Dhugaa dhokataan michummaa, kolfa dureewwan Chaayinaafi Raashiyaa duuba jiru maali?

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantii Chaayinaa Shii Jinpiing fi giti isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin walitti walitti dhiheenyasaaniirraa kaa'uun kan argu hundi aanga'oota waliif michuu cimoo ta'an jedhanii ilaalu.
Fakkeenyaaf, guyyaa qophii yaadannoo xumura Waraana Addunyaa Lammaffaa gaafa Caamsaa 8, Moskootti kabajame irratti, yeroo waraanni biyyoota lamaanii waliin agarsiisa raawwataa turanitti, Shiii Jinpiing akka michuu cimaatti gama mirga Puutin dhaabachuun mul'atan.
Qophichaan sa'aatii muraasaan duras, Shii Jinpiing hariiroo biyyoota lamaan gidduu jiru 'kan hin cabnedha' jechuun ibsuun, Raashiyaa fi Chaayinaan biyyoota 'michuu akka sibiilaa cimoo' ta'uu dubbatan.
Daawwanaan milanaa kun Shii Jinpiing erga bara 2013tti pirezidaantii ta'anii booda daawwannaa 11ffaa Raashiyaatti taasisan yoo ta'u, kana malees hoggantoonni biyyoota lamaanii yeroo adda addaatti 40 ol wal arganii jiru.
Haaluma walfakkaatun, pirezidanti Puutin dhuma bara kanaatti Chaayinaa dowwachuuf ta'uu ibsaniiru. Haata'u malee, walitti dhufeenya cimaa kana duuba wantoonni dhokatan hedduu jiraachuu kaasu xinxaltoonni siyaasaa.
''Dureewwan biyyoota lamaanii kunneen yeroo baayyee wal biratti agarree jirra. Haata'u malee, hariiroo isaanii keessa sababii dorgommiin jiruuf, yeroo tokko michuu ta'uu danda'anilleen, mormitoota walii ta'uu danda'uu,'' jedhan Maatiiwoos Booloon, Giddugala Xiinxala Imaammata Awurooppaa irraa.
"Wantoota fakkeenyaa ta'an qofaa arguun dinqisiifanneera, haata'u malee walitti dhufeenya dhugaa isaan jidduu arguun caalaa nama hawwata," jedha.

Madda suuraa, EPA-EFE/Shutterstock
Dhugaan jiru garuu Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jinping of eeggannoodhaan tarkaanfachaa jiru. Raashiyaan michuu ijoo Chaayinaati, garuu maqaansheen duraan addunyaatti qabdu weerara Yukireeniin booda miidhameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Chaayinaan, keessattuu amma yeroo ofiin Ameerikaa waliin waraana daldalaa keessatti argamtu kanatti, michummaan ishee Mooskoo waliin qabdu michoota biroo adda baasuu dhiisuunshee Beejiingiif murteessaadha.
Akkasumas, Chaayinaan hariiroo Awurooppaa waliin qabdu fooyyessuuf ji'oota yaalii taasisaa kan turte yoo ta'u, erga Doonaald Tiraamp pirezidaantii ta'anii as ammoo tattaaffiin kun cimee jira.
Beejiing mootummaa Ameerikaa kan itti aansuuu maal akka raawwachuu danda'u tilmaamuun rakkisaa ta'e fuulduratti, akka michuu addunyaa cimtuutti of agarsiisuu waan barbaadde fakkaata. Jalqaba torban kanaa irrattis carraaqqiin Chaayinaa kun bu'aa buusaa akka jiru mallattoon mul'ateera.
Pirezdantiin Komishinii Awurooppaa Ursulaa Voon der Leyen fi pirezdantiin Mana Maree Awurooppaa, Antooniyoo Koostaan hariiroo biyyoota lamaanii waggaa 50 kabajuuf Caamsaa 6, 2025 pirezidant Shii Jinping fi ministira Mummee Chaayinaa Lii Keqii'aang waliin ergaa wal jijjiiraniiru.
Hariiroo cimaan Beejiing Moskoo waliin qabaachuu fi gargaarsi dinagdee Raashiyaan, tumsa Awurooppaa fi Chaayinaa gidduu jiru irratti gufuu ta'uu ibsan xinxaltoonni.
Chaayinaan hanga ammaatti michuu ishee bara dheeraa kan taatee Raashiyaa weerara Yukireen irratti raawwatteef hin balaaleffanne, garuu waa'ee ''walitti bu'iinsa kana'' xumuruu dubbatteetti.
Pirezidanti Shii Jinpiing walitti dhufeenyi ykn michummaan Puutiin waliin qaban garmalee cimaa ta'un kan mul'atu yoo ta'e ammoo, fedhiin Awurooppaa waliin hariiroo uumuu summeessuu danda'a.
Tiraampiif dhaamsa
Tiraamp erga yeroo itti aangoo qabatanii kaasee waraana Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiru saffiisaan xumuruuf yaalaa kan jiran yoo ta'u, hariiroo dhuunfaa Pirezidanti Puutiin waliin qaban kaasuudhaan isaa, Ameerikaan Chaayinaa fi Raashiyaa gidduutti waldhabdee uumuuf yaalaa jirti gaaffii jedhu kaaseera.
Pirezidaantiin Chaayinaa Shiin kun akka hin danda'amne Tiraampitti himuu barbaadu. Shii Jinpiing barreeffama miidiyaa Raashiyaa irratti maxxanfame keessatti, ''yaalii hariiroo fi amantaa keenya xiqqeessuuf godhamu kamiyyuu waliin ta'uun ni fashalaa'a'' jedhan.
Hooggantoonni Raashiyaa fi Chaayinaa karoora Tiraamp sirna ittisa misaa'elaa "Golden Dome" jedhamu argachuuf qabaniif deebii kennaniin, kun akka bakka duwwaa meeshaa waraanaatiin guutuu fakkaata jedhan.
Hoggantoonni lamaan olaantummaa Ameerikaatiif sirna addunyaa filannoo yaadaa jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Haata'u malee Shiin, Chaayinaan humna addunyaa taatee waan jirtuuf, humnii fi dhiibbaan Raashiyaa daangeffamee akka ta'e ni beeku. Gama kanaan lamaan isaanii wal qixa miti.
Waraanni Yukireen keessatti geggeeffamaa jiruu dinagdee Raashiyaa laaffisuun dandeettii ittisa ishees miidheera. Akkasumas qoqqobbiin biyyoota Lixaatiin irra kaa'ame, hirkattummaa Moskoon Beejiing irratti qabdu akka dabalu gochuudhaan akka addunyaatti Raashiyaa laaffiseera.
Haala kaanaafuu, ''Raashiyaan Chaayinaa caalaatti barbaaddi'' jedhan Maatiiwoos Booloon, Giddugala Xiinxala Imaammata Awurooppaa irraa.
Puutiin taankoonni gara Addabaabayii Diimaa Moskootti yeroo gulufan wayita ilaaluutti, michuu isaa Chaayinaa irratti hirkatee akka danda'u beekamaadha, yeroo barbaachisaa ta'ettillee wal gargaaruu danda'u.
Haata'u malee, firiin ibsiwwan, kolfi, harka wal fuudhuu aanga'oota lamaan kanneenii duuba jiruu waggoottan dhufaniitti garaagarummaa biyyoota lamaan gidduu jirutti boba'aa ta'uu danda'a jedhan xinxalaan imaammataa kun BBC Urduutiin.












