Ajajoonni fi saayintistoonni Iraan haleellaa Israa'eliin ajjeefaman eenyu fa'i?

Madda suuraa, AFP/Getty
Israa'el Jimaata darbe guutuu Iraan keessatti dhaabbilee nikulaaraa, iddoowwan waraanaa fi mana jireenyaa dhuunfaa dabalatee bakkeewwan hedduuirratti xiyyeeffachuu haleellaa rawwatteen, duula "Operation Rising Lion" jettee waamteen ajajoota waraanaa olaanoo hedduun Iraan ajjeesteetti.
Haleellaan Israa'el kun akkasumas saayintistoota nikulaaraa ja'a dabalatee, namoota dhiibbaa guddaa qaban biroo sagantaa nikulaaraa Iraan waliin hidhata qaban irrattis kan xiyyeeffate ta'uu dhaabbanni oduu IRGC waliin hidhata qabu Tasnim gabaaseera.
Daa'imman dabalatee, lammiileen nagaa hedduunis ajjeefamuun isaanis gabaafameera.
Namoota beekamoo gulantaa olaanaa qaban haleellaa kanaan ajjeeffaman keessaa beekamoo ta'an hanga ammaatti wanti beeknu kunooti.
Mohaammaad Baagherii

Madda suuraa, Getty Images
Baagheri Iraan keessatti qondaala waraanaa sadarkaa olaanaa qaban yoo ta'u, hogganaa humna waraanaa Iraan turan. Kunis Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) fi waraana Iraan kan hammatudha.
Baagheriin bara 1980 yeroo umuriinsaanii waggaa 20tti ture IRGCtti makamuun, obboleessa isaanii waliin ta'un hanga yeroo waraana Iraanii fi Iraaqiitti, gartuu basaasaa IRGC hundeessuuf gargaaraniiru.
Innis ajajoota kaan irra nama ejjannoo harbeessummaa cimaa hin qabne akka ta'aniitti ilaalamu turan.
Dhiheenya kana haasaa baatii Eblaa keessa diigama durii Persepolis fuulduratti godheeniin, nagaa akka bu'uuf waamicha gochuudhaan waraana irraa akka fagaatu gaafatachuun qeeqamaa turan.
Abdolrahim Muusaaviin ammoo hogganaa olaanaa humna waraanaa haaraa ta'uun muudamuu isaanii dhaabbanni oduu mootummaa Iraan Irna'n beeksise. Janeraal waraanaa ta'uunsaa tarree IRGC keessaan hin dhufne.
Hooseen Saalaamii

Madda suuraa, Reuters
Hoseen Salamiin ajajaa olaanaa IRGC turan.
Saalaamiin bara 1980 yeroo waraana Iraan fi Iraaq'tti ture kan IRGCtti makame. Achinis, bara 2009tti itti aanaa ajajaa ta'uun, booda bara 2019tti ammoo ajajaa ta'anii ture.
Dandeettii haasaa taasisuutiin kan beekaman qondaalli kun, Israa'el irratti ejjennoo cimaa kan qaban yoo ta'u, dhiheenya kana ji'a darbe keessa biyya saanii yoo Israa'eel ykn US haleelamte ''karra si'oolii akka banattu'' dubbataniiru.
Mohaammaad Paakpuur, ajajaa haaraa IRGC ta'uun haaraa muudamuu isaanii miidiyaaleen mootummaa Iraan gabaasan.
Goolaamaalii Raashid

Madda suuraa, AFP
Goolaamaali Raashid itti gaafatamaa Waajjira Muummee Giddugaleessaa Khaataam-al Anbiya, kan opareeshinii waraanaa Iraan waloo dindeessuu turan.
Raashiid bara 1980moota keessa waraana Iraaq waliin kan lolan yoo ta'u, isaan dura ammoo itti aanaa hogganaa waraanaa waraana Iraan turan.
Erga Raashiid du'ee as Alii Shaadmaaniin hogganaa haaraa ajaja yeroo balaa tasaa ta'uun muudamuu isaanii miidiyaaleen mootummaa Iraan gabaasaniiru.
Amiir Alii Haajizaadeh

Madda suuraa, AFP
Ajajaan humna Qilleensaa IRGC, Haajizaadeh nama beekamaa sagantaa misaa'ela biyyattii irratti itti gaafatamummaa qaban turan.
Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) akka jedhetti, Haajizaadeh ajajoota humna qilleensaa IRGC harka caalu waliin wiirtuu ajaja lafa jalaa tokko keessatti walitti qabamuudhaan Israa'el irratti haleellaa raawwachuuf qophaa'aa turan.
Sana booda gareen kun haleellaa gamoo kana irratti xiyyeeffatameen ajjeefamuusaanii ibseera.
Haajizaadeh bara darbe Onkoloolessaa fi Ebla keessa haleellaa misaa'elaa Iraan Israa'el irratti raawwatte kan ajajan ta'u ibseera.
Haajizaadehiin bara 2020tti xiyyaara imaltoota Yukireen Teehraan keessaa balali'aa osoo jiruu haleelluun kuffiifameef erga itti gaafatamummaa fudhatanii booda, miseensota ummata bal'aa Iraan biratti ilaalcha gaarii hin qabne turan.
Balaa xiyyaara kanaanis namoonni 176 xiyyaaricha keessa turan ajjeeffamunsaanii ni yaadatama.
Feereeydoon Abbaasi

Madda suuraa, AFP
Saayintistii nikulaaraa kan ta'an Abbaasiin bara 2011 hanga 2013 gidduutti itti gaafatamaa Dhaabbata Annisaa Atoomikaa Iraan ta'uun tajaajilanii ture.
Itti fufuunis bara 2020 hanga 2024tti miseensa paarlaamaa ta'anu tajaajilanii ture.
Sochii nikulaaraa Iraan waliin walqabatee ejjennoo cimaa gaggeessaa turan.
Ji'a Caamsaa keessa, waa'ee meeshaa nikulaaraa ijaaruun akka danda'u ilaalchisuun chaanaalii TV Iraan SNN.ir irratti kan dubbatan yoo ta'u, ajaja yoo argate fedhiidhaan akka raawwatan dubbatanii ture.
Saayinsistoota niikulaaraa
Saayintistoonni nikulaaraa biyyattii gara biraatiis haleellaa Israa'el Jimaata barii biyyattii irratti raawwatteen ajjeeffamusaanii miidiyaan biyyattii gabaasaniiru.
Isaan keessaayis:
- Mohaammaad Mehdi Tehraanchi, hogganaa Yunivarsiitii Azaad kan Teehraan keessaas turan.
- Abdulhaamid Minouchehr, Yunivarsiitii Shaahid Beheshti Iraan keessatti itti gaafatamaa injinariingii nikulaaraa turan.
- Ahmaad Rezaa Zolfaaghaari, Yunivarsiitii Shaahid Beheshti keessatti piroofeesara injinariingii niikulaaraa turan.
- Amirhoseen Feqhi, Yunivarsiitii Shaahid Beheshti keessatti piroofeesara nikulaara kan biraa turan.












