Michoonni Yukireen gargaarsa waraanaa haaraa Yuuroo biiliyoona 21 Kiiviif kennuuf waadaa galan

Madda suuraa, Reuters
Michoonni Yukireen Awurooppaa, waraana kanaaf ''bara murteessaa'' jechuun ibsanitti, Kiiviif deeggarsa waraanaa haaraa Yuuroo biiliyoona 21 (Doolaara biiliyoona 24 ykn paawundii biiliyoona 18) kennuuf waadaa galan.
Kana keessaa walakkaan ol, kan gargaarsi Yuuroo biiliyoona 11 waggoota afur keessatti kennamu, Jarmanii irraa argama.
Ministirri Ittisaa Biriteen Joon Heeliin waadaan kunis Mooskoodhaaf ergaa cimaa akka dabarsan dubbataniiru.
Labsiin kun kan ba'e, Miseensonni Garee Qunnamtii ittisa Yukireen waajjira muummee NATO Biraaselsitti walga'uun, yeroo Awurooppaan qaawwa aantummaa US Doonaald Tiraamp jijjiirameen hafe guutuuf yaaltutti, ittisa qilleensaa, misaa'elaafi meeshaalee biroo waadaa galaniittidha.
Ministiroonni ittisa Awurooppaa Tiraamp dhukaasa dhaabuuf waadaa galanillee, waraanni kun akka xumuramu mallattoo tokkollee akka hin argine himaniiru.
Deeggarsi Jimaata darbe ifoome kun akkasumas paakeejii Yuuroo miliyoona 450 ($590m) UK fi Noorweey irraa sirna raadaraa, albuuda farra taankii, suphaa konkolaataa fi diroonii kuma dhibbaan lakkaa'aman Yukireeniif maallaqaan gargaaruuf kan oolu hammata.
Maallaqni kun qaama waadaa Biriteen jalqaba bara kanaa Paawuundii biiliyoona 4.5 galte keessaa tokkodha.
Ittisni qilleensaa Biraaselsitti dursa kennamaafii ture. Heeley akka jedhanitti, humnoonni Raashiyaa ji'oota sadan jalqabaa bara kanaa keessatti boombii galaadii 10,000 Yukireen irratti darbachuusaanii, akkasumas guyyaatti diroonii haleellaa karaa tokkoon 100 dhukaasuun isaanii ni yaadatama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Shallaggii keenyaan, amma miidhaan dirree waraanaa %70 hanga %80 kan ta'u dirooniin kan qaqqabsiisuu fi kan raawwatamuudha," jedhan barreessaan ittisa UK.
Paakeejiin gargaarsa Jarmanii gama biraatiin meeshaa waraanaa irratti xiyyeeffannoo guddaa qaba.
Booris Pistorius akka jedhanitti, Jarmaniin rasaasa meeshaa waraanaa 100,000, konkolaattota waraana miillaa 25, taankii waraanaa 15, raadara hordoffii lafaa 100 fi Sirna ittisa qilleensaa Man-Portable 120 akka ergitu himan.
Barliin sirna ittisa qilleensaa IRIS-T afur kan misaa'ela 300 qabus gara Kiiviitti ergiti.
Ministirri ittisaa Jarman Biraaselsitti gaazexeessitootatti akka himaniitti, "Yukireen waraana cimaa barbaaddi, kanaan boodadha kan adeemsi marii kun nagaa haqa qabeessaa fi waaraa fiduu danda'a" jedhan.
Ministiroonni Raayyaa Ittisa Biyyoota 50 irraa dhufan walga'ii 27ffaa UDCG irratti Biraaselsitti walitti qabamaniiru.
Ministirri Raayyaa Ittisa Ameerikaa, Piit Heegseet, walgahii kana fageenya irraa kan hirmaatan yoo ta'u, Ameerikaan hojii isaanii akka dinqisiifattu michoota isaaniitti himaniiru.
Pistorius ammoo murtoon Heegseet dhimma ''dursa kennuu'' osoo hin taane ''sagantaa'' akka ta'e ibsuun, ''dhugaan inni guddaan walgahicha irratti hirmaachuu isaati'' jedheera.

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantii Yukireen Volodymiir Zeleniskii dabalatee hoggantoonni biyyoota biroos fageenya irraa hirmaataniiru.
Ministirri ittisaa Kiiv Rustem Umerov, Biraaselsitti kan turan yoo ta'u, Awurooppaan biyya isaaniif ''dursa gargaarsa nageenyaa fudhachuusheeti'' jechuun galateeffataniiru.
Akkasumas Heegseeh argamuun isaa, ''US gargaarsa nageenyaa ishee itti fuftee nu cinaa jirti jechuudha'' jedhan.
Heeley, Pistorius fi Umerov hundi isaaniiyyuu Raashiyaan dhukaasa dhaabuu irratti miila ishee harkifteetti jechuun himatan.
Heeley akka jedhanitti, Raashiyaan waliigaltee nagaa Ameerikaan deeggaramu erga diddee ji'a tokkoo ol ta'eera. Pistooriyoos Raashiyaan ammallee nagaa buusuuf fedhii akka hin qabne dubbatan.
Mariin Awurooppaa keessatti kan gaggeeffame ergamaan addaa Ameerikaa Isteevan Witkoof gara Raashiyaa imaluun, ammas, Kireemlin akka araara fudhattuuf dhiibbaa gochuuf.
Yeroo Doonaald Tiraamp prezidaantiin Raashiyaa Yukireen keessatti dhukaasa dhaabuu irratti ''socho'uu'' akka qaban gaafatan, Wiitkoof Jimaata darbe Seent Piiteersbarg keessatti Vilaadmiir Puutiin waliin kan wal arganiiru.
Kanaan dura dubbi himaan Kiremliin Dimitiri Peeskov, Puutiin fi Wiitkoof waraana Yukireen irratti ni mari'atu, garuu namni tokko ''waan addaa'' tokkollee eeguu hin qabu jedhanii ture.
Lafarratti Yukireen keessatti, ministeerri ittisa Raashiyaa guyyaa Kamisaa akka jedhetti, humnisaa ganda Zhuraavkaa, naannoo daangaa Yukireen kaaba Sumii keessatti argamtu qabateera.
Qondaaltonni Yukireen garuu kana hanga ammaatti kana hin mirkaneessine.
Jalqaba torban kanaatti ammoo pirezidaant Zeleniskiin akka jedhanitti, loltoonni Raashiyaa hanga kuma 67 ta'an daangaa naannoo Sumii irraa gara kaabaatti buufachuun, magaalaa Sumii irratti haleellaa raawwatamuuf qophii ta'uu ibsanii ture.












