ga'aarra'' jira jechuun eeranii ture.
Tiraamp yeroo baatii Amajjii keessa yeroo lammataaf kakatan umriin isaanii waggaa 78 fi ji'a torbaa yoo ta'u, pirezidaantii US keessatti aangoo qabatanii hanga ammaa keessaa kan umuriin raaganiidha.

Madda suuraa, Getty Images
Waa'ee dhibee ujummoo dhiigaa yeroo dheeraa kan beekuu qabnu
Doktooronni biroo ilaalcha Barbaabeellaan rakkoo hanqina ujummoo dhiigaa yeroo dheeraa ilaalchisuun ibsan irratti walii galuu isaanii BBC'tti himaniiru.
''Haala hamaaf nama saaxiluu danda'a, garuu ofuma isaatii rakkoo hamaa miti, akkasumas baay'ee kan baramedha,'' jechuun dura taa'aan kutaa baqaqsanii hodhuu ujummoolee dhiigaa Yunivarsiitii Wake Forest Dr. Maatiyoo Edwaards BBC'tti himaniiru.
"Umurii amma pireezdaantichii irra jiran kana keessatti namoonni naannoo %10 hanga 35 ta'an kana ni qabaatu jedheen tilmaama."
Balaan dabalataa furdina garmalee qabaachuu, dhiigni dhangala'uu qabaachuu fi hojiiwwan dhukkubsattoonni yeroo dheeraaf miila isaanii irra kaa'an irratti hojjechuu akka dabalatu ogeeyyiin ni ibsu.
qorichootni dhiibbaa sadarkaa yaalaa addatti qophaa'e kan dhibichacha to'achuuf gargaaruu kan jiru yoo ta'u, dhukkubsattoonni halkan miila isaanii ol kaasanii akka rafanis kan ogeeyyiin gorsan.
"Dhukkubsattoonni guyyaa guyyaandibata gaarii miila isaanii hunda irratti akka dibatan, akkasumas sababoota balaa biroo akka furdina garmalee akka to'atan nan gorsa," jechuun Dr. Logan eeraniiru.
Harki pirezidaantichaa dhiita'e

Madda suuraa, Getty Images
Hanqinni ujummoo dhiigaa yeroo dheeraa qaama gadii qofa irratti dhiibbaa waan qabuuf, dhiita'uu harka pirezidaantichaa irratti mul'atuun kan wal hin qabanne akka ta'etu eerame
Ogeessi fayyaa pirezidaantichaa akka ibsetti, madaan kun harka walqabachuu fi miidhaa cinaa qoricha dhukkuba onnee, dhiigni sammuu keessatti dhangala'uu ittisuuf gargaaru fudhachuu irraa kan ka'e ta'uu ibseera.
Dr. Edwaards yaada doktorri Waayit Haawus Tiraamp qoricha fayyadamuun umurii isaanii waliin wal qabatee madaa kana ibsuu akka danda'u taasise irratti walii galuu isaanii ibsaniiru.
"Akkuma umuriin keenya dabalaa deemuun salphaatti dhiita'uu dandeenya, kunis yeroo baayyee namoota qoricha dhiiga qallachuu biroo fudhatan irratti mul'ata."
"Namni tokko harka kee jabeessee yoo qabate ta'uu akka danda'u mirkanaa'adha, (madaan si mudachuu danda'a)," jechuun Dr. Edwards.












