Tiraamp ''nama sammuun tuqame'' jechuun Puutiniin arrabsan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp erga Raashiyaan haleellaa qilleensaa Yukireen irratti raawwattee booda gocha Vilaadmiir Puutinitti akka mufatan ibsan.
Miira dallansuu fi mufannaatiin gita isaanii kan Raashiyaa kanaaf erga arrabsoo of keessaa qabu dabarsaniiru.
''Nama kana maaltu tuqe? Nagaa qabaa? Namoota hedduu ajjeesaa jira,'' jedhan Tiraamp.
Tiraamp yaada kana erga kennanii booda ''nama sammuun tuqame,'' jechuun Putiiniin arrabsan.
Duraan Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniksii haleellaa Raashiyaan tibbana raawwachaa jirtu irratti ''callisuun'' US Putiin akka gochasaa itti fufu jajjabeessa jechuun, dhiibbaan akka Raashiyaarratti cimu gaafatanii turan.
Qoqqobbii cimaan yoo Mooskoorra kaa'ame malee Putiin tarkaanfii kanarraa dubbatti hin deebi'u jedhan.
Raashiyaan halkan Dilbatatti bari'u diroonii fi misaa'eloota 367 Yukireen irratti dhukaasuun yoo xiqqaate namoota 12 ajjeesuu qondaalonni Yukireen ibsaniiru.
Kun erga bara 2022 Putiin guutummaatti Yukireen irratti weerara labsee haleellaa cimaa fi namoota hedduu halkan tokkotti galaafateedha.
Haleellaa kanaan namoonni hedduunis madaa'aniiru.
Wiixata kana ganamas sagaleen dirooniiwwan fi misaa'elootaa kutaalee Yukireen hedduu keessaa dhagahamaa jira. Kunis akeekkachiisa guddaadha, uummata biyyattiis rifaasiseera.
Kanaanis kaaba-baha magaalaa Kharkiv keessatti daa'ima dabalatee yoo xiqqaate namoonni sadi madaa'uu kantiibaan magaalattii Ihor Terekhov ibsaniiru.
Kibba naannoo Zaporizhiyaatti ammoo namoonni lama madaa'uu bulchaan naannoo kanaa Ivaan Fedorov ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gama Raashiyaan ammoo kantiibaan magaalaa Mooskoo Sergee Sobiyaanin dirooniiwwan Yukireen irraa gara magaalattii dhukaafaman lama humna ittisaa Raashiyaan barbadaa'uu himan.
Haleellaa kanaan namni miidhamuun hin gabaafamne.
Tiraamp Dilbata waaree booda Niwu Jeersii keessatti wayita gaazexeessitootatti dubbatan waa'ee Putiin akkas jedhan: ''Waggaa dheeraafin isa beeka. Dhimmoota garaagaraan walitti dhufneerra. Amma garuu magaalota rookeetiidhaan haleeluun namoota fixaa jira. An isa akkanaarratti gonkumaa walii hin galu.''
Raashiyaarratti Ameerikaan qoqqobbii cimsuu irratti gaaffii gaafataman akkas jechuun deebisan Tiraamp.
''Sirriitti malee.'' Pirezidantiin US kun tarkaanfii kana akka fudhatan dhaadataa turan, garuu hanga ammaa dhiibbaan Mooskoorra ga'e hin jiru.
''Namni kun Yukireen guutuu qabachuu barbaadu yeroo hunda dubbataan ture. Kutaalee muraasa miti, hunduma. Amma sana mirkaneessaa jira natti fakkaata. Yoo akkas ta'e kufaatii Raashiyaa saffisiisaa jira,'' jechuun Putiinitti dheekkaman Tiraamp.
Pirezidantiin US kun Zeleniskiis qeequurraa duubatti hin jenne. ''Zeleniksiin haala kanaanis dubbatee biyyasaaf waan buuse hin qabu,'' jedhan.
''Wanti afaansaa keessaa ba'u hundi rakkoo dhala. An kana hin jaallanne, dhaabbachuu qaba,'' jechuun waa'ee Zeleniskii dubbatan.
US adeemsi marii nageenyaa eegalame fuulduratti hin tarkaanfatu taanaan akka keessaa baatu ibsiteetti.
Torbee darbe Putiin fi Tiraamp sa'atii lamaaf bilbilaan akkaataa wixinee US dhiheessiteen waraanni dhaabbatee haasaan nagaa akka eegalamu irratti xiyyeeffachuun dubbatanii turan.
Pirezidantiin US mariin sun haala gaariin akka xumurame ibsanii ture. Raashiyaa fi Yukireen yeroo gabaabaa keessatti dhukaasa dhaabuun marii ni eegalu jedhanii turan.
Yukireen dhukaasa dhaabuu guyyoota 30f turu akka fudhattu dursitee beeksisuun, kan gufuu ta'aa jiru Raashiyaa ta'uu himatte.












