Mikaa'el Gorbaachev: Gaggeessaan dhumaa Sooviyet Yuuniyeen boqote

Madda suuraa, Getty Images
Gaggeessaan dhumaa Sooviyet Yuuniyeen Mikaa'el Gorbaachev umurii waggaa 91tti du’aan boqote.
Gorbaachev Waraana Ololaa (Cold War) akka xumuru gochuu keessatti gahee guddaa taphate jedhama.
Bara 1985tti aangoo qabachuun Gamtaa Sooviyeetii (USSR) biyyoota lixaa wajjin akka walitti dhuftu gochuun jijjiirama garaa garaa fidee ture.
Haa ta’u garuu Gamtaa Soviyeetii gargar caccabuu irraa hin oolchine jedhamee komatama.
Du’a isaa kana hordofee dureewwan biyyoota fi dhaabbilee garaa garaa gadda isaanii ibsataa jiru. Barreessaa olaanan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez, “inni nama seenaa jijjiiredha” jechuun jajan.
Fuula Tiwiitara isaanii irratti gadda ibsataniin, “Mikhaayil Gorbaachov namoota biyya gaggeessan keessaa nama addaa ture.” Itti dabaluunis, “Addunyaan gaggeessaa beekamaa fi nama yaadota garaa garaa simachuuf kutataa fi yeroo hunda nagaa buusuf dhama’u dhabde” jedhan.
Hospitaalli inni itti du’e akka jedhetto Gorbaachov yeroo dheeradhaaf dhukkuba cimaadhan rakkataa ture.
Fayyaa dhabee erga hospitaalatti deddeebi’aa ture. Dhibee kaleetin qabamee rakkataa akka ture miidiyaalen gabaasanii turan. Haa ta’u garuu sababni du’a isaatii hin ibsamne.
Pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmir Puutin gaddi guddaan akka itti dhagahame oduu himaan isaa Dimitrii Peeskoov miidiyaa biyyattiitti hime.
Pirezidantin US Joo Baayidan gama isaanitiin Gorbaachov gameessa siyaasaa bara Waraana Ololaa sana “ilaalcha fuulduree gaarii qabaachun ni danda’ama jechuu danda’eedha” jedhe.
Pirezidaantin Gamtaa Awurooppa Ursula von der Leyen ammoo inni “gaggeessaa amanamaa fi kabajamaa Awurooppan akka bilisa taatuf karaa baneedha” jechuun isa jajje.
Muummeen Ministeeraa UK Booris Joonsan jabinaa fi kabaja Gorbaachev qabu akkanatti jajan: "Puutin waraana Yukireen irratti bana, inni garuu hawaasa Soviyeetif balbala banuudhan hunda keenyaf fakkeenya."
Gorbaachev bara 1985tti barreessaa olaanaa Paartii Komunistii Sooviyeetii ta'uun Gamtaa Soviyeetii bulchuu eegale.
Gorbaachev namoota sirna siyaasa addunyaa irratti dhiibbaa godhan qubaan lakkaa'aman keessaa isa tokkoodha. Gaafa aangotti dhufu, biyyoota Baha Awurooppaa Gamtaa Soviyeetii jalatti humnaan bulaa turan diiguf hin turre. Inumaayyuu cimsee itti fufuuf ture.
Osoo hin turin diinagdeen Sooviyeetii raafamuu eegale. Gorbaachev waa'ee to'annoo meeshaalee waraanaa irratti US waliin walii gale. Biyyoonni Baha Awurooppaa fincila sirna bulchiinsa Komunistii irratti fincilan gidduu galuu hin barbaanne.
Waraana biyyi isaa Afgaanistaan weeraruun hanga bara 1979tti itti fufe akka dhaabatu gochuu keessatti gahee guddaa qaba.

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni sirna komunizimii leellisan bara 1991tti fonqolca mootummaa isaa irratti yaaluu hordofee Gamtaa Soviyeetii diiguf walii galee aangoo gadi lakkise.
Waraanni Ololaa akka xumuramu gochuu isaati biyyoota lixaa biratti akka nama seenaa hojjateetti ilaalama.
Wal gaarreffannaa biyyoota lixaa fi bahaa gidduu jiru tasgabbeessuu keessatti shoora tapahateef bara 1990tti Badhaasa Nagaa Nobeelii argatee ture.
Bara 1991tti Raashiyaan ammaa kun yeroo uumamtu Gorbaachev gahee siyaasa keessatti qabu xiqqeessun hojii barnoota fi namoomaa irratti xiyyeeffachuu eegale.
Haa ta'u garuu bara 1996tti aangotti deebi'uu barbaadee filannoo pirezidaantummaa gaggeeffameen sagalee 0.5% qofa argate.












