Kaayyoon haleellaa Israa'el mootummaa Iraan humnaan jijjiiruu ta'uu mala, garuu balaa akkamii qaba?

Iraan bakka haleellaa Israa'eliin miidhame

Madda suuraa, Getty Images

Israa'el Iraanirratti haleellaa banuunshee yaaddoo nageenya nikularaa Iraanirraa qabdu mancaasuu akka ta'e ibsitus, Netaaniyaahun kaayyoo sanaa bira darbe qaba - mootummaa Tehraan jijjiiruu.

Haleellan cimaan eegalame kun yoo itti fufe, Iraan keessatti jeequmsi uumamee mootaammaa Rippaabilika Islaamaa angorraa fonqolchuutti geessuu danda'a kan jedhu yaaduu mala.

Netaaniyaahun haleellaa Iraanirratti gaggeeffame hordofee Jimaata kaleessaa akkas jechuun dubbate: "Uummanni Iraan yeroon inni itti alaabaa isaa, seenaa jala hiriirun bulchiinsa hamaafi nama hacuucu jalaa bilisa bahu amma."

Lammiileen Iraan hedduunsaanii kufaatii diinagdee, dimokiraasiin dhabamuu, mirgi dubartootaa kabajamuufi kaanitti mootummaa biyyattiirraa aarii qabu.

Halleellaan Israa'el gaggeessaa jirtu gaggeessitoota Iraanif yaaddoo guddaa uumee jira. Ajajaa humna waraanaa biyyattii dabalatee, qondaalonni waraanaa olaanofi saayintistoonni nikularii heddu jalaa ajjeefamaniiru.

Buufataaleen gabbisa nikularaa, wiirtuwwan ajaja waraanafi buufataalen waraanaa heddus akkasuma haleelamaniiru.

Muddamni biyyoota lamaan gidduu jiru hammaatee jira. Iraan misaa'elota hedduun deebistee Israa'el haleeluu hordofee, Netaaniyuun haleellan Iraanirratti gaggeeffamu akka itti fufu akeekkachiisera.

Gaggeessitoonni Iraan dabalataa haleellaa Israa'eliif saaxilamuu danda'u. Haleellan gaggeessitoota biyyattii irratti gaggeeffamu qofaan jijjiirama fiduu akka hin dandeenye waan yaadduf, hokkarriifi jeequmsi Iraan keessatti akka ka'u gochuu dandeessi.

Netaaniyaahuun yoo xiqqaate Iraan keessatti mootummaarratti hokkarri akka ka'u barbaadu.

Garuu kuni balaa guddaa qaba. Sababni isaa haleellaan Israa'el gaggeessitu kun Iraan keessatti hokkarri mootummaarratti akka ka'u godhu caasaan jiraachuu waanti agarsiisu hin jiru. Yoodhuma ta'eyyuu, adeemsi akkasii itti bahi isaa maal akka ta'e ifa miti.

Iraan keessatti kanneen aangoo guddaa qaban kanneen humnoota waraanaa, diinagdee gaggeessan yoo ta'u, caalmadhumatti ammoo aangon kun kanneen leellistoota ta'an Eegdota Warraaaqsaa Rippaabilika Iraan (IRGC)fi qaamolee biroo harka jira.

Qaamoleen kunneen mootummaa irratti fonqolcha hin gaggeessan, sababni isaa aangoon barbaachisu harka isaanii jira waan ta'eef.

Misaa'eloota Iraanirraa dhukaafaman magaalaa Yerusaalem irra yeroo darban

Madda suuraa, EPA-EFE/Shutterstock

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Xinxaalli biraa jiru ammoo Iraan hokkara keessa galuun mootummaan kufuu danda'a kan jedhuudha.

Iraan biyya uummata miliyeena 90 qabdu yoo taatu, Baha Giddu Galeessaa keessatti kuni dhiibbaa cimaa fiduunsaa waan hin oolledha.

Abjuun Israa'el Iraan keessatti hokkarri ka'ee mootummaan michuu Israa'el aangoo akka qabatuudha, gaaffiin guddaan jiru garuu mootumma michuu Israa'el hundeessuf qaamoleen filannoo ta'anii jiran eenyu fa'i? kan jedhuudha.

Mormitoonni Iraan jiru jedhaman yeroo dhiyoo as caccabanii waan jiraniif mootummaa amma jiru bakka bu'u jedhamanii filannoof dhiyaachuu kan danda'an ifa miti.

Bara 2022 keessa sababa mirgi dubartootaa sarbame jedhameen hokkarri guutummaa Iraanitti mudachuu hordofee, paartileen mormituufi aktivistoonni walitti dhufanii tokkummaa uumun mootummaa Rippaabilika Islaamaa dura dhaabbachuuf yaalanii turan.

Haa ta'u garuu, eenyu tokkummaa sana gaggeessuu akka qabuufi mootummaan amma jiru gaafa kufu mootummaan akkamii hundaa'uu akka qaburratti waan walii galuu dadhabaniif yeroo gabaabatti diigame.

Gaggeessitoonni Israa'el, mormitoonnifi namoonni mootummaa Iraanin morman kunneen filannoo ta'uu danda'u jedhanii yaaduu malu.

Fakkeenyaf, ilmi mootii duraanii Iraan Reezaa Pahlaavii, kan bara 1979 aangorraa kaafamee filannoo tokkoo ta'uu mala.

Reezaa Pahvaalii Iraanin ala baqatee kan jiraatu yoo ta'u, qaamoleen garaa gara biyya alaa jiran akka kaayyoosaa deeggaraniifi mootummaan Rippaabilika Islaamaa amma jiru kufuuf yeroo garaa garaatti dhiibbaa gochuu yaala.

Yeroo dhiyoo Israa'el daawwatee ture. Lammiilee Iraan kaan biratti fudhatama qabaatus, suni ammoo mootummaa Iraan amma jiru hatattamaan kuffisuu danda'uufi dhiisunsaa ifaa miti.

Gareen biraa Mujahideen-e Khalq (MEK) Iraanirraa baqatee ala jiruufi mootummaan Rippaabilika Islaamaa akka kufu fedhu jira. Garuummoo gareen kun biyyattiin sirna bulchiinsa gonfootti akka deebitu hin barbaadu.

Iraanitti warraaksi bara 1979 mudatee sirni bulchiinsa gonfoo erga kufee booda, garen MEK gara Iraaqitti baqachuun waraana Iraanifi Iraaq gidduutti gaggeeffamerratti Saadam Huseen waliin mootummaa Iraan lolaa ture.

Gareen kun keessumaa US keessaa michoota Doonaald Tiraampitti dhiyaatan qaba. Qaamoleen siyaasaa biroos kan Iraan keessatti mootumman amantiirraa bilisa ta'eefi sirna dimokiraasin bulu akka hundeeffamu barbaadan jiru.

Galmi dhumaa mootummaan Iraan maali?

Galmi dhumaa mootummaa Netaaniyaahuu Iraan keessatti jijjiirama mootummaa fiduu yoo ta'e, kan Iraan hoo maalidha? jedhanii gaafachuun waanuma sirriidha.

Iraan bakkeewwan garaa garaa irratti xiyyeeffachuun Israa'el irratti haleellaa gaggeessitus, filannoo gaarii waan qabdu natti hin fakkaattu.

Iraan waanti isheen gochuu qabdu US waliin marii jalqabde iiti fuftee muddama Israa'el wajjin qabdu qabbaneessudha jedhanii kan yaadanis jiru.

Garuummoo akka Tiraamp jedhutti, mariitti deebi'uun gaggeessitoota Iraanif hudhaa guddaadha. Akka Tiraamp jedhutti marii jalqaniin waliigalteerra yoo gahan akka mo'amuutti ilaalu.

Filannoon biraa qabdu, haleellaa haaloo bahuu Israa'el irratti gaggeessudha. Gaggeessitoonni Iraan filannoo kana barbaadu. Rakkoon jiru garuu hammuma Iraan Israa'eliif deebii kennitu haleellaa Israa'el ofirratti affeeruu ta'a.

Kanaan dura Iraan buufataalee waraanaa, embasiiwwaniifi bakkeewwan biroo kan US ta'an haleeluuf itti dhaadataa turte. Iraan amma akkas gooti taanan, US waliin kallattiin lolatti galuusheeti.

Israa'elifis ta'ee Iraanif filannoon isaan qaban salphaatti waan galma gahuu miti.