Biyyoonni addunyaa TikTok irratti seera akkamii qabu, eenyufaatu dhorke?

Madda suuraa, Getty Images
Teeknooloojiin ammayyaa saffisaa fi heddumminaan gara addunyaa kanaa dhufaa jira. Miidiyaan hawaasummaa ammoo si'eessituudha, humna guddaa qaba.
Bara 2016 TikTok wayita as ba'u addunyaa walga'uuf yeroo itti hin fudhanne. Jiruu fi jireenya hawaasummaa hedduu jijjiire.
Miiliyoonotaaf madda maallaqaa ta'ee isaan fooyyesse.
Yeroo booda babal'inni isaa kan eegameen ol wayita ta'u safuu fi duudhaa akkasumas nageenya biyyootaatti yaaddoo ta'aa dhufe.
Kanarraa ka'uun mootummoonni biyyoota addunyaa garaagaraa uggura irra kaa'uu eegalan.
US dabalatee biyyoonni hedduun TikTok dhorkaniiru.US keessatti bara bulchiinsa Joo Baayidan dhorkame.
Garuu Pirezidanti Doonaald Tiraamp wayita aangoo qabatu umrii TikTok Ameerikaa keessatti qabu guyyoota 75n waan dheeresseef appiin kun biyyattii keessatti itti fufe.
Chaayinaa, biyya madda TikTok taate, keessatti appiin kun hin hojjetu.
Miidiyaan hawaasummaa saffisa guddaan addunyaarratti guddataa jiru kun yaaddoo nageenyaa uumeera.
Biyyoonni ragaa namoota dhuunfaa fi daataawwan murteessoo mootummoota biyyoota addunyaa Chaayinaaf kenna jechuun tarkaanfiitti seenaniiru.
Yaaddoon addunyaarra jiru kun Afrikaas dammaqseera. Garuu biyyoonni Afrikaa hedduun callisuu kan filatanidha.
TikTok- Chaayinaa keessatti
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kubbaaniyyaan Chaayinaa ByteDance jedhamu jalqaba miidiyaa hawaasummaa Douyin jedhamu hundeesse.
Kun Fulbaana 2016 Beejiingi keessatti labsame. Douyin jalqaba wayita hundeeffamu tajaajila viidiyoo qooduuf fayyadu akka kennuuf ture.
Waggaa keessatti Chaayinaa fi Taayilaand keessatti fayyadamtoota miiliyoona 100 horate.
Hundeessaan Douyin akka addunyaatti ammoo miidiyaa hawaasummaa kana maqaa TikTok jedhu moggaaseef.
TikTok ammoo Douyin erga hundaa'ee waggaa tokko booda Fulbaana 2017 sadarkaa addunyaatti tajaajila kennuu eegale.
Douyin fi TikTok kan hundeesse dhaabbata tokko ta'us garuu garaagarummaa qabu.
Chaayinaan alatti Douyin buusanii (download) fayyadamuun hin danda'amu. Chaayinaa keessatti ammoo TikTok buusanii fayyadamuun hin danda'amu.
Chaayinaa keessatti TikTok ni dhorkame osoo hin taane jalqabumarraa hin turre.
Qabiyyeewwan TikTok fi Douyin garaagara. Douyin irratti namoonni oomishaalee yookiin kitaabota bitu.
Akka TikTok waan fedhan maxxansuun hin jiru. Douyin irratti dursi kan kennamuuf qabiyyeewwan barumsa kennaniif.
Dhaabbata miidiyaalee hawaasummaa lameen- Douyin fi TikTok of jalaa qabu ByteDance akkaataan itti daataa namootaa argatu appiiwwan lameenirrattiyyuu adda adda.
Daataan Douyin irraa argatu kan TikTok irraa argaturra baayyee xiqqaata.
Biyyoonni TikTok dhorkan kam fa'i, maaliif?

Madda suuraa, Getty Images
US guutummaatti TikTok ofirraa cufuun biyya addunyaarratti ajandaa guddaa taatedha, ta'us erga Doonaald Tiraamp aangootti deebi'ee uggurri irraa ka'eera.
Miidiyaa hawaasummaa kaan caalaa odeeffannoo dhuunfaa (daataa) namootaa guurrachuun kan himatamu TikTok himata kana ni haala.
TikTok cufuun akka carraa odeeffannoo cufuu akkasumas himannaa ragaa qabatamaa hin qabnerraa ka'uun tarkaanfii fudhatame ta'uu ibsa kubbaaniyyaan miidiyaa hawaasummaa kun.
Qabeenya kubbaaniyyaa teeknooloojii Chaayinaa ByteDance jedhamuu kan ta'e TikTok mootummaa Chaayinaan akka hin hoogganamnee fi daataa kamiyyuu mootummaa Chaayinaaf akka hin qoodne ibse.
Ta'us garuu biyyoonni addunyaa hedduun hidhata TikTok mootummaa Chaayinaa waliin qaburraa shakkii waan qabaniif miidiyaa hawaasummaa kana xiyyeeffannaa addaan ilaalaa jiru.
Albaaniyaan xumura bara 2024tti TikTok irratti uggura waggaa tokkoo labsiteetti. Biyyi kun tarkaanfii kana miidiyaa hawaasummaa kanarratti kan fudhatte sababa nageenyaa yookiin sababa miidiyichi Chaayinaa waliin hidhata qabuuf miti.
Dhimma jeequmsa biyya keessaan walqabata.
Mudde darbe Ministirri Muummee biyyattii Edi Raamaa hookkaraa fi jeequmsa biyyattii keessatti ka'e akkasumas doorsisa dargaggoota irratti raawwatamuuf TikTok himatanii turan.
Sababa kanatti TikTok Albaaniyaa keessaa ugguramuu labsan.
Awustiraaliyaan ammoo Ebla 4, 2023 meeshaalee teeknooloojii mootummaa federaalaa irratti TikTok akka hin fayyadamne dhorkite.
Kunis sababa yaaddoo nageenyaaf ta'uu ibsite.
Awurooppaa keessaa biyyi Estooniyaa jedhamtus sababa yaaddoo nageenyaa bilbiloota ismaartii mootummaa aanga'ootaa fi hojjettootaaf kennerraa uggurteetti.
UK keessatti ammoo Bitootessa 16, 2023 irraa kaasee meeshaalee teeknoojii mootummaarratti TikTok akka hin fayyadamne dhorkaan kaa'ameera.
Dhorkaan kun erga Giddugalli Nageenya Saayibarii Biyyaalessaa UK (National Cyber Security Centre) meeshaaleen mootummaa gariin miidiyaalee hawaasummaa tokko tokkoon sakatta'amuu hubatanii booda.
UKn meeshaa teeknooloojii Chaayinaa, Huawei, ugguruun biyya jalqabaa taatus, TikTok ugguruu ilaalchisee garuu michootashee booda hafteetti.
Jaarmiyaaleen Gamtaa Awurooppaa kanneen akka Komishinii Gamtaa Awurooppaa, Paarlaamaan Awurooppaa fi Manni Maree Gamtaa Awurooppaa sadarkaa dhaabbataatti TikTok ugguruun kan jalqabaati.
Yaaddoo nageenya saayibarii irraa kan ka'e meeshaalee teeknooloojii mootummaa irraa TikTok ugguran.
Uggurri Paarlaamaan Awurooppaa TikTok irra kaa'e Bitootessa 20, 2023 irraa eegaleeti. Miseensonni paarlaamaa fi hojjettoonni meeshaalee teeknooloojii qabanirraa appii kana akka balleessanis akeekkachiiseera.
Nezarlaandis TikTok maqaa dhahuu baattus bara 2023 ji'a Bitootessaa keessa appiiwwan ''biyyoota sagantaa saayibarii dantaa Daach irratti hammeenya qabuu'' ta'an hunda akka hin fayyadamne uummatashee dhorkiteetti.
Appiiwwan biyyoota akka Chaayinaa, Raashiyaa, Kooriyaa Kaabaa fi Iraan dantaa biyyattiirratti balaa waan fidaniif jechuun uggurteetti.
Appiiwwan kunneen keessaa tokko ammoo TikTok dha.
Firaansi, Noorway, Beeljiyeem, Deenmaark, Niw Ziilaand sababa yaaddoo nageenyaa meeshaalee teeknooloojii mootummaa irraa TikTok ugguraniidha.
Mootummaan Kanaadaa ammoo sababa yaaddoo keessa seentummaa qaama alaatiin TikTok biyya keessatti namuu akka hin fayyadamne dhorkeera.
Ogeeyyiin nageenyaa fi tikaa Kanaadaa yaaddoon nageenyaa jiraachuu erga gabaasa dhiheessanii booda Sadaasa 6, 2024 mootummaan biyyattii waajjiraalee gurguddoo TikTok lamaan Torontoo fi Vaankuuvar keessatti argaman cufuu ibse.
Haata'u malee lammiileen Kanaadaa ammallee TikTok ni fayyadamu. Ministirri Innooveeshinii Kanaadaa François-Philippe Champagne lammiileen TikTok fayyadamaa jiran osooma daataan isaanii mootummaa Chaayinaa harka galaa jiraachuu beekaniiti jedhan.
Guraandhala darberraa kaasee mootummaan meeshaalee teeknooloojii qabeenya mootummaa ta'an hundarraa TikTok balleesseerra.
Appiin kun yaaddoo nageenyaa fidaa jiraachuu erga hubatee booda haquu fi irra deebiin akka hin buune (download) dhorkuu ibse mootummaan.
Indiyaan ammoo bara 2020 keessa ture appiiwwan Chaayinaa hunda kan biyyashee keessaa dhorkite.
WeChat kan jedhamu dabalatee appiiwwan Chaayinaa hunda sababa yaaddoo nageenyaa fi iccitii dhuunfaatiin biyyattii keessatti akka tajaajila hin kennine murtee dabarsite.
Dhorkaan kun erga Indiyaa fi Chaayinaan daangaa irratti waldhaban- Himaliyaan jedhamurratti walitti bu'uun loltoonni Indiyaa 20 caalan ajjeefamanii kaa'ame.
Taayiwaan keessatti dameewwan waajjiraalee mootummaa TikTok kan ugguran Muddee 2022.
Kunis erga FBI appiin miidiyaa hawaasummaa kun nageenya biyyattii yaaddoo keessa galchaa jiraachuu gabaasa dhiheesseefii booda.
Meeshaaleen teeknooloojii mootummaa kanneen akka mobaayila, taableetii fi kompiyuutaroota irratti TikTok dabalatee appiiwwan Chaayinaa hunda fayyadamuun hin danda'amu.
Paakistaan keessatti ammoo TikTok qabiyyeewwan safuu hawaasaa faallessan dhaadhessa jechuun bara 2020 irraa eegalee yeroo afur uggurameera.
Akkasumas Afgaanistaan appiin miidiyaa hawaasummaa kun dargaggoota gara hin malletti oofa jechuun bara 2022 irraa kaasee uggureera.
TikTok- Afrikaa keessatti

Madda suuraa, Getty Images
Afrikaan miidiyaa hawaasummaa addunyaarratti olaantummaa argate- TikTok'f iddoo gabaa isa guddaadha.
Miidiyaan hawaasummaa kunis iddoo babal'ifannaasaa godhachuuf dursa kenneeraaf.
Gabaasi Rooyitarsi bara 2022 baase Afikaan gabaa filatamaa TikTok akka ta'e mul'isa. Bakka miidiyaan hawaasummaa kun dargaggoota hedduu itti argatuudha.
Miidiyaan hawaasummaa kubbaaniyyaa teeknooloojii Chaayinaa- ByteDance jedhamuun abuurame kun sagaleen dagatamee hafe Afrikaa keessaa akka dhagahamus taasiseera.
Waa'ee ardii Afrikaa akkaataa miidyaalee gurguddoon itti gabaasaa turan geeddareera. TikTok gubbaatti qabiyyeewwan dhihaatan ilaalcha addunyaan Afrikaarratti qabdu guddoo jijjiire.
Haata'u malee yaaddoon nageenyaa fi safuu fi duudhaan baduu biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti ka'aa jiru Afrikaa keessas jira.
Biyyoonni addunyaa hedduun TikTok ofirraa cufaa jiru, mootummoonni Afrikaa hedduun garuu callisanii ilaaluu filataniiru.
US dabalatee biyyoota addunyaa kaan keessatti sodaa guddaan TikTok daataa guuree mootummaa Chaayinaaf dabarsa kan jedhuudha.
Biyyoota Afrikaa keessatti garuu dhimma safuu fi duudhaa hawaasaan walqabatudha. Akkasumas hookkara kakaasuu fi shororkeessummaa tumsuun himatama.
Fakkeenyaaf Somaaliyaan Hagayya 2023 appiiwwan akka TikTok, Telegram fi appii qumaaraa 1XBet jedhamu uggureera.
Biyyattiin akka sababaatti kan eerte appiiwwan kunneen qabiyyeewwan safuu hawaasaa cabsan (saalquunnamtiin walqabatan) fi olola tamsaasan dabarsu kan jedhuudha.
Aanga'oonni Somaaliyaa ''shororkeessitoonni fi gareen safuu hin eegne'' appiiwwan kunneen fayyadamuun ''qabiyyeewwan nama rifaasisanii fi odeeffannoo sobaa tamsaasu,'' jechuun himatan.
Aanga'oonni Sudaan Kibbaa ji'a Amajjii keessa uummanni biyyattii miidiyaalee hawaasummaa hunda, TikTok dabalatee, guyyaa 30f akka hin fayyadamne dhorkuu ibsanii turan.
Tarkaanfiin kun kan dhagahame erga lammiin Sudaan Kibbaa bulchiinsa Sudaan bakka El Gezira jedhamutti ajjeefame jedhamuun baayyee odeeffamee booda hookkaraa fi haleellaa haaloo ba'uu balaafamaa mudate hordofeeti.
Senegaal keessatti erga kaadhimamaan paartii mormituu hidhamuun TikTok fayyadamuun ''haasaa jibbiinsaa fi diigumsaa'' tamsaase jedhamuun himatamee booda Hagayya 2023 miidiyaan hawaasummaa kun uggurameera.
Aanga'oonni Senegaal qondaalli siyaasaa kun TikTok fayyadamuun nageenya biyyattii yaaddoo keessa galcheera jechuun tarkaanfii kana fudhachuu ibsan.
Biyyoonni gariin ammoo TikTok dhorkuu caalaa to'annoo fi qajeeltoon nageenyummaasaa ittiin mirkaneessan akka cimu fedhii agarsiisan.
Fakkeenyaaf Keeniyaan appii kana ugguruu mannaa seerri hordoffiisaa akka cimu gaafatte.
Dhimmi kun paarlaamaa biyyattii dhihaatee wayita turetti karaa appii kanaa qabiyyeewwan hololaa, saamichaa fi quunnamtii saalaa faallaa safuu hawaasaa ta'an tamsa'uun akka yaaddoo ijootti ka'ee ture.
Itoophiyaan seera miidiyaa qabiyyeewwan safuu hawaasaa faallessan dhorku qabdi. Garuu biyyattii keessatti qabiyyeewwan faallaa safuu fi duudhaa hawaasaa ta'an hedduun TikTok irratti wayita darban ni argamu.
Aanga'oonni biyyattii namoota dhuunfaa viidiyoo fi suuraadhaan waan safuu hawaasaa cabsu dabarsan jedhe adabuun alatti akka biyyaatti TikTok irra uggura hin keenye.












