Itoophiyaan liqaa suuta akka kaffaltuuf liqeessitoonni yeroo dabalataa kennuufi?

Madda suuraa, Reuters
Biyyoota liqaa hedduu ofirraa kaffaluu qaban keessaa tokko kan taate Itoophiyaan liqaa irra jiru suuta kaffaluuf gaafachaa turteetti.
Dinagdeen Itoophiyaa tasgabbii dhabaa deemu irraa kan ka'e humni biyyattiin liqaa kana dura irra kuufame ofirraa kanfaluuf qabdu laafe jedhu ogeeyyiin.
Liqaan alaa Itoophiyaarra ture gara dolaara biiliyoona 28 hanga 32 tilmaamama, akka ragaaleen adda addaa jedhanitti. Kuni, liqaa biyya keessaa osoo hin dabalatiini.
Liqaan kuni osoo bulchiinsi Ministira Muummee Abiy Ahimad aangootti hin dhufiin dura isa jiru dabalateeti.
Garuu haala biyyattiin amma itti jirtuun liqaa kana kanfaluuf yeroon dabalataa ishee barbaachisa. Waligalteen akkasii ni jiraa?
Dhabbilee liqeessitootaa irraa waan haaraa dhagahameera.
Liqeessitoonni Itoophiyaa ji'oota muraasa keessatti sagantaa liqaa Itoophiyaan suuta kaffaltu qixeessanii akka xumuran dubbachuu Rooyitars gabaaseera.
Biyyattiin, baatii Muddee 2023tti liqaa irra jiru akka kanfaluu akka hin dandeenye beeksisuun, liqaa doolaara biiliyoona 8.4 yeroo biraa kaffaluuf Bitootessa keessa koree liqeessitoota idilee (Official Creditor Committee) waliin waliigalteetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigaltee kanaan Itiyoophiyaan hanga bara 2028'tti sagantaa Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa jalatti liqaa gara doolaara biiliyoona 2.5 yeroo biraa kaffalti jechuudha.
Waliigaltee deeggarsa biyyoota hiyyeeyyii kan 'G20 Common Framework scheme' jedhamu liqaa biyyota hiyyeeyyiif kenamu jalatti irra deebiin gurmaa'aa kan jirtu Itiyoophiyaan, abbootii Yuurooboondii doolaara biiliyoona 1 qofa qabdu waliin wal dhabdee keessa jirti.
Sagantaa IMF amma qabduun Itoophiyaan hanga bara 2028'tti liqaa ishee keessaa dolaaraa biiliyoona 3.5 xiqqeessuu qabdi.
Ji'a Guraandhalaa keessa abbootiin boondii gamaaggama IMF irratti gaaffii kaasanii turani.
Dura taa'aa koree liqeessitoota Paaris kan biyyootni dureeyyiin warra hiyeessaaf liqeessanii kan ta'an Wiiliyaam Roos, OCC'n al-ergii Itoophiyaa hordofaa akka tureefi madaalliin IMF seera qabeessa ta'uu ibsaniiru.
''Akkataa waligaltee akkasumas ajandaawwan jirani fi bu'uura sagantaa IMF amma jiruu ta'een hojjechuu qabna,'' jedhan Roos.

Madda suuraa, Getty Images
"Haalli Itoophiyaa dhimma mallaqa callaa qofa osoo hin taane, istookii liqaa hir'isuunis barbaachisaadha," jedhan.
Abbootiin boondii naannoo waliigaltee liqii irratti iftoominni akka hin jirres himaniiru, garuu Roos abbootii boondii waliin kallattiin mari'achuu isaanii fi gara fuulduraatti isaan qunnamuuf balballi isaanii banaa ta'uu dubbataniiru.
Waliigaltee OCC haala dinagdee jijjiiramaa jiruun walqabatee kaffaltii ol kaasu ykn gadi buusu hin hammanne kan jedhan Roos, liqeessitootni yeroo sagantaa IMF keessatti tajaajila liqaa hir'isuu irratti xiyyeeffataniiru jedhan.
Ta'ullee, Itoophiyaan biyyoota akka Zaambiyaa ykn Gaanaa bara darbe gurmaa'insa liqaa Common Framework jalatti hammataman waliin wal bira qabamtee yoo ilaalamtu kaffaluuf humna akka qabdu himaniiru.
"Yeroo sagantaa (IMF) keessatti dandeettiin Itoophiyaan liqaa of irraa kaffaluu giddu galeessaan kan Zaambiyaa fi Gaanaa fa'i caalaa guddaadha," jedhan Roos.
Akka Roos himanittii, Liqaa Itoophiyaarra jiru ilaalchisee akkaataa yeroon dabalataa kennamee fi suuta suutan ofirraa deebiftu irratti dureewwan OCC fi biyyota akka Faransaayii fi Chaayinaa waliin mariin bu'a qabeessa ta'e taasifamuu ibsaniiru.
Dhaabbileen kunneenis maricha boodaa akkataa dheeressuun danda'amu irratti irra deebiin akka ilaalan walii galamuu himan Roos
"Hojiin Chaayinaa waliin hojjetame hunduu baay'ee gaaridha. Fuuldurattillee kan waliin hojjachuu nu dandeessisuudha."
''Waliigaltee nu gidduutti argame boodas Itoophiyaa waliin mari'achuu dandeenyeerra."
Dhaabbileen liqeessitoota idilee biroo sadii - Immireetota Araba Gamtoomanii, Kuweet fi Poolaandi - liqaa Ityoophiyaan walqabatee addatti deebi'anii biyyatti waliin mari'achuu akka barbaadanis filataniiru jedhan Roos.
Dhiibbaan dinagdee, qaala'iinsa jireenyaa fi hanqina maallaqa alaan fedhiin liqaa biyyatti dabaluun rifoormii dinagdee haaraa biyyatti keessatti hojirra ooleen gatii birri dachaa lamaa oliin hir'atera.
MootummaanI toophiyaa haalli dinagdee fooyyee qabu galmaa'aa akka jiru hima.
MM Abiy Ahimad ''Itoophiyaan guddina diinagdee 8.1% galmeessistee jirti.
''Bara itti aanu ammoo harka 8.4 guddachuuf hojjechaa jirti,'' jechuun dhihoo Paarlaamaatti dubbataniiru.
Haa ta'u malee, kuufamni liqaa alaa, gatii meeshaalee fi qaala'iinsa jireenyaa sadarkaa addunyaatti hammaate waliin 'egeree Itoophiyaaf yaaddoo ta'uu' ogeeyyootni dhimma diinagdee BBC'tti himaniiru.












