Tiraamp suuraa phaaphaasii Kaatoolikii isaan fakkeessuun AI'n tolfame qooduun mufii kaase

Pirezidant Tiraamp suuraasaanii AI'dhaan akka phaaphaasii kaatoolikiitti fakkeeffame qooddatan

Madda suuraa, X/WHITE HOUSE

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Tiraamp suuraasaanii AI'dhaan akka phaaphaasii kaatoolikiitti fakkeeffame qooddatan

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp suuraa phaaphaasii Kaatoolikiitti fakkeessuun isaan mul'isu kan hubannoo nam-tolchee (AI) dhaan tolfame miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti qooduun hordoftoota amantii Kaatoolikii mufachiise.

Suuraan Tiraamp kun wayita hordoftoonni amantii Kaatoolikii boqochuu Poop Firaansiis gaddaa jiraniifi phaaphaasii itti aanu filachuuf qophiirra jiranitti miidiyaalee hawaasummaa Waayit Haawus irratti maxxanfame.

Yaa'iin Kaatoolikii Niwu Yoork jiru tokko Tiraamp amantichatti qoosaa jiru jechuun waan mudateen baayyee mufachuu ibse.

Suuraan kun kan miidiyaaleerratti qoodame erga Pirezidant Doonaald Tiraamp ''phaaphaasii ta'uu nan barbaada,'' jechuun bifa qoosaan gaazexeessitootatti dubbatanii booda.

Tiraamp amantiitti Kaatoolikiitti qoosaniiru jedhamuun wayita qeeqaman pirezidantii Ameerikaa kan jalqabaa miti.

Tiraamp dura pirezidantii kan turan Joo Baayidan waggoota dura uummata hiriira ba'efuulduratti mallattoo fannoo wayita hojjetan ykn wayita agarsiisan baayyee qeeqamanii turan.

Hiriirri sun Filooriidaa, Tampatti kan gaggeeffame yoo ta'u, namoota ulfa baasuu deeggaraniin ba'ame.

Dubbi himaan Vaatikaan Maatiyoo Biruunii waa'ee suuraa Tiraamp qoodanirratti ejjennoo mana amantittii gaafatamanii garuu deebii kennuurraa of qusatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Vaatikaan torbee dhufu Roobii irraa eegaluun phaaphaasiiwwan filannoof kaadhimaman simachuuf qophiirra jirti.

Suuraan Jimaata darbe galgala miidiyaa hawaasummaa Pirezidant Tiraamp irratti maxxanfame kun uffata adii fi koofiyaa phaaphaasonni uffachuun beekamaniin faayamee mul'ata.

Suuraa AI dhaan tolfame kanarratti Tiraamp fannoo guddaa mormasaaniirratti fannifataniiru.

Harkasaanii mirgaarraa quba tokko baasanii fuulduratti akeekuun akkasumas fuulasaaniirraa miirri tasgabbii fi xiyyeeffannaa mul'atu phaaphaasiima isaan fakkeesseera.

Suuraan kun qoodamuu hordofee qaamni phaaphaasii Niwu Yoork bakka bu'u -Yaa'iin Phaaphaasii Niwu Yoork, komii qabu X irratti ibseera.

''Kabajamoo pirezidantii, suuraa kanarratti ogummaan isinirraa mul'atu yookiin wanti nama kofalchiisu homtuu hin jiru,'' jechuun barreesse gareen kun.

Gareen kun ibsa isaa keessatti, ''jaallatamaa abbaa keenya Poop Firaansi reefuu awwaaluu keenya. Akkasuma abbootiin amantii Kaatoolikii phaaphaasii itti aanu filachuuf mana amantii Qulqulluu Pheexiroositti sirna gaggeessuuf qophiitti jiru. Nutti hin qoosinaa,'' jedhe.

Ministirri Muummee duraanii Xaaliyaanii Maatiyoo Reenzii Pirezidant Tiraamp suuraa kana qooddachuu balaaleffataniiru.

''Gochi kun hordoftoota amantichaa kan mufachiisu, dhaabbatichaaf arrabsoodha. Akkasumas hooggantoonni addunyaa amantiitti qoosuudhaa gammachuu akka argatan kan agarsiisuudha,'' jedhan qondaalli Xaaliyaanii kun.

Waayit Haawus garuu pirzidantichi phaaphaasii fi phaaphaasummaarratti qoosaa jiru himata jedhu kuffiseera.

Pirees Sekreetariin Tiraamp Kaarolaayin Leevit ''Pirezidant Tiraamp du'aan boqochuu Poop Firaansis ilaalchisuun gaddasaanii ibsachuu fi sirna awwaalchaa isaaniirratti hirmaachuun hanga Roomitti imalaniiru. Akkasumas walabummaa hordoftoota amantii Kaatoolikii fi amantichaaf deeggarsa guutuu nama kennaniidha,'' jedhan.