Tiraamp guyyoota dhufan 100 maalirratti xiyyeefatu?

Madda suuraa, Getty Images
Prezidaant Doonaald Traamp fi bulchiinsi isaanii torban kana bu'aa ba'ii guyyoota 100 jalqabaa aangoo isaanii yoo ilaalu, guyyoota 100 dhufan keessatti waliigaltee daldalaa fi marii nagaa irratti akka xiyyeeffatu qondaaltonni Waayit Haawus himaniiru.
Jijjiiramni saffisaan michoota gammachiise fi mormitoota ajaa'ibsiise, kanneen akka mirga saala jijjiirrachuu dabalatee, qondaalli tokko Tiraamp ''torpedoo'' (misaayelaa bishaan jalaa dhuka'u) qaba jedhanii turan garuu sun maal akka ta'e hin ibsine ture.
Traamp erga Guraandhala 20 aangoo qabatanii as imaammata biyya keessaa fi alaa U.S. bal'aa irratti jijjiirama bal'aa labseera.Sirna dinagdee addunyaa taarifaan kuffisaniiru, mootummaa federaalaa hojii hir'isuun sagantaalee adda addaa damee mootummaa fi dhuunfaa keessatti hojjetaman dhabamsiisaniiru.
Akkaadaamii, dhaabbilee seeraa fi manneen murtii irrattis duulaniiru.
Torban kana Tiraamp hojiilee guyyoota 100 kana yaadachuuf gara Michigan imaluuf karoorfataniiru. Waayit Haawus mul'ata dinagdee, godaantota waraqaa eenyummaa hin qabne ari'uu, imaammata alaa irratti jijjiirama fiduu fi waajira bu'a qabeessummaa dhaabbilee federaalaa to'atu kan biliyeenara Elon Maaskiin hoogganamu birokraasii federaalaa qulqulleessuu fi waan akka qisaasamaatti ilaalu hanmbisuurratti akka hojjetu gochuurratti xiyyeefata.
Aanga'aan Waayit Haawus eenyummaasaanii dhoksuun yaada kennan imalli hanga ammaa injifannoowwan aangoo marsaa lammataa Tiraamp keessatti eegaman keessaati jedhan.
Bulchiinsi Tiraamp Ameerikaa haaromsuuf wayita hojjechaa jirutti qeeqxonni bulchiinsichaa mirga lammiilee fi kan lammii hin taanee sarbaa jira, olaantummaa US addunyaarratti qabduufis yaaddoodha jedhanii ibsu.
Pireezidant Tiraamp jibba Yihuudotaan walqabatee Yunivarsiitileef maallaqa kennamu adda kutaniiru, mirga namoota saala jijjiiraniirra danqaa qaahaniiru. Kuni ammoo hawaasa Ameerikaa biratti dhiibbaa biraa uumeera.
Qondaalli Waayit Haawus kun kan caalu dhufaa jira jedhu. ''Misaayilli bishaan keessaa dhuka'u dhufaa jira.''
Hojiileen irra hedduun hojjetamuuf jedhan raawwii yaadotaafi wixineewwanii ta'uu dubbataniiru.
Bulchiinsichi murteewwan akka lammiilee biyyoota adda addaarra dhorkaa imalaa kaahuun akka keessatti argamus ibsan.
Murteewwan Tiraamp tokko tokko mana murtiin kufar godhamaniiru. Tiraamp garuu kana tole jedhanii akka hin fudhanneefi birookiraasii mootummaafi manneen murtii cabsuuf akka hojjetan eegama.
Qondaalli biraan xiyyeeffannoo ijoon guyyoota 100 dhufanii waliigalteewwan daldalaa fi marii nagaa akka ta'u ibsan.
Tiraamp torbanoota darbe qaraxa omishaalee biyyoota addunyaarra kaahuu booda biyyoota hedduu waliin waliigaltee daldalaa gpchuutti jiru.












