Waayee agarsiisa waraanaa Tiraamp guyyaa dhalootasaaniirra bu'ee waan beeknu

Agarsiisa waraanaa Tiraamp

Waraanni US Sambata kana agarsiisaa waraanaa guddaa magaalaa Waashingitan DC keessatti mul'isuuf qophaa'aa jira.

Agarsiisni kun hundeeffama waaraan biyyaalessaa waggaa 250fffaa sababa godhachuun gaggeeffama.

Tiraamp yeroo dheeraaf sirna akka kanaa qopheessuu hawwu turan. Guyyaa har'aas hawwiin isaanii dhugaa ta'ee loltootni 6,000, konkolaattootni waraanaa 150fi xiyyaaronni waraanaa 50 agarsiisa yoo mul'isan taa'anii taajjabu.

Agarsiisni kun guyyaa dhalootaa Tiraamp waggaa 79ffaa waaliin walirra bu'eera.

Kaayyoon agarsiisa kanaa gahee waraanni US injifannoowwan seenaa qabeessa ta'an keessatti qabaniifi cimina Ameerikaa leellisuudha.

Agarsiisa kanaaf baasiin doolaara miiliyoona 45 ta'u akka bahu waraanni biyyattii beeksiseera.

Mormitootni baasiin hanga kanaa kaffaltoota gibiraarraa sassaabame tola lafatti badaa jira jechuun qeequ.

Agarsiifni waraanaa UStti barataamaadhaa?

Agarsiifni waraanaa biyyoota adda addaa keessatti baratamaadha. Fakkeenyaaf Faransaay keessatti guyyaa biyyaalessaa kan jedhamu Bastille Day irratti agarsiisfni warranta jira. Raashiyaan guyyaa injifannoo wayita kabaju agarsiisa waraanaani.

US yeroo dhumaatiif loltoota hedduu hirmaachisuun agarsiisa walfakkaataa kan raawwatte bara 1991 xumura waraana Galfii kan jalqabaa yaadachuuf ture.

Agarsiisa sana irratti loltootni US 8,000 ta'an Waashingitan DC keessatti hiriiraniiru.

Agarsiisa kanarratti wantoota eegaman keessaa tokko agarsiisa taankiifi konkolaattota waraanaati.

Konkolaattotni waraanaa kunniin maayilii 1,500 Teksaasirraa baaburaan imalanii torbee darbe DC gahaniiru.

Konkolaattoota waraanaa teeknoolojii ajaa'ibaan hojjetaman keessaa M1 Abrams tanks, Bradley fi Paladin Self-Propelled Howitzers kan jedhaman ni argamu.

Taankiin Abraams tokkochi kg kuma 70 ta'a. Gaaffiin ka'aa jiru daandiiwwan DC ulfaatina hanga kanaa dandamachuu danda'uu kan jedhuUdha.

Waajirri geejibaa biyyattii daandiiwwan magaalittii hanga kg 40,000 baachuu Akką danda'an ibsaniiru.

Kanumaafis torban darbe kana injinaroonni daandiiwwan murteessoo jedhamaniirra sibiila afaa bahan.

Dabalataan hilikooptarootnifi xiyyaarotni waraanaa seena qabeessa ta'an irratti hirmaatu. Kana keessa tokko waraana addunyaa lammaffaarratti kan duulan xiyyaarotni P-51 Mustang fi B-25 Mitchell bomber ni argamu. Hilikooptaroonni Black Hawk jedhamanis ni hirmaatu.

Agarsiisa kana irratti daawwattootni hanga 200,000 ta'an ni daawwatu jedhameera. Kanaafis eegumsi cimeera.