Noorweey buufataalee waraanaa lafa jalaa bara Waraana Hololaa maaliif deebistee haaressaa jirti?

Xayaara waraanaa F-35

Madda suuraa, Norwegian Armed Forces

Noorweey Raashiyaatti baay'ee dhiyaachurraa kan ka'e bara Waraana Hololaa keessa buufataaleefi dahannoo waraanaa lafa jalaa bakka icciitii ta'etti hedduu ijaartee turte.

Buufataalen waraanaa lafa jalaa kunneen kan buufata humna qilleensaafi dooniwwan waraanawwan kan hammate ture. Bulchiinsi Sooviyeetii diigamuun booda Noorweey buufataalee kanneen itti fayyadamuu dhiistee turte.

Amma immoo Raashiyaa waliin muddama keessa seenurraa kan ka'e, buufataalee waraanaa lafa jalaa hedduu haaressuu eegaltee jirti.

Turistoonni biyyoota garaa garaa irraa gara Kaaba Noorweey imaluun buufataalee waraanaa lafa jalaa daawwatu. Garuummoo kanneen icciitin qabamaniifi turistootaaf banaa hin taane heddutu jiru.

Gaarren biyyattii heddu jallisaanii buufataalee humna qilleensaafi dooniwwan waraanaa nikulara baachuu danda'an kan qabateedha.

Noorweey addunyaarratti biyya ulaa buufata waraanaa lafa jalaa heddu qabduudha. Bara Waraanni Hololaa sirna Sooviyeetii USSR fi biyyoota Lixaa gidduutti gaggeeffamaa ture, Noorweey ulaawwan buufataalee waraanaa lafa jalaa 3,000 ta'an ijaartee turte.

Kunis tarii haleellaan boombii nikularaa yoo gaggeeffame, loltoonnisheefi kan biyyoota michuushee ta'anii bakka akka itti baqataniif gaarreewwaniifi kattaan muramanii lafa jalatti kan ijaaramaniidha.

Buufataaleen waraanaa Noorweey keessa jiran keessaa muraasni waraana addunyaa lammaffaa keessatti yeroo biyyattiin Jarmaniin qabamte kan hojjetamanidha (Credit: Alamy)

Madda suuraa, Alamy

Ibsa waa'ee suuraa, Buufataaleen waraanaa Noorweey keessa jiran keessaa muraasni waraana addunyaa lammaffaa keessatti yeroo biyyattiin Jarmaniin qabamte kan hojjetamanidha (Credit: Alamy)

Amma yeroo waraanni yeroo biyyoonni Awurooppaa, Yukireeniifi Raashiyaan, wal-hunkuraa jiranitti Noorweey buufataalee waraanaa lafa jalaa lama beekamoo ta'an haaressuu eegaltee jirti.

Kaaba Arkitikii naannoo daangaa Raashiyaatti buufata Humna Qilleensaa lafa jalaafi Bardufoss fi buufata humna galaanaa lafa jalaa Olaasvarn jedhamu ijaartee qabdi.

Keessumaa buufanni galaanaa Olaasvarn seensi isaa meetira 909 bal'ata. Balballi isaa ammoo haleellaa cimaa dandamachuu kan danda'u ta'eeti kan ijaarame.

Ulaawwan lafa jalaa akka buufata waraanatti tajaajilan kunneen amma maaliif barbaachisan? Sababni ijaarameef haleellaa Gamtaa Sooviyeetii irraa itti aggaamamu qolachuuf yaadamee ture- amma Gamtaan Sooviyeetii hin jiru.

Ihaarsawwan akkasii deebisanii haaressuuf maallaqa guddaa itti dhangalaasun hangam barbaachisaadha?

Buufanni humna qilleensaa Bardufoss kattaan muramee ijaarame xayyarota ammayaa F-35 keessa qubatanii jiru.

Buufanni kun bara 1938 kan baname yoo ta'u, yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa Naazin xayyaarotasaa haleellaa jalaa maksuuf achi keessa qubsiisa ture.

Boodarra ammoo Humni Qilleensaa Noorweey haleellaa Sooviyeetii irraa irratti aggaamamu jalaa miliqsuuf xayyaarota waraanaa ulaa lafa jalaa kana keessa dhoksuu jalqabe.

Waraanni Noorweey daangaa biyyattiin Raashiyaa waliin qabdu irratti waldhabdeen cimaa dhufeef deebii kennaa yoo jira (Credit: Alamy)

Madda suuraa, Alamy

Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni Noorweey daangaa biyyattiin Raashiyaa waliin qabdu irratti waldhabdeen cimaa dhufeef deebii kennaa yoo jira

Buufanni waraanaa kun waan paayileetotaafi xayyaarota waraanaaf barbaachisu hunda: kuusaa meeshaalee waraanaa, boba'aa, bakka hojjattoonnifi paayileetonni turaniifi kaanis qaba.

Gamtaan Sooviyeetii erga diigamee booda, buufanni waraanaa lafa jalaa kun waggoota 40 darbaniif cufamee tajaajilaan ala ta'ee ture.

Buufanni waraanaa kattaan muramee hojjatame kun deebi'ee akka haareffame gochuun kan barbaachiseef, tasa Raashiyaan akkuma Yukireen weerarte Noorweey irrattis haleellaa yoo bante, xayyaarota waraanaa ammayyaashee F-35 achi keessa dhoksuufi.

Weerara Raashiyaan Yukireen irratti banteen waantoota waraana ammayyaa keessatti addunyaan hubataa jirtu keessaa tokko, xayyaarota waraanaa ammayyaa kanneen akka F-35 dolaara miliyeena hedduun bitaman diroonii dolaara 300 fayyadamuun mancaasun akka danda'amuudha.

Buufata doonii waraanaa lafa jalaa

Madda suuraa, Alamy

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2009 paarlaaman Noorweey buufanni buufanni waraanaa Olaavsvern akka cufamuuf murteesse. Bara 2013 ammoo buufanni kun dhaabbata dhuunfatti dolaara miliyeena 7 qofaan gurgurame.

Bakka dur icciitin eegamuufi eegumsa guddaa qabu namoonni itti yaa'anii daawwachuu eegalan.

Inumaayyuu abbaan qabeenyaa buufata waraanaa lafa jalaa bite dooniwwan qorannoo Raashiyaafi bidiruuwwan qurxummii akka itti fayyadamaniif hayyameefii ture.

Bara 2020 booda Tajaajilli Mootummaa biyyattii buufata kana abbaa qabeenyaa duraan bite irraa harka heddu deebisee bituuf haaressuutti ka'e. Ergasii sochiin waraanaa buufaticha keessatti jabaatee jira.

Inumaayyuu Ameerikaan doonii waraanaa nikulara baatee deemu achi keessa qubsiisuu barbaaddi.

Buufataalee waraanaa waggootaf dagataman kana deebisanii haaressuun kan barbaachiseef beekamaadha- Raashiyaa.

Noorweey qofaa osoo hin taane, Raashiyaanis buufataalee waraanaa bara Sooviyeetii 50 ta'an haaressiteetti.

Humni Galaanaa Siwidiin buufata waraanaa galaanaa kan lafa jalaa oddoola Msuko keessatti ijaarametti deebi'ee jira.

Biyyoonni kaan ammoo buufataaleefi ulaa lafa jalaa waggoota heddu dura ijaaramanii cufaman haaressuu qofa osoo hin taane haaraa ijaaraa jiru. Chaayinaan buufata galaanaa lafa jalaa guddaa ta'e Oddoola Hayinaan keessatti ijaartetti.

Akkasumas wiirtuwwan ajajaa waraanaa lafa jalaa heddu naannoo magaala Beejingiitti ijaaraa jirti.

Biyyoota akka UK fi miseensota NATO kaan keessatti ulaawwaniifi buufataaleen waraanaa lafa jalaa bara Gamtaa Sooviyeetii ijaaraman gurguramuun bakka turizimiifi muuziyeemii fa'aa ta'anii jiru. Kaansaanii ammoo balleeffamaniiru.