TikTok viidiyoowwan saal-quunnamtii shamarran kallattiin dabarsan madda maallaqaa godhate - Qorannoo BBC

Bilbila mobaayilaa fi asxaa TikTok

TikTok viidiyoowwan qabiyyee saal-quunnamtii of keessaa qabanii fi kallattiin tamsa'an irraa maallaqa hedduu buufataa jiraachuu maddeen adda addaa BBCtti himan.

Tamsaasa kallattii kana keessatti daa'imman umriinsaanii waggaa 15 ta'efaatu hirmaatu.

BBCn dubartoota Keeniyaa sadi, kanneen osoo umriinsaanii waggaa kurna keessa jiruu gocha akkanaa eegaluu himan, dubbiseera.

TikTok irratti daangaa tokko malee akka of beeksisanii fi viidiyoowwan qabiyyee saal-quunnamtii qaban gadhiisuu dursanii maallaqa argamurratti akka dubbatan ibsan.

Dhimmi maallaqaa kan dubbatamu appii ergaa ittiin waliif dabarsan kan biraatiini.

TikTok viidiyoo saal-quunnamtiin maallaqa gaafachuu akka dhorke ibsa, garuu wayita viidiyoowwan akkanaa kallattiin darban dhaabbatichi akka beeku kanneen qabiyyee hordofan BBCtti himaniiru.

Kanaan dura BBCn akka adda baafatetti, TikTok viidiyoowwan kallattiin darban hundarraa dhibbeentaa 70 argata.

TikTok ''bu'aa kallattii kanaan argamu kamuu akka hin fudhanne fi gocha akkanaaf araarama akka hin qabne,'' BBCtti himeera.

Viidiyoowwan kallattiin TikTok irratti dabarsuun Keeniyaa keessatti kan baratamedha.

Halkan hunda dubartoonni shubbisa (daansii) kallattiin dabarsu, viidioonsaanii addunyaa walga'a akkasumas namoota dhibba hedduun lakkaa'amaniin daawwatama.

Akeekkachiisa: qabiyyeen odeessa kanaa saalqunnamtii of keessaa qaba

Suuraa iskiriinii jajjaboo kan TikTok kallattiin, agarsiistonni tokko tokko (mirga) dabareedhaan fudhatanii iskiriinii guddaa irratti shubbisa yaada namaa kakaasu (bitaa)
Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa iskiriinii jajjaboo kan TikTok kallattiin, agarsiistonni tokko tokko (mirga) dabareedhaan fudhatanii iskiriinii guddaa irratti shubbisa miira namaa kakaasu (bitaa)
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Naayiroobii keessatti halkan keessaa sa'aatii saddeetitti tamsaasni TikTok kallattiidhaan darba.

Sagalee muuziqaa olkaasanii iyyisiisu, fayyadamtoonnis walitti haasa'u, dubartiin tokko ammoo kaameraa ishee qixeeffachuun tamsaasa kallattii eegalte. Kanaan boodas kennaawwan emoji iskiriinii guutan.

Dubartii shubisa san agarsiiftuuf irra deddebiin "keessaan naa barreessaa. Taap, taap godhaa," jechuun jecha TikTok irratti barameedha.

"Taap, taap," jechuun yeroo baay'ee kan itti fayyadaman yoo ta'u, daawwattoonni tamsaasa kallattii akka jaalatan ("like") godhan waamicha dhiyeessudha.

''Kinembe'' jechi jedhu Kiswaahiilii yoo ta'u fiixee qaama saalaa dubartootaa yookiin afaan Ingiliziin clitoris isa jedhamuudha.

''Keessaan naaf ergi'' jedha namni viidiyoo dubartootaa karaa tamsaasa kallattiin TikTok irratti hordofu tokko.

Shamarran akka qullaa qaama saalaa isaanii erganiif gaafata, akka waan meeshaa wayiii bitaa jiruu.

Dubartoonni yeroo gammachuu fedhii saalaa argatan, yeroo shubbisan yookiin yeroo gocha quunnamtii saalaa fakkaatu hiriyootasaanii dubartoota ta'an waliin raawwatan akka ergamuuf gaafatu hordoftoonni.

Viidiyoowwan BBCn ilaale garii keessatti jechoonni tajaajila saal-quunnamtii kennuuf faayidaarra oolan koodii addaa qabu. Namni biraa salphaatti hubachuu hin danda'u.

Tajaajila viidiyoo kallattiin tamsa'uun kennamuuf kennaa emoji adda addaatu kennama.

Booda kennaan emoji kun gara maallaqaatti sharafama.

''Gochoota qabiyyee saal-quunnamtii qaban dhabamsiisuun fedhii ijoo TikTok miti. Viidiyoo kallattiin darburratti akkuma kennaan heddummaatuun galiin TikTok dabala waan ta'eef,'' jedha qabiyyee TikTok hordofaa kan ture.

Lammii Keeniyaa namoota TikTok akka qabiyyee to'ataniif qacare jedhu kuma 40 caalan keessaa tokko ture kanaan Jo jennee waamne.

TikTok ammallee galii tamsaasa kallattiirraa argamu keessaa dhibbeentaa 70 akka argatu BBCn mirkaneeffateera.

BBCn qorannoo bara 2022 gaggeesseen TikTok dhibbeentaa jedhame kana akka kutatu saaxilee turus, jaarmiyaan kun garuu haalee ture.

TikTok qorannoo keessoo isaatiin bara 2022 gaggeesseen daa'imman gocha saalquunnamtii agarsiisaa viidiyoo kallattiin dabarsuu akka quba qabu ibsee ture.

Garuu himannaan bara darbe US bulchiinsa Utaa keessatti TikTok irratti dhihaate akka mul'isutti kubbaaniyyaan miidiyaa hawaasummaa maamiloota hedduu qabu kun faayidaa guddaa waan irraa argatuuf gocha kana dhaabsisuu dideera.

Keeniyaan ammoo iddoo gocha kanaaf akkaan saaxilamtuu taatedha.

Namni qabiyyee TikTok to'atu (moderator) kan biraan kubbaaniyyichi hubannoo nam-tolchee (AI) irratti bu'uureffataa waan jiruuf qixa sirrii ta'een qabiyyee to'achuun rakkisaadha jedhe.

Namni nuti Kelvin jechuun waamnu kun teeknooloojiin AI jechoota saal-quunnamtii biyyoota adda addaa hunda hubachuu waan hin dandeenyeef gama kanaan to'annoon laafeera jedha.

Jo gamasaan kutaa qabiyyeen itti secca'amu ykn calalamutti akeekkachiisa dhufan keessaa dhibbeentaa 80 kan ta'an qabiyyeewwan saal-quunnamtii yookiin beeksisa tajaajila quunnamtii saalaa akka ta'an ibse.

TikTok kana hundaa sirriitti beeka jedhe.

Tajaajila karaa viidiyoo TikTok irratti dhihaatuuf kennaan emoji, booda gara maallaqaatti sharafama
Ibsa waa'ee suuraa, Tajaajila karaa viidiyoo TikTok irratti dhihaatuuf kennaan emoji, booda gara maallaqaatti sharafama

Dhimma kanarratti BBCn jaarmiyaalee tola ooltotaa dubbiseera.

Jaarmiyaan ChildFund Kenya jedhamuu fi jaarmiyaaleen tola ooltotaa hedduun daa'imman umriinsaanii aggaa sagal ta'anfaatu gocha akkanaa keessatti hirmaatu jedhan.

Shamarran umriinsaanii waggaa kurna keessa ta'e fi kanneen umrii dargaggummaa keessa jiran halkan sa'aatii ja'a yookiin torba hojii kanarratti akka dabarsan BBCtti himan.

Kanarraas guyyaatti paawondii 30 akka argatan himan. Maallaqi kun torban tokkoof nyaataa fi geejjiba isaanii ni danda'aaf.

''TikTok irrattin of gurgura. Qullaa koon shubbisa (dannasa). Karaan maallaqa argadhu karaa kana waan ta'eefan kana godha,'' jette shamarreen umrii waggaa 17.

Shamarree kana Estar jennee waamne.

Magaalaa Naayiroobii keessa ollaa harka qalleeyyii jiraatti. Maallaqa haala kanaan TikTok irraa argattuun daa'imashee fi haadhashee gargaarti.

Abbaanshee erga du'ee maatiin Estar kiraa manaallee kaffalachuu dadhabanii rakkoo hamtuu keessa jiru.

Kanatu gocha kanatti ishee galche.

Umriishee waggaa 15nitti TikTok eegalte. TikTok tamsaasa kallattii seenuu kan eeyyamu namoota umriinsaanii waggaa 18 fi isaa ol ta'e qofaafi.

Estar garuu waggaa 17n kana raawwatti.

Akka seera TikTokitti kallattiin seenanii qabiyyee dabarfachuuf yoo xiqqaate hordoftoota 1,000 qabaachuun dirqama.

Kanaaf kanneen hordoftoota hedduu qaban ijoollee qabiyyee saal-quunnamtii dabarsanii fi ulaagaan umrii TikTok isaan daangessu gabaaf dhiheessuun akka dallaalaatti gidduu dhaabbatanii hojjetu.

Isaan unneen dallaalota dijiitaalaa (dijital Pimps) jedhamu.

Namoonni akkasii hedduunsaanii akkaawontii lama ykn sadi qabu, yoo tokko ulaagaa TikTok cabsuun cufame isa kan biraatti fayyadamu.

Namni dubartoota gabaaf dhiheessu kun galii isaan argatan irraa kutatata.

Karaa namoota akkasii deemuun humna ofii qisaasessuudha jette Estar.

Dallaalonni dijiitaalaa kun shamarran umriinsaanii waggaa 18 gadi ta'e ni beeku kan jettu Estar ''keessattuu shamarran ol adeemoo ta'anitti fayyadamuu baayyee jaal'atu,'' jette.

Akka isheen galii hedduu argamsiistu dhiibbaa irratti uumu. Kana jechuun shamarreen kun baayyinaa fi saffisaan viidiyoo kallattiin dabarsuu qabdi.

Namoota lama kompiyuutara ilaalaa jiran

Estar namni haala kanaan ishee hojjechiisu maallaqa isheen eegde caalaa irraa kutachuutti gadditi.

''Fakkeenyaaf yoon shilingii kuma 35 hojjedhe, inni shilingii kuma 20 fudhata. An shilingii kuma 15 qofan argadha,'' jette.

Umriishee waggaa 15 taatee osoo jirtuu TikTok eegaluu kan himtu Soofii (maqaa ishee isa sirrii miti) namoonni Awurooppaarraa viidiyoo qullaa qaama saalaa ishee mul'isu akka ergituuf gaafataa akka turan dubbatte.

Amma waggaa 18 kan taate shamarreen kun hojii saal-quunnamtii onlaayinii keessatti hirmaachuusheetti bayayee gaabbiti.

Viidiyoo isheen yeroo sana karaa miidiyaa hawaasummaa biraa ergite hedduun beekamtii ishee malee maxxanfameera.

Suuraa qullaa ishee mul'isu miidiyaalee hawaasummaa hedduurratti argitee hedduu rifatte.

Ollaanshee arganii ijoolleen akka isheetti hin dhihaanne akeekkachiisuu BBCtti himte.

''Akka nama gatii hin qabneetti na fudhatan. Ijoollee ol adeemoon akka waanan isaan dogoggorseetti hubachiifaman. Yeroo hedduu kophaa kiyyan jiraadha.''

Dubartoonni fi shamarran BBCn dubbise fayyadamtoonni TikTok maallaqa kaffaluun akka isaan waliin saal-quunnamtii raawwachuuf dirqamsiisan himan.

Garii dallaalota gidduu deemantu humnaan gudeeda.

TikTok gabaasaa Afrikaa keessatti babal'isuuf fedhii guddaa agarsiisaa jira. Garuu ogeeyyii qabiyyee hordofan hin qacarre ykn lakkoofsi isaanii ga'aa miti.

Mootummaan Keeniyaa dhimma TikTok waliin walqabatee rakkoo ta'aa jiruuf xiyyeeffannaa kenneera.

Pirezidanti Wiiliyaam Ruutoo bara 2023 hoogganaa TikTok Shou Zi Chew waliin walarguun to'annoo fi hordoffiin qabiyyee akka fooyya'uu qabu itti himaniiru.

Haata'u malee ji'oota 18 boodas ammallee rakkoon kun hin furamne jechuun BBCtti himan namoonni qabiyyee to'atan.

Ammoo dubbi himaan TikTok akkas jechuun BBCtti dubbatan:

''TikTok faayidaaf jecha safuu hawaasaa cabsuu gonkumaa hin fudhatu. Imaammata ittiin qabiyyee to'annu xiyyeeffannaan hojiirra oolchina. Kan tamsaasa kallattii dabalatee. Afaanota 70n qabiyyee to'anna, kun Kiswaahiiliis dabalata.

''Kanarratti ogeeyyii naannoo waliinis ni hojjenna. Jaarmiyaa biyyoota Sahaaraan gadii keessa jiru- Sub-Saharan Africa Safety Advisory Council jedhamu waliin ni hojjenna. Kun hojii Afrikaa keessatti hojjennu toora qabsiisuuf.''