Hoseen Salaamii: Dursaan garee eegdota Warraaqsa Iraan Israa'eliin ajjeefaman eenyu?

Hoseen Salamiin Israa'elii fi US dabalatee morkattoota Iraan irratti ilaalcha cimaa fudhachuun beekamu turan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hoseen Salamiin Israa'elii fi US dabalatee morkattoota Iraan irratti ilaalcha cimaa fudhachuun beekamu turan

Hoseen Salaamii, ajajaan eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan, halleellaa Israa'eel barii Jimaata har'aa Iraan irratti raawwatteen ajjeefame. Ajajaan kun qondaala Olaanaa haleellaa Israa'eliin ajjeefaman.

Salaamiin, namni umuriinsaanii ganna 65 kun ejjennoo cimaa warreen faallaa Iraan dhaabbatan, kanneen akka Israa'elii fi US irratti qabaachuun beekamu. Ji'a tokkoon duras Iraan biyya kamiiyyuu irraa haleellaan irratti raawwatamnaan "balbala sii'ool irratti banna' jedhanii dhaadatanii ture.

Israa'eel haleellaa bal'aa Iraan irratti raawwatte kanaan bu'uuraalee misoomaa nikuulaaraa, warshaalee baalistik misaa'elii fi ajajoota waraanaa irratti kan xiyyeeffate akka ta'e himte.

Pirezedaantiin Ameerikaan Doonaald Tiraamp garuu michuu isaanii kana marii nikulaaraa waliin taasifamu jeeqxa jechuun akeekkachiisanii ture.

Haleellaa kanaan booda Teehiraan, Israa'elii fi haleellaa kanatti hirmaachuu kan waakkatte Ameerikaan gatii jabaa baasu jechuun dhaadatte. Kun immoo qaxanaa durumaa tasgabbii hin qabne kana gara waraana ifa ta'eetti galcha yaaddoo jedhu uumeera.

Haleellaan Israa'eel kun hogganaa hidhattootaa biyyattii Muhaammad Bageerii, itti aanaa ajajaa raayyaa ittisa Iraan, Golaamaali Raashidii fi saayintistoota nikulaaraa hedduu ajjeeseera.

Haleellaa kana guyyaa tokkoon dura Salaamiin "Iraan haala uumamu kamiifuu qophii guutuu qabdi" jedhanii ture.

"Diinonni keenya akkuma warra Filisxeem, kan humna isaan irraa ittisu hin qabnee fi cunqursaa Israa'el jala jiran lolanitti Iraanis lolla jedhanii yaadu. Nuti warra waraanan qoramee fi muuxannoo itti qabu" jedhan.

Salaamiin garee warraaqsa, kan damee humna waraanaa Iraan isa cimaa ta'e kana kan seenan bara 1980 yeroo Iraanii fi Iraaq lolarra turanitti. Bara 2009 itti aanaa hogganaa garee kanaa ta'an. Waggaa kudhaniin boodamoo ajajaa garichaa ta'an.

Erga bara 2000 asitti garuu sababa sagantaa gabbisa nukilaraa Iraan keessatti hirmaannaa qabu jedhuun kaawunsilii nageenyaa UN fi Ameerikaan qoqqobbii irra kaa'an.

Salaamiin humna waraanaa Iraan sadarkaa olaanaadhaan nama guddisani. Yeroo wayiitti inumaa humni waraanaa biyyattii hanga humna waraanaa ijoo addunyaa kanaa ta'uutti dhihaattee turte.

Gamoowwan magaalaa guddoo Iraan Teehiraan keessatti haleellaa Israa'eliin barbadaa'an Waxabajjii 13, 2025

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gamoowwan magaalaa guddoo Iraan Teehiraan keessatti haleellaa Israa'eliin barbadaa'an
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ajajaan kun Israa'elii fi Ameerikaa waliin gama waraanaan dubbii keessa seenuu akka gaariitti ilaalu. Haleellaa Israa'eel wiirtuuwwan Iraan Sooriyaa keessa jiran irratti bara 2019 raawwatteen booda Salaamiin humna Isaraa'eel kaartaa siyaasaa keessaa dhabamsiisna jedhanii ture.

Haleellaa Ebla bara 2024 Israa'eel Imbaasii Iraan Sooriyaa keessatti argamurratti raawwattee fi janaraalota lama dabalatee, miseensota garee warraaqsaa torba galaafateen boodas Salaamiin akeekkachiisa walfakkaataa kennanii ture.

"Loltoonni keenya jaboon waraana Israa'eel ni adabu" jedhanii ture.

Iraanii fi Israa'eel hanga bara 1979 warraaqsi Iraan keessatti jalqabee ilaalchi Israa'eel faallaa Ilaalcha warra Iraaani jedhu dagaagutti michuu walii turan.

Bulchiinsi warra Iraanotaa amma jiru mirga jiraachuu Israa'eeliif beekamtii hin kennu. Gaggeessaa olaanaan biyyattii Ayaatolaa Ali Kamenii Israa'eel "Kaansarii dhiittoo sammuu keessa jiru" kan dirqama buqqifamee dhabamsiifamuu qabdudha jechuun ibsu.

Haalli Iraanooni Israa'eel itti ibsan kun ammoo Israa'eeliif Iraan yaaddoo akka taatetti akka yaadan godhe. Israa'elii fi michoonishee qaxanaa sana keessatti Iraan humnoota hidhatan gurmeessiti jechuun himatu. Hidhattootni shiyaa Libaanos fi Hizboollaan ammoo warra badii Israa'eliif kufanii ka'aa Jiran.

Eegdonni Warraaqsaa Iraan eenyu?

Gaggeesitoonni Amantii Iraan waggaa 40 dura Humna Eegduu Warraaqsa Islaamaa ijaaran. Ijaarsi kunis sirna islaamummaa tiksuu fi warra irraa yaaddoo qaban ofirraa qolachuuf kan kaayyeffate ture.

Loltoota lafoo, galaanarraa fi qilleensaa kuma 190 caalan kan qabu humni kun waraana biyyattii keessatti humna cimaa fi sodaatamaa ta'edha.

Humni Waraanaa Iraan daangaa Iraan tiksuu irratti yoo xiyyeeffatu, eegdonni warraaqsaa ammoo sirna biyyattii tiksuurratti xiyyeeffatu.

Humni eegduu Warraaqsaa Iraan kuni itti gaafatamni isaa kallattiidhaan bulchaa olaanaa biyyattiitiif yoo ta'u, dhaabbilee biyyattii keessa jiran birootiin hin too'atamu.

Humni warraaqsaa kun harka sadaffaa dinagdee biyyattii kan too'atu yoo ta'u, waliigalteewwan injinariingii fi Ijaarsaa adda addaatiinis doolaara biliyoonaan lakkaa'amu sochoosa.

Baha Gidduu galeessaa bakka kamittuu maallaqaan, meeshaalee waraanaatiin, teeknolojidhaan, leenjii kennuun mootummoota michuu isaanii ta'an tumsuunis humnasaa mul'isa.

Gaggeesitoonni olaanoon garee warraaqsaa kanaa karaa lafa jalaatiin garee hidhattootaa qaxanaa sana keessa jiran biyyoota akka Afgaanistaan, Iraaq, Libaanoos, Filisxeemii fi Yaman keessatti tumsuunis irree ta'uuf.

Gaggeesitoonni garee kanaa duraanii mootummaa biyyattii keessatti, paarlaamaa fi siyaasa keessatti dhiibbaa warra uumanidha. Pirezedaantiin duraanii Mahamud Ahmadinejaad fi Af-Yaa'iin mana marii duraanii Ali Larijani isaan keessaa warra eeramaniidha.