Raashiyaan marii Puutiin fi Tiraamp yaadame dura haleellaa diroonii hammataa raawwachuu Yuukireen himatte

Madda suuraa, Reuters
Yukireen akka jettetti Raashiyaan erga weerarri waraanaa kun jalqabee haleellaa diroonii guddaa ta'e kan raawwatame ta'u fi Kiiv dabalatee haleellaa naannolee hedduu irratti xiyyeeffateen hanga yoonaas dubartii tokko du'uu himatte
Haleellaan kun kan dhaga'ame waayita Pireezidaantii Ameeriukaa Doonaald Tiraamp fi pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin gidduutti mariin bilbilaan beellamame guyyaa tokkoon dura ture.
Pireezidaantiin Ameerikaa waligalteen dhukaasa akka dhaabuu akka taasifamu gaafachaa turaniiru.
Raashiyaa fi Yukireen erga waggoota sadii waraaanni jalqabee as yeroo jalqabaaf Jimaata darbe Turkiitti fuulaf-fuulatti wal arguun marii kan taasisan yoo ta'u, waliigaltee haaraa hidhamtoota wal jijjiiruu irratti waliigalaniiru.
Humni qilleensaa Yukireen akka jedhetti Raashiyaan hanga Dilbata sa'aatii 8:00tti diroonii 273 naannoo giddu galeessaa Kiiv, akkasumas naannoo Dinipropetroviskii fi Doneteskii bahaa irratti xiyyeeffachuun furguggifteetti.
Dirooniiwwaan 88 ta'an kan qolataman yoo ta'u, kanneen biroo 128 ammoo 'balaa hamaa utuu hin geessiin' kallattii yaadame irraa akka maqan taasifamuun himameera.
Haleellaan kun kutaa Obukhiv Kiiv keessatti lubbuu dubartii tokkoo kan galaagfate yoo ta'u, daa'ima ganna afur dabalatee yoo xiqqaate namoota sadii madaa'uu qondaaltonni himaniiru.
Haleellaan diroonii guddaan kanaan dura Raashiyaa irraa raawwatame waggaa sadaffaa weerara guutuu Gurraandhala 23 irratti kan raawwatame yoo ta'u, yeroo sanatti Moskoo diroonii 267 furguggifte.
Waraanni Raashiyaa halkan tokkoo fi Dilbata ganama diroonii Yukireen 25 qolachuu himate.
Dilbata darbe Chaansilarri Jarmanii Firiidrich Merz hoggantoota UK, Faransaayii fi Poolaandi waliin ta'uun Wixata ganama Puutiin waliin haasa'uu isaanii dura Tiraamp waliin marii gama onlaayinii akka taasisan beeksisaniiru
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hoggantoonni afran kunneen torban lamaa oliin dura Yukireen daawwatanii waamicha dhukaasa dhaabuu guyyoota 30f taasisaniiru, kunis 'tumsa warra fedhii qaban' jedhamuun kan deeggarameedha.
Dhaabbanni basaasaa Yukireen Raashiyaan akka mala sodaachisaa ta'ee halkan tokkotti 'leenjii fi lolaa' misaa'ela balistikii ardiilee gidduutti furguggisuuf qophaa'uu akka dandeessu shakkuu agarsiiseera. Raashiyaan ammallee dubbii kanaaf deebii hin kennine.
Qondaaltonni Yukireen dhiibbaa idil addunyaa dhukaasa dhaabuuf godhamus, haleellaan Sanbata galgala raawwatame Raashiyaan waraana kana dhaabuuf fedhii akka hin qabne agarsiisa jedhan,
Gorsaa olaanaan pirezidaantii Yukireen Andriy Yermak "Raashiyaadhaaf mariin [Jimaata darbe] Istaanbul keessatti taasifamr fakkeessuu qofa. Puutiin waraana barbaada," jedhan
Marii Turkiitti gaggeeffame sana hordofuun Tiraamp hanga inniifi Puutiin kallattiin marii godhanitti tarkaanfiin hiika qabu gara nagaatti geessu akka hin uumamne yaada dhiyeessanii ture..
Pireezidaantiin Ameerikaa guyyaa 30f dhukaasa dhaabuuf yaada kan dhiyeessan yoo ta'u, yoo Raashiyaan kana kabajuu baatte qoqqobbii cimaan akka kaa'amu akeekkachiisaniiru.
Pirezidaantiin Yukireen Zelenskiin yaada dhukaasa dhaabuu hatattamaa fi haal-duree tokko malee dhiyaate fudhachuuf qophii ta'uu ibsaniiru.
Garuu Raashiyaan lola dhaabuuf kan walii galtu yoo dhiyeessiin waraanaa Yukireenif kennitu yoo dhaabbate qofa ta'uu ibsiteetti.

Madda suuraa, Reuters
Puutiin mariin kamiyyuu sababoota bu'uuraa waldhabdee kanaa furuu irratti xiyyeeffachuu akka qabu keessumaa Yukireen, humni waraanaa ishee hir'isuu, fi miseensummaa NATO dhiisuu akka qabdu dabalatee gaaffilee fudhatama hin qabnee Yukiree dhiyeessitu giddu galeessa godhachuu akka qabdu cimsanii dubbataniiru
Yeroo ammaa kana Raahiyaan naannoo Yukireen keessaa tilmaamaan %20 qabattee jirti, kunis kibba Kiriimiyaa kan bara 2014 seeraan ala qabattee dabalateeti
Hogganaan Yukireen Vooldamiir Zeleniskiin jila 'sadarkaa gadi aanaa' Puutiin gara Turkiitti erganii fi fedhiin Raashiyaan waraana kana xumuruuf qabdu qeeqaniiru.
Kanaafis 'biyootni qoqqobbii Raashiyaa irraa kaa'uu akka barbaachisuu fi tooftaalee nagaa galmaan ga'uu ilaalchisee marii taasisan akka cimsan gaafataniiru.












