Tiraamp fedhii Puutiin nagaaf qabu irratti shakkii qaban ibsan

Madda suuraa, EPA
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp kaleessa sirna awwaalcha Phaaphaasii Firaansis irratti prezidaantii Yukireen Volodimiir Zelensky waliin wal arguun mari'ataniiru.
Marii sana boodas fedhii Raashiyaan ykn Vilaadimiir Puutiin waraana kana xumuruuf qabu irratti shakkii qaban ibsaniiru.
Tiraamp ergaa miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti barreessaniin ''sababni Puutiin mandara namoota nagaa irratti misaa'ela dhukaasuuf tokkollee hin jiru'' ''na gowwoomsaa jira jechuudha '' jedhan.
Sirna awwaalcha Phaaphaasii Firaansis dura Roomaatti kan wal argan Doonaald Tiraamp fi Zelenskiin dhimmaa waraanaa fi fedhii waraana dhaabuu irratti jiru mari'ataniiru.
Waayit Haawus mariin hoggantoota lamaan gidduutti daqiiqaa 15f taasifame ''baay'ee bu'a qabeessa'' jechuun ibseera.
Pirezidaantiin Yukireen gama isaaniitiin mariin kun ''seena qabeessa ta'uu danda'a'' jechuun ibsan
Hoggantoonni lamaan erga mariin isaanii Waayit Haawus waliigaltee malee xumuramee yeroo jalqabaaf fuulaa fuulatti wal argan.
Haleellaa Raashiyaan magaalota Yukireen irratti raawwatte ilaalchisee midiyaa hawaasaa 'Truth' irratti kan barreessan Doonaald Tiraamp, "Haalli kun tarii waraana dhaabuu hin barbaadu jedhee akkan yaadu na taasisa. Na gowwoomsaa jira fakkaata, kanaaf haala adda ta'een ilaalamuu qabaa. ' Namoonni baay'een du'aa jiru,kanaf qoqqobbii sadarkaa lammaffaa'?" jedhan.
Jimaata darbe Tiraamp ergamaan Ameerikaa Isteev Wiitkoof fi pirezidaantii Raashiyaa gidduutti marii taasifame hordofuun Raashiyaa fi Yukireen ''waliigaltee irra ga'uuf baay'ee dhihaataniiru'' jedhan.
Dilbata darbe Kiremlin akka jedhetti Puutiin ergamaa Ameerikaa Wiitkoof Raashiyaan ''haal-duree tokko malee'' kallattiin Yukireen waliin marii jalqabuuf qophii ta'uu ishee mirkaneessaniiru.

Madda suuraa, Andriy Yermak/Telegram
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp fi Zelenskiin erga Waayit Haawusitti waliigaluu dadhabanii adda adda ba'anii booda yeroo jalqabaaf Roomitti fuula fuulatti wal argan.
Yeroo sanatti pirezidaantiin Ameerikaa gita isaanii Yukireenin, ''Raashiyaa injifachuuf filannoo biraa hafe hin qabdan'' jedhanii turan.
Torban kanas ergaa wal fakkaatu irra deebi'anii kan dubbatan Pirezidaanti Tiraamp, hogganaa Yukireen kanaaf, "Filannoon biraa hin jiru" jedhan.
Yeroo darbe Doonaald Tiraamp Yukireen waraana eegaltee waliigaltee nagaa gufachiiste jechuun irra deddeebiin himachuun dhagahamaa tureera.
Waayit Haawus marii hoggantoota lamaan gidduutti Sambata darbe Roomitti gaggeeffame ilaalchisee ibsa baaseen marii bu'a qabeessaa jechuun yoo ibsu, Zelenskiin gama isaaniin "marii baay'ee barbaachisaa ta'ee fi yoo bu'aa waloo galmaan gahuu danda'e seena qabeessa jedhamuu danda'u" jechuun ibsaniiru.
Wayita hoggantoonni lamaan wal fuula dura taa'anii mari'atanis suuraan gadhiifameera.
Ministirri Dhimma Alaa Yukireen Andriy Tsipras suuraa kana fuula X isaanii irratti qooduun, "Marii seena qabeessa kana ibsuuf jechi tokkollee hin barbaachisu. Hoggantoonni lamaan Baataskaana Qulqulluu Pheexiroos keessatti nagaa buusuuf hojjechaa jiru" jedhan.
Tiraamp gita isaanii Yukireen waliin Roomitti fuula-fuulatti erga mari'atanii booda ejjennoon isaanii jechoota ciccimoo kanaan dura ZelenskII irratti dubbataniifi yaada gaarii waa'ee Puutiin irratti kennan irraa faallaa dubbachuu eegalaniiru
"Marii gaarii ture. Mariin dhimmaa tokko tokkoo irratti goone gaarii ture. Baay'ee mari'anneerra. Wanti mari'anne hundi bu'aa akka argamsiisu abdii qabna," jechuun Zelenskiin fuula Telegram isaanii irratti ibsan
Itti dabaluudhaanis mariin isaanii "lubbuu ummata isaanii baraaruu, dhukaasa guutuu fi haal-duree tokko malee dhaabuu, akkasumas nagaa nageenya qabuu fi waaraa waraanni deebi'ee akka hin uumamne dhorku" irratti kan xiyyeeffate ta'uu dubbataniiru.
Zelenskiin itti dabaluudhaan, "Haasaa seena qabeessa taasifneerra, kunis injifannoo waloo argachuu yoo dandeenye seena qabeessa jedhamuu danda'a" jechuun Tiraamp galateeffatan
Tiraamp Moskoo fi Kiyeev irratti dhukaasa dhaabuun waliigaltee nagaa akka mallatteessaniif dhiibbaa gochaa turaniiru.
Doonaald Tiraamp kanaan dura hoggantoonni biyyoota lamaanii yeroo dhiyootti waliigaltee nagaa yoo hin geenye bulchiinsi isaanii dhimmicha keessaa akka harka fudhatu akeekkachiisaniiru.












