Raashiyaan buufata Hawaa Addunyaa keessaa bahuuf

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaan Buufata Hawaa Addunyaa (ISS) keessa bahuun bara 2024tti buufata mataa shee ijaarachuuf akka ta'e ibsite.
Ameerikaa, Raashiyaafi biyyoonni kaan bara 1998 irraa kaasee haala milkaa'een waliin hojjataa turan.
Haata'u malee, waraana Yukireniin booda walitti dhufeenyi Raashiyaafi Ameerikaa jidduu haalaa waan badeef, Raashiyaan sababii qoqqophaa biyyoota lixaatiif akka pirojakticha keessaa baatu doorsiifte turte.
NASAn garuu Raashiyaan saganticha keessa bahuuf yaaduu karaa idileetiin waan isa gahe akka hin jirre hime.
Buufanni Hawaa Addunyaa pirojaktii eejjansiiwwan hawaa shaniiti. Isaanis bara 1998 irraa kaasuun orbiitii gubbaa dachee marsuun qorannoowwan saayinsaawaa kumaatama gaggeessaa turan.
Hanga bara 2024tti hojjachuuf kan mirkanaa'ee jiru yoo ta'u, Ameerikaan garuu waliigaltee biyyoota kaan hundaatiin waggoota jaha dabalataatiif dheerressuu barbaaddi ture.
Dureen buufata Raashiyaa, Mr Borisov walgahii Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin godhataniin, Roskosmos sharikoota isaatiin dirqama isaa ni guuta, garuu pirjakticha bara 2024tti xumuruuf murteen darbeera jedhan.
''Yeroo kanatti buufata orbiitii Raashiyaa ijaaruu dandeenya jedheen yaada,'' kan jedhan Mr Borisov, buufanni haaraansi dhimma ijoo buufata isaa ta'u hima. Putiinis ''gaariidha'' jechuun deebii kennan.
Ammatti murteen kun Dhaabbata buufata Hawaa Addunyaaf maal jechuu akka ta'e hin baramne. Dhaabbanni hawaa Ameerikaa NASAnis karoora Rashiyaa kana ilaalchisee wanti isa gahe akka hin jire hime.
Ajajaan Buufata Hawaa Addunyaa duraaniifi qorataan samii Ameerikaa amma sorama irra jiran, Dr Leerooy Chiyaa'oon Raashaan pireojekticha keessa bahuuf waan murteessitu akka hin taane amanu.
''Akkan yaaduutti Raashiyaan akkasumaan jetti. Buufata mataasaanii ijaarrachuuf maallaqa gahaa hin qaban. Kana gochuufis bara dheeraa fudhata. Yoo daandii kana filatan ammoo wanti godhan kan biraa homtu hin jiraatu,'' jechuun BBC'tti himan.

Madda suuraa, ROSKOSMOS
Walta'insii Raashiyaa fi Ameerikaa jidduutti Dhaabbata Hawaa Addunyaa irratti ture hanga yoonaatti sababii waraana Yukireeniin hin miidhamne ture.
Biyyoonni lamaanis jalqaba baatii kanaarratti qorattoonni Raashiyaa xiyyaara Ameerikaatiin gara buufatichaa akka imalananii deebii'aniif waliigaltee mallatteessanii ture.
''Hundi keenya warra balalii'udha. Ilaalcha wal walii keenyaa dinqisiifachu qabna,'' jedhan Dr Chaari'oo, kan bara 2004- 2005tti buufaticha ajajaa tura.
Haata'u malee, waraanni Yukireen keessatti eegalees walitti dhufaanya Raashiyaafi warra Lixaa kan damee biraa miidheera. Eejjansiin Hawaa Awurooppaa (ESA) walta'iinsa isaa Roskosmos waliinii dhaabuun xiyyaara gara Maarsii erguuf jedhe.
Raashiyaanis furgugsituu ishee Buufata Hawaa Awurooppaa irraa kan Faransaay Gu'anaa keessaa ni dhaabde.

Madda suuraa, ESA/NASA
Dr Chaay'oo dhiheenya keessa Raashiyaa buufata hawaa dhimma siyaasaa taasisaa jirti jedhan. Gamtaan Sooviyeetiifi Raashiyaan seenaa bara dheeraa abuuruu hawaa waliin qabu.
Akkasumas hojiiwwan jajabaa kan akka yeroo jalqabaatiif bara 1961tti nama buufatichatti geessuu kan hanga yoonaatti madda boonii biyyaaleessaa ta'e fa'i raawwataniiru.
Hogganaan Roskosmos walgahii Putiin waliin gaggeessaniin, buufanni hawaa haaraan Raashiyaa tajaajilawwan jireenya hammayyaatiif barbaachisan kanneen akka qorannoofi odeeffannoo dabarsuu Raashiyaaf ni raawwata jedhan.












