Mikaayil Gorbaachov: Duree Sooviyeet waraana hololaa goolabuu keessatti ga'ee gumaachan

Gameessi siyaasaa Ardii Eeshiyaa fi Baha Awurooppaa keessatti dhiibbaa guddaa uumuun beekaman-mallattoo Gamtaa Sooviyeet (Soviet Union) kan ta'an Mikaayil Sargeyeviich Gorbaachov, Bitootessa 2, 1931 Kibba Raashiyaa bulchiinsa Istavropol keessatti dhalatan.
Maatii hojii qonnaan bulan keessatti kan dhalatan Gorbaachov, umrii ijoollummaatti maashina qonnaa irra hojjetaa turan.
Erga bara 1955 Yuunivarsitii Mooskoo irraa eebbifamanii garuu siyaasatti seenan, miseensa Paartii Koministii ta'uun hirmaachuu eegalan.
Haadha warraa isaanii Ra'isaa waliin gara iddoo dhalootasaanii-Istavropol wayita deebi'an damee paartichaa achi jiru keessatti guddoo qooda fudhachuu eegalan.
Namoonni umriin jaaran duree Sooviyeet Yuuniyen ta'uu namoota hin amanne keessaa tokko turan.
Bara 1961 barreessaa Liigii Dargaggootaa Paartii Koministii ta'uun, jila Kora Kongireesii Paartichaa keessaa tokko ta'aniiru.
Qondaala damee qonnaa ta'uunsaanii argannoowwan teeknooloojii damee kanaa hedduu akka addunuyaaf gumaachan carraa isaaniif bane, kanarratti dabalataan ga'een isaan siyaasa keessatti qaban addunyaa gara bahaa keessatti maqaa akka horatan isaan gargaare.
Namoota siyaasaa jaarraa 20ffaa keessa dhiibbaa uumuun beekaman keessatti kan ramadaman Aab Gorbaachov, umriisaanii waggaa 91tti du'aan addunyaa kanarraa boqotaniiru.
Bara Sooviyeet Yuuniyen- kan Eeshiyaa fi Baha Awurooppaa waggoota 70'f to'atee ture, pireezidantii kan turan gameessi siyaasaa kun, ergasiis jijjiirama bu'uuraa fiduun maqaansaanii eerama.
Bara 1985 wayita sagantaa Rifoormii isaanii labsan, diinagdee guddisuu fi jijjiirama siyaasaa fiduun kaayyoonsaanii gooroo ta'uu ibsan.
Jijjiirama suduudaan biyyattii fi addunyaarratti raawwataa ture keessatti qooda olaanaa gumaachan Gorbaachov.
Bara Gorbaachov jijjiirama gurguddoon siyaas diinagdee kan dhufan biyya Raashiyaa-yeroo sana USSR jedhamtu keessatti qofa osoo hin taane, biyyoota dibaabee maqaa kanaa jalatti hammataman mara keessatti.
Humna haaraa
Gorbaachov bara 1978 miseensa koree giddu galeessaa ta'uun damee qonnaarraa filatamanii Mooskootti ergaman, waggaa lama booda miseensa guutuu koree seera baastotaa Paartii Koministii ta'an.
Biyyoota alaa hedduutti kan imalan Gorbaachov, imala isaan taasisan keessaa kan isaan Landanitti taasisan Ministira Muummee yeroo sanaa Margaret Tatcher hedduu malaalchise.
Haasaa BBC waliin goote keessatti USSR waliin michummaa cimsuu akka barbaaddu, Aab Gorbaachov ammoo akka jaallattu ibsite Aadde Margaret Tatcher.

Madda suuraa, Getty Images
Gorbaachov bara 1984 wayita dureen paartiisaanii Yuri Andropov du'u dura taa'aa ta'uuf turan, garuu qondaalli dhukkubsataa turan Konstantin Chernenko dura taa'aa ta'an.
Garuu namni kunis waggaa booda wayita du'an Aab Gorbaachov bakka bu'an, paartichi yeroo duraaf hoogganaa dargaggeessa argate.
Gorbaachov dhaloota 1917 boodaa yeroo jalqabaaf hoogganaa paartichaa ta'an turan.
Muudamni isaanii humna haaraa biyyattii fi addunyaafis fide.
Gabaa bilisaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyyattii kufaatii diinagdee keessaa baasuun hojiisaanii jalqabaa ture, kanatti aansuun rifoormii bu'uuraa paartiisaanii keessatti uumuu ture kaayyoonsaanii.
Fooyya'iinsa diinagdee milkeessuuf paarticha keessatti guutummaatti rifoormiin dhufuu akka qabu amanu turan.
Yaadi furmaataa Gorbaachov qabatanii as ba'an jechoota Raashiyaa lama gara waltajjii addunyaatti baase.
Isaanis biyyattii bifa haaraan ijaaruu-perestroika fi Rakkoo jiru furuuf dhimmi ijoon barbaachisu iftoomina- glasnost kan jedhamaniidha.
Bara 1991 Kora Qondaaltota Koministii- Leningiraad jedhamu kan boodarra Seent Piitarsibargi jedhamuun moggaafame irratti, ''Biyyoota kaan waliin yoo ilaalamu diinagdeen keenya boodatti hafeera. Isin baayyee nama qaanessitu,'' jechuun dubbatan.
Diinagdee to'annoo mootummaa jala jiru gara gabaa bilisaatti geeddaruun kaayyoosaanii hin turre. Dhimma kana kora bara 1985 bakka bu'oota paartilee waliin taasisanirratti ibsaniiru.
''Gariin keessan gabaan lubbuu diinagdee akka waan ta'eetti ilaaltu. Jaalleewwan, mee waa'ee lubbuu baraartuu dhiisaa waa'ee doonittii yaadaa! Doonittiin ammoo sooshaalizimiidha,'' jechuun dubbatanii turan.
Sirni bulchiinsaa isaanii qabbanaa'uu jalaa baraaruuf malli isaan fayyadamuu qaban kan biraan ammoo dimokiraasiitti ce'uu ture.
Yeroo jalqabaaf bakka bu'oota uummataaf filannoon bilisaa akka gaggeeffamu taasisan.
Qormaata isaan mudate

Madda suuraa, Getty Images
Bulchiinsi abbaa irree hanga tokko hir'achuun biyyoonni Gamtaa Sooviyeet hundeessan akka sosocho'an daandii saaqe. Muddee 1986 jeequmsi Kaazaakistaan keessatti dhohe hookkaraaf karaa bane.
Gorbaachov waraana hololaa xumuruuf barbaadanii turan. Kanarratti Pireezidantii Ameerikaa yeroo sanaa Roonaaldi Reegaan waliin waliigalan.
Waraana qindaa'aa humnoonni Sooviyeet gaggeessaa turan keessatti walta'iinsa ture haqan, weerara Afgaanistaan-kan dhiiga hedduu dhangalaasee fi biyya qaaniitti galches goolaban.
Biyyoota dirqamaan Gamtaa Sooviyeet jala galfaman irraa garuu qormaati cimaan isaan mudate.
Iftoominni Gorbaachov kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti diriirsan kun gaaffii mirga dimokiraasii fi bilisummaaf madda ta'e.
Gorbaachov gara jalqabaa gaaffii akkanaan humnaan ukkaamsuu yaadan.
Gamtaan Sooviyeet diigamuu biyyoota Kaaba Baaltik irraa eegale. Biyyoonni akka Latiiviyaa, Lituweeniyaa fi Istooniyaa bulchiinsa Mooskoo jalaa of walaboomsan. Suutuma suuta gara Waliigaltee Warsaw Raashiyaatti dabalaman.
Sadaasa 9, 1989 wayita lammiileen Baha Jarmanii gara Dhiha Barlin akka seenan wayita eeyyamuuf haalonni daranuu hammaatan.
Warri Baha Jarmanii kanneen kooluu Gamtaa Sooviyeet jala turan keessaa akkaan mataa jabaachuun beekamu, fincila gaggeessaniin dhiha Barlin akka seenan eeyyamameef.
Taankii waraanaa bobbaasuudhaan Sooviyeet muuxannoo yeroo dheeraa qaba. Gorbaachov garuu taankiiwwan bobbaasuu hin feene.
Inumaa kun dhimma keessoo warra Jarmaniiti jedhanii usan.
Gorbaachov ''jijjiiramoota Bahaa hanga Dhihaatti mudatan fiduu keessatti ga'ee olaanaa gumaachuusaaniitiin,'' bara 1990 badhaasa noobeelii nageenyaa argatan.
Bara 1991 qormaanni jabaan koministoota duraanii Mooskoo jiran irraa isaan mudate, nu ga'e jedhaniin. Fonqolchi mootummaa raawwatame.
Gorbaachov osoo Galaana Gurraacha (Black sea) irratti bashannanii to'ataman.
Qondaalli paartii Mooskoo jiran Booriis Yaalsin carrichatti fayyadamuun aangootti ba'an. Fonqolcha mootummaa dhaabsisuun, hiriirtota hidhuun aangoo siyaasaa Gorbaachov hunda dhuunfatan.
Kun ta'ee ji'oota ja'a booda Gorbaachov ari'aman. Paartiin koministiis seeraan ala jedhame. Raashiyaan imala haaraa fi itti ba'asaa hin beeknetti seente.
Waggoota Gorbaachov gara dhumaa
Mikaayil Gorbaachov dhimma Raashiyaa fi dhimmoota addunyaa keessatti ga'ee guddaa ba'uu itti fufan. Maqaansaanii dhimma biyya keessaa caalaa alatti irra ka'a.
Bara 1996 pireezidantummaaf dorgaman, garuu sagaleensaan argatan dhibbeentaa shanii gadi ture.
Bara 1990oota keessa waltajjii addunyaa hedduurratti dubbachuun beekamtii guddaa horatan. Hooggantoota addunyaa waliinis michummaansaanii inuma cime.
Namoota lammiilee Raashiyaan ala ta'aniin guddoo beekaman, kabajaman, badhaasa hedduus argatan.
Garuu bara 1999 Ra'iisaan wayita dhibee kaansariin jalaa duutu hamileen isaan bu'e.
Jijjiiramoota gama isaaniin dhufe hundaaf bu'uurri haati warraasaanii kun isaan cinaa jiraachuudha jedhama.
Gorbaachov ''aangoo hundinuu harka hoji-raawwachiistuutti gumaa'eera,'' jechuun Pireezidanti Vilaadmiir Putiiniin guddoo qeeqaa turan.
''Siyaasi biyyattii yeroodhaa gara yerootti gara fakkeessuutti deemaara. Fakkeessuuf jecha maqaa dimokiraasii faarsuutu mul'ata,'' jechuun bulchiinsa Putiin qeeqaa turan.
Bara 2014 wayita Kireemiyaa Raashiyaa jala galchuuf filannoon uummataa gaggeeffamu garuu sirriidha jedhan Gorbaachov.

Madda suuraa, Getty Images
Bitootessa 2021 wayita waggaa 90ffaan Gorbaachov kabajamu Pireezidant Putiin, ''nama ammayyaa, seenaa Raashiyaa fi addunyaa jijjiiraniidha,'' jechuun jajan.
Gorbaachov ammoo waa'ee duudhaa isaanii maal jedhu? Bulchiinsa aangoo hunda bakka tokkotti dhuunfatuu fi Waraana Hololaa hambisuun waan sirrii fi dirqama ture. Meeshaalee waraanaa niwukilaraa hir'isuunis akkasuma, jedhan.
Fonqolcha mootummaa fi goolabamuu Gamtaa Sooviyeet ilaalchisee ammallee komiitu jira. Diigamuu Sooviyeetiif lammiileen Raashiyaa hedduun ammallee Gorbaachov himatu.












