Ameerikaafi Chaayinaan dhimma qaraxaarratti kokkeerra wal dhaabatan

Madda suuraa, Reuters
Biyyootni addunyaa dinagdeen badhaadhan lamaan kokkeerra waldhaabataa waa jiran fakkata.
Lamaan isaaniitu ejjennoo isaanirraa duubatti deebi'uuf agarsiiftuun tokkollee hin jiru.
Chaayinaan utuu ooltee hin buliin qaraxa Tiraampi biyyatti irra kaa'an haaloo ba'uuf meeshaalee Ameerikaa irraa gara Chaayinaa galfaman irratti taarifa 34%tti ol guddiftee jirti.
Dhaabbileen Ameerikaa gabaa Chaayinaa guddaa kana keessatti gurguruu barbaadan reefu tarkaanfii jabaa itti dhufe.
Kun keessumaa oomishtoota qonnaa Ameerikaatif hamaadha.
Duraanis oomisha isaanii Chaayinaa seenu irratti taarifa %10 ykn 15% qaban turan, kunis deebii taarifa Tiraamp marsaa dhumaa irraati.
Amma, sana gubbaatti %34 yoo dabalte, irra caalaan isaanii gatii baasuun isaa hin oolu.
Beejiingi bakka foon lukkuu, booyyee fi midhaan biraa itti gurgurattuuf waan baay'ee yaaddofte hin fakkaattu.
Akkasumas tarkaanfii haaloo ba'uu pirezdaantichi torban darbe labsaniif kennite kanaan waraana daldalaatti wal gachuu danda'u.
Kun ammoo gabaa fi sirna daldalaa addunyaaf yaaddoo cimaa ta'uu xinxaltootni damee kanaa kan eeran.
Adeemsi akkanaa oomisha kamiyyuu guutuu addunyaa keessatti argaman xuquu danda'a.
Kanaafuu yeroo wal dorgommii fi waldura dhaabbannaan waraana daldalaa biyyoota dinagdeen jaboo akka Chaayinaa fi Ameerikaa gidduutti taasifamu kallattinis ta'ee al kallattiin balaan isaa daldala guutuu addunyaaf ta'a.
Waldura dhabbannaa isaanii kana ittuu yoo jabeessan malee kan of duuba gargagalu waan jiraatu hin fakkaaatu.
Sababnisaammoo biyyootni lachuu of ga'oofi durumaanuu dorgommii daldalaa keessa kan turaniidha.
Kan gidduutti caalatti miidhamummoo biyyoota hiyyeeyyii ta'uu akka malu kan ogeeyyiin dubbatan.
Kanaan alas oomishtoonni hojii qonnaa Ameerikaa oomisha isaanii gara Chaayinaatti erguuf abdatan kanneen haalaan miidhaman keessaati.

Madda suuraa, AFP
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan Chaayinaa ibsa barreeffamaa karaa ministeera maallaqaa Jimaata halkan guyyaa ayyaana ummataatin baaseen, taarifa Tiraamp isa haaraa irratti "tarkaanfiiwwan duubdeebii murteessoo" akka fudhatu waadaa gale.
Ministeerri Daldalaa Chaayinaa kun taarifa Tiraamp ilaalchisee Dhaabbata Daldala Addunyaa (WTO)tti galmee himataa banuus ibseera.
Qaraxni haaraan Ameerikaan Chaayinaa irratti baafte 34% yoo ta'u qaraxa dabalataa duraan ture waliin waliigalaa Chaayinaa irra 54 % gahee jechuudha.
Kun dinagdee addunyaatiif oduu baay'ee dukkanaa'aadha.
Sababiin isaas qoccollaan humnoota gurguddoo addunyaa gidduutti uumamu kan namoonni baay'een eegan caalaa rakkisaa ta'uu danda'a jedhu ogeeyyiin dinagdee.
Ilaalcha Pirezidaantin Chaayinaa Shii Jiin piing qaraxa Pirezidaanti Tiraamp irratti qaban kan agarsiisu, waan hamaa Waashingitan irraa dhufu irraa of qusachuuf biyyattiin duruma qophii qabaachuu agarsiisa.
Ammallee US fi Chaayinaan waliigaltee daldalaa gosa hedduu kan qaban ta'ullee ammatti waligaltee isaan gidduu jiru kutuutti waan deemu hin fakkaatu.
Gama biraatinis daandii ykn carraa biraa Chaayinaan daldalashee biyyoota biroo waliin qabdu guddiffattus ta'uu danda'a.
Biyyootni dhihaa yeroo tokko akka michuu dhiyoo UStti ilaalaman dabalatee kanneen faallaa Ameerikaa jiran fuula isaanii gara gabaa Chaayinatti naanneffachuu danda'u.
Kun egaa deeme deemee ammas Ameerikaa fi dhaabbilee Ameerikaa qofa osoo hin taane fayyadamtoota Ameerikaa kanneen duraanuu sababa qaraxa Tiraampiin gatii olaanaa kaffalaa jiran ni miidha.












