Chaayinaan sababa qaraxa Tiraamp xiyyaarota Booyiing Ameerikaa irraa bituuf ajajje deebiste

Xiyyaarri Booyiing 737 MAX 8 kan daandiin qilleensaa Chaayinaa ajajee ture dirree Booyiing deebi'ee dhaabbate, kunis sababa Chaayinaa fi US qaraxa bulchiinsa Tiraamp irratti qoccolloo keessa seenaniif

Madda suuraa, Reuters

Sababa bulchiinsi Pirezidant Doonaald Tiraamp oomsihaalee Chaayinaan gara US ergitu irratti qaraxa guddaa kaa'eef biyyoonni lameen waldhibdee daldalaa hamaa keessa seenaniiru.

Kanumaan walqabatee Chaayinaan xiyyaarota Booyiing bitachuuf ajajjee turte gara Ameerikaatti deebisuu kubbaaniyyaan xiyyaara oomishu- Booyiing ibseera.

Xiyyaaronni Booyiing gurgurtaaf gara Chaayinaa ergamanii turan lama deebi'uu fi xiyyaarri sadaffaan itti aanee kan deebi'u ta'uu hoogganaan Booyiing Keelii Oortibarg ibsaniiru.

Akka hoogganaan Booyinng kun jedhanitti bara kana xiyyaarota 50 Chaayinaatti gurguruuf karoorri qabameera. Amma garuu warri bitan fedhii akka dhaban ibsan.

Ajaja Pirezidant Doonaald Tiraampiin Ameerikaan oomishaalee Chaayinaa irratti qaraxa dhibbeentaa 145 kaa'eera.

Kana hordofee Chaayinaan gamasheetiin oomishaalee Ameerikaarratti gibira dhibbeentaa 125 dabalteetti.

Pirezidant Tiraamp Kibxata darbe dhimmuma qaraxaan walqabatu kanarratti Waayit Haawusitti wayita ibsa kennan tarkaanfii haaloo ba'umsaa Chaayinaan fudhachuu eegalteen waan yaadda'an fakkaatu.

Kun ammoo dubbii duraan hammeessan salphisuun haasaa isaan taasisan keessatti mul'achuurraa hubatama.

Fakkeenyaaf Chaayinaa waliin hariiroo daldalaa fooyyessuuf abdii akka qabanfaa dubbatan. Torbanoota dura yaaduma akkasiituu hin qaban turan.

Qaraxi kaa'ame ''baayyee akka hir'achuu danda'u,'' garuu ''zeerootti akka gadi hin buune,'' ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haata'u malee hoogganaan Booyiing ''Chaayinaan sababa qaraxi irra kaa'ameef xiyyaarota ajajje bituu didde,'' jechuun kisaaraa tarkaanfiin Tiraamp irraan ga'e ibsan.

Booyiing xiyyaarota Ameerikaan gabaa alaaf dhiheessitu keessaa dibbeentaa 70 qabachuun, Ameerikaa keessaa xiyyaarota gabaa alaaf dhiheessuun dhaabbata gita hin qabnedha.

Xiyyaaronni isaa gabaarratti akkaan akka barbaadaman kan ibse Booyiing, xiyyaarota hojjetamanii xumuramanii Chaayinaatti gurguramuuf turan 41f gabaa biraa biraa barbaaduuf qorannoo gaggeessaa jiraachuu hime.

Keelii Ortibargi Ameerikaa fi Chaayinaan waraana daldalaa keessa seenuu irratti Tiraamp fi aanga'oota olaanoo isaanii waliin yeroo garaagaraatti dubbachuu fi waliigalteerra ga'uuf abdii akka qabanis dubbataniiru.

Ministeerri Maallaqaa US Iskoot Beeseent Roobii darbe kora dhaabbati maallaqaa addunyaa (IMF) qopheesse irratti Chaayinaa waliin ''waliigalteewwan daldalaa murteessoo ta'an,'' irra akka ga'amuu danda'u dubbatanii turan.

Hoogganaan Booyiing akka ibsanitti sababa qaraxaan xiyyaarotasaanii rakkoon kan mudate gama Chaayinaatii qofa osoo hin taane, Ameerikaan oomishaalee hundarratti qaraxa dhibbeentaa 10 kaa'uun gabaa Jappaan fi Xaaliyaanii irrattis rakkoo walfakkaataa uumeera.

Booyiing sababa xiyyaarotasaa balaan mudataa tureen dhiibbaa biyyoota addunyaarraa isa mudatee fi sababa hojjettoonnisaa duula lagannaa hojii gaggeessaa turaniif oomishi isaa bara darbe hir'atee ture.