Amerikaa fi Chaayinaan marii jalqabaniiru- Maaltuu amma akka mari'atan godhe?

Shii Jin Piing fi Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Waraanni daldalaa Ameerikaa fi Chaayinaa gidduu ture hir'aachuu mala. Sababni isaas biyyoonni dinagdeen olaanaa ta'an kunneen lamaan Siwiizarlaanditti marii jalqabuuf jiru.

Qondaaltonni daldalaa olaanoo gama lachuu irraa dhufan Sanbata wal argu; erga Pireezdaant Doonaald Traamp ji'a Amajjii keessa Chaayinaa irratti qaraxa kaa'een booda, kuni mariin sadarkaa ol'aanaa isaa jalqabaa ta'a.

Beejiing battaluma sanatti haaloo baatee, achiis biyyoonni lamaan qaraxa walirratti waan tuulaniif wal dhabdeen cimaan uumame. Ammaatti gibirri meeshaalee Chaayinaarra Ameerikaatti galfamu irra kaa'ame dhibbeentaa 145 gaheera, kan Ameerikaan Chaayinaatti ergitu dhibbeentaa 125 qaqqabeera.

Torbanoota hedduuf, Ameerikaa fi Chaayinaan jechoota cimaa fi dallansuun dubbii walirra deebisaa turan. Biyyii kaan soda fi dhiphina keessa akka jirtu fakkeessuuf lamaan isaanii waan hin yaalin hin qaban.

Amma garuu, torban kana dhufu, mariif walitti dhufaniiru.

Maaltuu akka isaan amma dubbatan godhe?

Maqaa fi ulfina ofii eeguuf

Erga irra deebiin gibira walirratti tuulaniin booda, biyyoonni lameen waldorgommii kana dhaabuuf fedhii agarsisaa turan. Garuu eenyuutu dursee akka harka kennatu ifa hin turre.

"Mariin kun amma kan gaggeeffamaa jiru, biyyoonni lamaan osoo eenyutu yaada jijjiire ykn harka kennate jedhanii hin ilaalamin gara fuulduraatti tarkaanfachuu waan murteessaniif." Jedha duraanii hogganaa marii daldalaa Ameerikaa kan ta'ee Isteefan Olsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Haa ta'u malee, dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Liin Jian mariin kun akka geggeeffamu kan gaafate Ameerikaa jechuun cimsanii dubbataniiru.

Ministirri daldalaa immoo marii kun ''waamicha daldaltootaa fi fayyadamtoota Ameerikaaf'' deebii kennuuf akkasumas Waashington gargaaruf jecha jedha.

Bulchiinsi Traamp garuu "dinagdeen isaanii kufaa waan jiruuf" qondaaltota Chaayinaatti "baay'ee daldala barbaada" jedhan.

"Nuti barbaade jedhani? deebi'anii galmee isaanii qorachuu qabu jedheen yaada," jechuun Tiraamp Roobi darbe Waayit Haawusitti dubbataniiru.

Garuu mariin kun yeroo itti dhihaatu, pirezidaantichi yaadasaa gara dippilomaasiitti jijjiireera: "Hundi keenya tapha taphachuu dandeenya. Eenyuu jalqaba bilbile, eenyuu hin bilbille - kun garuu hin barbaachisu. Wanti barbaachisu waan marii sana irratti ta'u qofa." jedhe, Roobii darbe ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbataniiru.

Yeroon marii kun gaggeeffamaa jiru Beeyjiinif baay'ee murteessaa. Sababiin isaas yeroo pirezidaantin biyyattii Shii Jin Piing gara Mooskootti imalu waan ta'eef.

Jimaata darbe agarsiisa guyyaa injifannoo Moskoo irratti keessummaa kabajaa ture. Raashiyaan Waraana Addunyaa Lammaffaa irratti Naazii Jarman injifachuuf yaaddannoo waggaa 80ffaa kabajaa turte.

Shiin hoggantoota biyyoota Kibbaarraa dhufan cinatti argame - kunis Chaayinaan filannoo daldalaa biroo qofa osoo hin taane, akka hogganaa addunyaatti of dhiheessaa akka jirtu bulchiinsa Tiraampiif agarsiisuf.

Kunis yeroo mariif dhihaatan humna dabalataa isaanif kenna.

Dhiibbaan cimeera

Shii Jin Piing

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Shii Jin Piing, Vilaadmiir Puutiin waliin wal arguuf Moskoo keessa jira

Tiraamp gibira kaa'ame kanaan Ameerikaan ni jabaatti jedhee amana, Chaayinaan immoo 'hanga dhumaatti ni falmanna' jetti. Garuu dhugaan jiru, gibirri kun biyyoota lameen miidhaa jira."

Oomishni Chaayinaa keessatti Muddee 2023 irraa eegalee sadarkaa gadi aanaa irra jira jedha ragaan mootummaa.

Gama biraatiin ammoo gibira irraan kan ka'e waggoota sadii keessatti yeroo jalqabaaf dinagdeen Ameerikaa gad bu'aa jirti.

Tiraamp jijjiramni kun fayyadamtoota Ameerikaatti akka dhaga'amu ibse ture.

Ijoolleen Ameerikaa "ashaangulliitii 30 osoo hin taane lama qabaachuu danda'u" jechuun walgahii ministirootaa ji'a kana irratti dubbate. "Tarii sanuu kan duraanii caalaa qaalii ta'u danda'a." jedhan.