Olloota niikulara hidhatan Hindiifi Paakistaan keessaa kamtu humna waraanaan caala?

Madda suuraa, Getty Images
Kibxata darbe Paakistaan Hindiin Paakistaan fi Kaashimiir kan Paakistaan jalatti bultu keessatti haleellaa qilleensaa raawwatteetti jechuun himatte, diroonii Hindii 25 kuffisuu beeksisteetti.
Hindi gama isheetiin ''diroonii fi misaa'eloota'' Paakistaan irraa furguggifaman kuffisuu ibsiteetti.
Ofii gahumsi waraanaa biyyoota lamaanii maal fakkaata? Itti aansuudhaan humna waraanaa Hindii fi Paakistaan wal bira qabnee ilaalla.
Diroonota
Biyyoonni lamaan lakkoofsa diroonota qabanii dabaluuf diroonii biyya alaa irraa bitachuu fi oomishaa turaniiru. Garuu lakkoofsaan yoo ilaalle Hindiin diroonii baay'ee hidhattee jirti.
Biyyi baay'ina ummataan addunyaarraa tokkoffaa taate Indiyaan, waggoota lamaa hanga afur dhufan keessatti diroonota kuma shan akka qabaattu xiinxalaan ittisaa Raahul Bedi BBC'tti himaniiru.
Hindiin bara darbe Ameerikaa waliin waliigaltee mallatteessiteen diroonii SkyGuardian fi SeaGuardian jedhaman kan olka'iinsaafi fageenya dheeraarratti imalan akkasumas meeshaa waraanaa qaban 31 bitattee turte.
Paakistaan Hindiin gaditti diroonii xiqqaa qabaattus, dirooniin waraanaa Ishee dandeettii hordoffii, sakatta'iinsaa fi haleellaa xiyyeeffannoo addaa qabu raawwachuu danda'an qabdi.
Keessattuu dirooniin Paakistaan lola irratti humna guddaa akka qaban himama. Fakkeenyaaf, dirooniin lolaa Buraaaq kan Paakistaanitti omishamu bara 2015 irraa eegalee Awurooppaa keessatti hojii farra shororkeessummaa keessatti fayyadaarra oola akan kan ture yoo ta'u, diroonii ammayyaa Turkii fi Chaayinaarraas galchiteetti.
Bajata ittisaafi lakkoofsa loltuu

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyyoonni lamaan bara1999 tti yeroo dhumaaf erga wal waraananii booda waldhabdee kan qaban yoo ta'u, waldhabdeen kun gara waraana guutuutti deebi'uu danda'a jedhamee sodaa uumameera.
Hindi waraana idilee miiliyoona 1.4 ol qabdi jedha Global Firepower. Addunyaarratti warra humna guddaa qaban keessaa sadarkaa 4ffaa irratti argamti. Paakistaan ammoo humna waraanaatiin addunyaa irratti sadarkaa 12ffaarra jirti. Loltoota idilee kuma 654 qabdi.
Akka Inistitiyuutiin Nageenya Idil-addunyaa Istookihoolm jedhutti Indiyaan bara 2024tti ittisa isheef doolaara biiliyoona 86 ol ramaddeetti. Kunis kan Paakistaan dachaa sagal caala.
Gama humna lafaatiin Hindiin taankii 4,200 ol fi konkolaattota waraanaa qaban 150,000 qabdi. Paakistaan taankii 2,600 gadi fi konkolaattota waraanaa 18,000 gadi qabdi.
Humni Qilleensaa Hindii xiyyaarota waraanaa 513 fi xiyyaarota boombii roobsan 130 dabalatee walumaa galatti xiyyaarota 2,229 qaba. Akka Global Firepower jedhutti Paakistaan walumaa galatti xiyyaarota gara 830 qabdi.
Gama humna galaanaatiin Hindiin dooniiwwan galaanaa gosa adda addaa 293 kan qabdu yoo ta'u, kunis kan Paakistaan dachaa lama caala.
Misaayelaafi Niikuleera

Madda suuraa, Getty Images
Sagantaan misaa'ela Paakistaan misaa'ela fageenya dheeraa fi dirree waraanaa keessatti kan hojiirra oolan misaa'ela fageenya gabaabaa fi giddu galeessaa of keessatti qabata.
Sagantaa misaa'elaa Hindii keessa gosa adda addaatu jira. 250 km hanga 600 km akkasumas fageenya dheeraa 1,200km hanga 8,000 km, imalan akkasumas misaa'ela kruuzii gosa adda addaa of keessatti qabata.
Sagantaan niikuleeraa Hindii kan fageenya dheeraa kun biyya dhimma lafaa irratti dhibdee waliin qabdu Chaayinaas ilaalcha keessa kan galcheedha.
Hindiin Paakistaan caalaa misaa'ela kan hidhatte ta'us, Meeshaa waraanaa niwukilaraa murteessaa ta'e keessatti garuu biyyoonni lamaan meeshaa waraanaa gaaga'ama guddaa qaqqabsiisan qabu.
Inistitiyuutiin Qorannoo Nagaa Idil-addunyaa Istookhoolm akka jedhutti Hindiin fiixeewwan waraanaa niwukilaraa 172 kan qabdu yoo ta'u, Paakistaan ammoo 170 qabdi.
Garuu meeshaaleen niwukilaraa biyyoota lamaan kanaa meeqatu hojiirra ooluuf qophaa'ee akka jiru ifa miti.
Paakistaan morkattuu ishee Hindii waliin dorgomuuf fiixeewwan waraanaa niwukilaraa hojjechaa kan jirtu yoo ta'u, Hindiin ammoo Chaayinaa xiyyeeffannoo guddaa godhachuun meeshaa waraanaa fageenya dheeraa hojjechaa jirti.
Kana malees ollaa Hindii fi Chaayinaa kan taate Chaayinaan dandeettii meeshaa niwukilaraa ishee dhibbeentaa 22n dabaluudhaan lakkoofsa fiixee waraanaa niwukilaraa 410 irraa gara 500tti ol guddisteetti.












