Ergamaan addaa Tiraamp fi Pirezidant Putiin wayita walargan maal waliin jedhan?

Suuraan Waayit Haawus maxxanse akka mul'isutti walargaan Putiin fi Istiiv Wiitkoof gaarii ture

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan Waayit Haawus maxxanse akka mul'isutti walargaan Putiin fi Istiiv Wiitkoof gaarii ture

Raashiyaa, Kireemliin keessatti miirri US fi Raashiyaan waliin jiraachuu agarsiisu mul'ateera.

Ergamaan addaa Pirezidant Doonaald Tiraamp Istiiv Wiitkoof Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin wayita harka fuudhan qondaalonni lachuu fuulli isaanii ifaa ture.

''Si arguu kootti gammadeera,'' jedhan Istiiv Wiitkoof wayita Putiin harka fuudhan.

Miira gammachuutu irraa mul'ata.

Fuula Wiitkoof irraa akka mul'atutti ergamaan Tiraamp kun aanga'aa Raashiyaa kana arguutti gammachuu guddaa akka qabanidha.

Wiitkoof waa'ee Putiin waan hedduu hubataniiru. Ji'a lamaan darban keessatti yeroo afraffaaf walarguusaaniiti.

Yeroo walargan kana keessatti Wiitkoof qondaala Ameerikaa kamuu caalaa Putiinitti dhihaachuun walmichoomfataniiru.

Kireemliin waa'ee marii kanaa kan mul'isu viidiyoo sekondii 27 gadhiisee ture. Kan nama ajaayibu aanga'oonni biyyoota lameenii miira gammachuun walsimachuu caalaa hariiroo dippiloomaasii asirratti mul'atedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dippiloomaasiin akkasii gonkumaa kan baratame miti.

Kutaa kora itti gaggeeffatan keessa Pirezidant Putiin gargaaraa imaammata dhimma alaa isaanii Yuurii Ushakoov fi investimantii alaarratti ergama addaa isaanii kan ta'an Kiriil Dimitireev akkasumas afaan hiiktuu isaanii faana taa'an.

Gama biraan ammoo Wiitkoof fi afaan hiiktuu isaanii qofatu turan. Lakkoofsaan baayyee walcaalu.

Dippiloomaasiin akkasii kan baratame miti. Ammoo Wiitkoof nama hojii dippiloomaasii keessa yeroo dheeraaf turanis miti.

Biiliyoonara Niwu Yoork keessatti hojii Riis Isteetiin beekamanidha. Michuu yeroo dheeraa Tiraamp turan. Tiraampis nama dippiloomaasii baratamaa duriitti cichan miti.

Akkuma Tiraamp, Wiitkoofis waliin mari'atanii waliigalteerra ga'uu malee biirokiraasii dippiloomaasiitti hin amanan.

Bara Tiraamp hariiroon dippiloomaasii US fi Raashiyaa haala kanaan deemaa jira jechuudha.

Hariiroon dippiloomaasii bu'aansaa addunyaa mara qaqqabu kun haala kanaan ta'uunsaa addunyaarratti ijoo falmii ta'eera.

Aanga'oota Raashiyaa fi US

Madda suuraa, Reuters/Kremlin

Maricha booda Ushakoov ''mariin Wiitkoof waliin taasisne bu'a qabeessaa fi murteessaa ture,'' jechuun gaazexeessitotatti himan.

Garuu korri isaanii qabxiiwwan ijoo fi biyyoota lameen- Raashiyaa fi Yukireeniif akkaan murteessoo ta'anirratti walii hin galle.

Dokumantiin marii kanaa kan gaazexeessitoonni iccitiin argatan akka mul'isutti aanga'oonni Raashiyaa fi Ameerikaa kunneen waa'ee lafa daangaa Raashiyaa fi Yukireen gidduutti madda waldhibdee ta'erratti wal hin taane.

Waa'ee lafa daangaa Yukireen nagaaf jecha dhiisuu qabduu, wabii nageenyaa Yukireen gaafattu, qoqqoobbiin Raashiyaarraa akka hir'ifamu... kun hunduu gar tokkotti hin deebine.

Guyyaama Wiitkoof gara Moskoo imalan magaalattii keessa rakkoo nageenyaa hamaatu ture.

Jeneraalli Raashiyaa dhohiinsa boombiin ajjeefamaniiru.

Ajjeefamuu Jeneraal Yaroslav Moskalik kanaaf Kireemliin Kiiviin himatte.

Ajjeechaan kun yoo dhuguma Kiiviin raawwate waraanni Raashiyaan Yukireen keessatti gaggeessaa jirtu gara qe'eesheetti dhihaachaa jiraachuu mul'isa.