Raashiyaan haleellaa dirooniin booda buufatni xiyyaaraa Moskoo gutummaan cufamuu ibsite

Haleellaan diroonii kanaan dura baatii Bitootessa keessa Moskoo irratti raawwatame erga waraanni kun jalqabee Yukireen magaalattii irratti raawwatte isa guddaa ture

Madda suuraa, EPA

Raashiyaan akka jettetti Yukireen halkan lammataaf walitti aansuun dirooniin Moskoo irratti xiyyeeffatee haleellaa halkanii raawwatte.

Buufatni xiyyaaraa gurguddoon magaalaa guddoo biyyatti afranuu nageenya mirkaneessuuf jecha sa'aatiwwan muraasaf cufamuu fi boodarra banamuu abbaan taayitaa aviyeeshinii Raashiyaa Roozaaviiyaatiyaa Telegiraamii irratti ibseera.

Kantiibaan magaalaa Moskoo Sergee Sobyanin miidiyaa hawaasaa irratti akka ibsanittii, ''yoo xiqqaate diroonii Yukireen 19 kallattii adda addaa irraa osoo magaalattii hin gahin barbadaa'aniiru.'' Caccabni muraasni daandii gurguddoo gara magaalattiitti geessu tokko irratti bu'ee ture, garuu miidhaan geessise hin jiru jedhe.

Yukireen hanga ammaatti yaada hin kennine. Garuu kantiibaan magaalaa Kaarkiiv akka jedhanitti Raashiyaan halkan tokkotti naannoo Kiiv bakka adda addatti haleelaan Diroonii raawwatameera

Bulchaan naannoo Yukireen Odesa Oleh Kiper akka jedhanitti haleellaa dirooniitiin namni tokko du'uu ibsaniiru.

Raashiyaan halkan lama walitti aansuun haleellaa diroonii Yukireen irratti raawwatte gabaasuun ishee isa lammaffaadha.

Wixata kaleessaa ministeerri ittisaa Raashiyaa halkan tokkotti diroonii Yukireen 26 utuu miidhaa hin qaqqabsiisiin barbadeessuu ibsan

Gabaasni rogeeyyii waraanaa Raashiyaa hin mirkanoofne akka agarsiisanitti, foddaan mana jireenyaa kibba Moskootti argamu tokko akka caccabe agarsiisa.

Akkasumas Moskootti bulchitoonni magaalota Raashiyaa biroo, Penzaa fi Voronezh dabalatee, halkan tokko hanga Kibxataatti dirooniin irratti xiyyeeffatamuu isaanii himaniiru.

Erga waggoota sadii oliin dura Raashiyaan Yukireen guutummaatti weerartee booda, Kiiv haleellaa diroonii hedduu Moskoo irratti raawwatteetti.

Haleellaan ishee guddaan baatii Bitootessa keessa raawwatte lubbuu namoota sadii galaafate ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kunis kan ta'e erga Wixata kaleessaa Yukireen naannoo Kursk Raashiyaa keessa qaxxaamuruudhaaf yaalii haaraan gochuun iushee gabaafamee booda.

Kiiv Dilbata darbe naannawa Raashiyaa Tiyotkinoo jedhamutti kutaa ajaja diroonii naannoo Kursk rukutteetti jedhan ajajaaan Waraanaa Yukireen.

Baatii Eblaa keessa Moskoo naannicha guutuu deebiftee to'achuu ishee ibsiteetti, humnoonni Yukireen weerara tasa erga jalqabanii ji'a sagal booda. Kiiv ammallee loltoota daangaa ce'anii socho'an akka qabdu cimsitee dubbatti.

Akkasumas Kursk keessatti qondaaltonni Raashiyaa akka gabaasanitti, Tiraansfoormariin elektirikii magaalaa Riyalisk keessatti argamu haleellaa Yukireen raawwatteen erga miidhamee booda humni ibsaa dhabameera.

Rogeeyyiin waraanaa Raashiyaa hedduunis humnoonni Yukireen gara ganda kana qaxxaamuruudhaaf yaaluun suuraa hanga ammaatti BBC'n hin mirkanoofne maxxansaniiru

Wixata kaleessaa humnoonni Yukireen misaa'ela naannawa daangaa konkolaattota addaa irratti dhukaasuu ibsaniiru

"Diinni halkan rookkeettiidhaan riqicha barbaadesse , ganama gareewwan hidhannoo qaban waliin haleellaa baneera," jechuun rogeessi Raashiyaa himuu Rooyitars gabaasera

Ibsa Wixata kaleessaa kenniteen Yukireen akka jettetti, "duulli Kursk erga jalqabee ji'a sagal booda, Humni Ittisaa Yukireen naannoo waraanaan kan qabate jira'' jetteetti.