Waraanni daldalaa Ameerikaa fi Chaayinaa garamiitti imala laata?

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaanti Doonaald Tiraamp Roobii Ebla 9 irraa eegalee meeshaalee Chaayinaan galchitu irratti qaraxa %100 ol akka kaa'an erga doorsisanii booda waraanni daldalaa guutuu Chaayinaa fi US waliin gaggeeffamuuf jira.
Chaayinaan waan akka dirqisiisuu Ameerikaatti ilaaltutti kanaaf harka kennachuurra "hanga dhumaatti ni qabsaa'a" kan jette yoo ta'u, deebii kanaatiifis gufuu daldalaa gamashee US irraa kaaftee jirti.
Waldhabdeen daldalaa hammaataa dhufe kun dinagdee addunyaatiif maal jechuudha?
Daldala hangamii hojjetu?
Daldalli meeshaalee biyyoota dinagdeen guddatan kanneen lamaan gidduutti gaggeeffamu bara darbe walitti qabaatti naannoo doolaara biiliyoona 585 (£429bn) ta'eera.
Ameerikaan Chaayinaa irraa meeshaalee gatii isaanii ($440bn) baasu kan galchitu yoo ta'u, Chaayinaan kan Ameerikaa irraa galchite ammoo ($145bn) baasa.
Sun ammoo Ameerikaan Chaayinaa waliin hanqina daldalaa, garaagarummaa kan galchituu fi al-ergii gidduu jiru, bara 2024tti doolaara biiliyoona 295 akka qabaattuu taasise. Egaan sunis hanqina daldalaa guddaa yoo ta'u, innis dinagdee Ameerikaa naannoo %1 waliin wal gitu.
Haata'u malee, lakkoofsa doolaara tiriiliyoona 1, kan Tiraamp torban kana irra deddeebi'anii himachaa turanitiin gadi ta'a.
Tiraamp duraanuu yeroo bara aangoosaa jalqabatti Chaayinaa irra qaraxa guddaa kaa'aniiru. Qaraxooonni sunis kan tursiifaman yoo ta'u, kan isa bakka bu'e Pirezidanti Joo Baayiden itti dabaleera.
Danqawwan daldalaa sanatuu walitti dhufuudhaan meeshaaleen Ameerikaan Chaayinaa irraa galchite waliigalaa keessaa bara 2016tti %21 irraa gara bara darbe gara %13tti akka gadi bu'u gargaaraniiru.
Kanaafuu hirkattuummaa daldalaa Ameerikaan Chaayinaa irratti qabdu waggoota kurnan darban keessatti hir'ateera.
Ta'us ammoo xiinxaltoonni akka jedhanitti, meeshaaleen Chaayinaa gara US ergitu muraasni karaa biyyoota kibba baha Eeshiyaa keessa deebi'anii akka darban ibsu.
Fakkeenyaaf, bulchiinsi Traamp bara 2018tti paanaalii solaarii (solar panels) Chaayinaan biyya alaatii galchitu irratti qaraxa %30 kaa'eera.
Haata'u malee, Ministeerri Daldalaa Ameerikaa bara 2023 ragaa dhiyeesseen, oomishtoonni paanaalii soolaarii Chaayinaa hojii suphaa isaanii gara biyyoota akka Maaleezhiyaa, Taayilaandi, Kaamboodiyaa fi Veetnaamitti jijjiiraniiru. Isaan boodas oomishaalee xumuraman biyyoota kanneen irraa gara UStti erguudhaan qaraxa jalaa miliquudhaan bu'a qabeessa ta'aniiru.
Kanaaf qaraxni haaraan "deebii kennuu" biyyoota kanneen irra kaa'amuu kunis gatii Ameerikaan meeshaalee hedduu Chaayinaa irraa ta'an kan ol kaasuudha.
Ameerikaa fi Chaayinaan maal walirraa galchu?

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2024tti gosti meeshaaleen baay'inaan US irraa gara Chaayinaatti ergaman boloqqee yoo ta'u, innis adda durummaan booyyeewwan Chaayinaan tilmaamaan miliyoona 440 ta'an sooruuf kan ooludha.
Akkasumas Ameerikaan qorichootaa fi boba'aa gara Chaayinaatti ni ergiti.
Karaa biraatiin kan deeman Chaayinaa irraa hanga UStti meeshaalee elektirooniksii, kompiitaraa fi ashangulliitii baay'ee turan. Baatiriiwwan baay'een kanneen konkolaattota elektirikiidhan hojjataniif oolan baay'ee barbaachisoo ta'anis gara biyya ergamaniiru.
Ramaddiin guddaan Ameerikaan Chaayinaa irraa galchitu ammoo bilbiloota ismaartii yoo ta'u, kan waliigala keessaa %9 qabata. Bilbiloota ismaartii kunneen harki caalaan isaanii Chaayinaa keessatti dhaabbata teeknolojii guddicha Ameerikaa keessatti argamu Apple jedhamuuf kan hojjetamanidha.
Qarxni Ameerikaan Chaayinaa irra keessee kunis torban darban keessa gatii gabaa Apple gadi bu'uuf gumaacha guddaa kan taasise keessaa tokko yoo ta'u, ji'a darbe keessa gatiin aksiyoonaa isaa %20 gadi bu'eera.
Meeshaaleen Chaayinaa irraa gara US galfaman kunneen hundinuu durumaanuu sababa qaraxa %20 bulchiinsi Traamp Beejiing irratti kaa'eetiin Ameerikaanotaaf baay'ee qaalii ture.
Amma yoo qaraxni gara %100tti ol guddate ammoo meeshaalee hundarrattuu, sana booda dhiibbaansaa dachaa shaniin caalu danda'a.
Akkasumas sababa haaloo qarataa bahuu Chaayinaan Ameerikaa irratti raawwattuutiin meeshaalee Ameerikaan gara Chaayinaa galchitus gatii ni dabala, dhumarratti fayyadamtoota Chaayinaa haala walfakkaatuun ni miidhamu jechuudha.
Haata'u malee, taarifa bira darbee karaaleen biroo biyyoonni lamaan kunneen karaa daldalaatiin wal miidhuuf ittiin yaalan jiru.












