Qaala'iinsa jireenyaafi kuufama liqaa egeree Itoophiyaaf 'yaaddoo' ta'an

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Getty Images

Baankiin Addunyaa humna maallaqaa Itoophiyaa cimsuuf tibba kana liqaa dolaara miliyoona 700 mirkanesseera.

Dhabbatni Maallaqaa Addunyaa (IMF)'s bara kana liqaa Itoophiyaa dolaara biiliyoona 3.4 eeyyameera.

Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa qaala'iinsi jireenyaa itti cimeefi liqaan baay'ee irra jiru keessaa tokko.

Keessumaa biyyattiin walitti bu'iinsa yeroo dheeraaf keessa jirtuufi gatiin meeshaalee sadarkaa addunyatti dabalaa deemu irraa kan ka'e dinagdeen ishee qormaata keessa galeera.

Hanguma dinagdeen biyyatti tasgabbii dhabaa deemu ammoo humni biyyattiin liqaa kana dura irra kuufame ofirraa kanfaluuf qabdu dadhabaa deemuun, liqaa dabalataa keessa akka galtu ishee dirqamsiisa.

Bara 2024 xumurame kanatti liqaan alaa Itoophiyaarra jiru dolaara biiliyoona 28 hanga 32 tilmaamama, akka ragaaleen adda addaa jedhanitti. Kuni, liqaa biyya keessaa osoo hin dabalatiini.

Liqaan alaa kun kan dhiyeenya baankii Addunyaa fi Dhaabbata Mallaqa Addunyaa IMF irraa argame utuu hin dabalatiini.

IMF Liqaa dolaara biiliyoona 3.4 Itoophiyaaf liqeessuuf waadaa gale sana keessaa baatii 4 dura doolaara biiliyoona 2.5 kenneera. Baatii Sadaasa darbe ammoo gareen dhaabbatichaa Itoophiyaa dhaquun haala diinagdee biyyatti madaaluun dolaara miiliyoona 251 akka gadi dhiifamuuf eeyyameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhiibbaan dinagdee, qaala'iinsa jireenyaa fi hanqina maallaqa alaan fedhiin liqaa biyyatti dabaluun rifoormii dinagdee haaraa bara kana hojirra oolchiteen gatii birri dachaa lamaa oliin hir'ateera, akka ogeeyyiin jedhanitti.

Kuufamni liqaa alaa kun gatii meeshaalee fi qaala'iinsa jireenyaa sadarkaa addunyaatti hammate waliin 'egeree Itoophiyaaf yaaddoo ta'uu' ogeeyyootni dhimma diinagdee kan ibsan.

Hayyuu dinagdee kan ta'an Pirof. Mohaammad Abbaa Jabal Xaahiroo "haala dinagdeen Itoophiyaa amma keessa jiruun, liqaa duraan irra kuufame deebisuu utuun hin taane liqaa dabalataa akka barbaaduuf kan ishee dirqamsiisudha'' jedhu.

Biyyootni wayita dinagdee isaani kufe liqaan biyyotarraa dhala guddaan liqeeffatanifi kan dhaabbilee maallaqaa irraa liqeffatan akka jiru kan eeran Pirof. Mohammad, liqaan Itoophiyaan ofirraa qabdu irra caalaan kan dhala xiqqaa qabuu fi liqaa yeroo dheeraa ta'uu dubbatu.

"Itoophiyaan yeroo dinagdeen ishee akkas miidhame qofaa utuu hin taane hanga meeshaalee hedduu alaa galchituu fi wanti alatti gurgurattu dolaara ga'aa hin argamsiifnetti liqeeffachuun ishee ittuma fufa."

Itoophiyaan meeshalee alaa galan birriin bitachuu hin dandeessu, kanaafis rakkoo sharafa alaa guddaa qabdi. Haa ta'uu malee, bara xumurame kanatti biyyoota akka UAE fi Chayinaa waliin mallaqa isaanin walirraa bitanii walitti gurguruuf waligalanii ture.

Itoophiyaan boba'aa, qoricha, xaa'oo fi meeshalee hedduu biyya alaatii kan galchitu yoo ta'u waan akka warqii, bunaa fi saliixaa ammoo alatti ergiti. Garuu, hangi baasii fi galii ishee garaagarummaa guddaa qaba. Kun ammoo akka liqaan waa bitattu ishee taasisuu ragaaleen kan mul'isan.

Akka Pirof. Mohaammad jedhanitti dhaabileen maallaqaa addunyaa liqeessitoota Itoophiyaa warra ijoo ta'anis, biyyootni akka Chaayinaas liqeessituu cimtuun Itoophiyaati.

Chaayinaan irra caalaatti, pirojeektota gurguddoo akka daandii baaburaa Itiyoo Jibuuti fi pirojeektota ijaarsaa kanneen biroo hedduu hojjachuun bifa liqaatin qabatti.

Sababa kanaan mallaqni chaayinaa Itoophiyaa irra jiru ifa miti, garuu gara dolaara biliyoona 7.5tti tilmama jedhu.

Pirojeektoonni akkasiis ta'ee waantootni Itoophiyaan liqaan alaa galchitu guddina dinagdee biyyattif murteessoo ta'anis, keessumaa yeroo kuufamni liqaa guddataa deemee fi dhalli liqaa akkan dabale kanatti bu'aa isaa caalaa balaan isaa irra guddaa akka ta'e hayyuun dinagdee kun kan dubbatan.

"Liqaan kun bu'aas dhiibbaas qaba. Rakkoo yeroo gabaabaaf furmaata ta'uu danda'a. Garuu boodarra wanti liqeeffatamu kun dhala qaba, dhalli ati birri guddaa ormaaf kanfaltu biyya keessatti piroojektoota gurguddoo ijaaruu danda'a."

Kana malees, akkuma liqaan guddataa deemuun gatiin birriin itoophiyaa gadi bu'aa deema, sunimmoo gatiin meeshalee qaala'uun qaala'iinsa jireenyaa guddaa geessisa," jedhan

Kuufamni liqaa Itoophiyaa kun kan waggoota 40 oliif kuufamaa dhufe ta'uu kan eeran hayyuun kun, haala amma biyyattiin keessa jirtuun liqaa sana yeroo gabaabaa keessatti ofirraa deebisuun waan hin danda'amne ta'uu dubatan.

Haa ta'u malee, Ministirri Muummee Abiy Ahimad liqaa biyyattiirra jiru jala jalaan kaffalamaa akka jiru dubbataniiru.

Liqaa alaa waggoota shanan darbaniif Itoophiyaarra jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Maddi Baankii Addunyaa

Liqaa biyya keessaatiinis pirojeektooni tajaajila dhaabuu/jalqabuu dhabuu jiran jiru.

Gabaasni Sadaasa 5, 2024 mana maree bakka bu'oota ummataaf dhiyaate akka agarsiisutti dhaabbileen misooma mootummaa birrii biiliyoona 900 baankii daldala Itoophiyaa irraa liiqeeffachuun kanfalachuu waan dadhabaniif mootummaan akka kaffalu mana maree bakka bu'oota ummataatiin ragaasifameera.

Dhaabbiilee misooma mootummaa keessaa kanneen idaa olaanaan irra jira jedhames Korporeshinii Ibsaa Itoophiyaa dhala waliin birri biiliyoona 191.79, Korporeeshinii sukkaara Itoophiyaa birrii biiliyoona 110, Korporeeshiniin baabuura Itoophiyaa birrii biiliyoona 80 ta'u fi kanneen birollee akka jirantu eerame.

Pirojektoonni gurguddoon kunneen fi kanneen biroo sababa akkamiin sadarkaa idaa biyya keessaafi biyya alaa kanfalu hin dandeenye irra gahan isa jedhu irratti waanti ifa ta'e hin jiru.

Adeemsa liqaa dhabbilee kanneenii kana kan qeeqan hayyuu dinagdee kan ta'an Pirof. Mohaammad "mallaqni liqaa hedduun isaa qajeeltottii hojiirra hin oolu,'' jedhu.

"Maallaqni liqeeffatame kaan ni qisaasa'a, kaan isaammoo giddutti nyaatama, hangi faayidaa barbaadameef qajeeltotti hojirraa oolu xiqqaadha. Adeemsi liqaa akkasii kun pirojeektonni dabalataa biroo biyyatti keessatti akka hin hojjatamne danqaa ta'u" jedhan.

Kana biraan dhalli liqaa dabalaa waan deemuuf, kuufamee kuufamee gaafa cimu kufaati cimaa akka fidus dubbatan.

Pirojeektootni maallaqa guddaan jalqabamanii utuu hin xumuramiin waggoota dheeraaf turanis mallaqni liqii kun utuu hin deebi'in biyyattirra akka kuufamu taasisera akka ogeessi dinagdee kun jedhanitti.

Gatii Birri gadi cabee fi qaal'iinsa jireenyaa hammaate

Weerara Koronaa booda qaala'iinsi jireenyaa sadarkaa addunyatti daran dabaluun, biyyoota guddataa jiran akka Itoophiyaa keessatti ammoo humna lammileen ol ta'aa dhufeera.

Gabaasni dhiyeenya bahe akka mul'isutti magaalaan Finfinnee magaalota Afrikaa qaal'iinsi jireenyaa itti hammate keessaa tarree jalqabaa irratti argamti.

Dhiphina liqaa biyyattin qabdu dabalataan qala'iinsi jireenyaa sadarkaa addunyaatti ol ka'e kun qaala'iinsa jireenyaa duraanuu biyattiin qabdu caalatti hammeessa.

Pirofeesar Mohaammad, "hanguma liqaan guddataa deemuun gatiin birrin Itoophiyaa gadi bu'aa deema, sunimmoo gatiin meeshalee qaalessuun qaala'iinsa jireenyaa guddaa geessisa," jedhu.

Itoophiyaan liqii dhaabbilee maallaqa Idil-addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaarraa argachuuf gatii birriin itti sharafamu gabaarratti akka hundaa'u murteessuu ishee hordofee gatiin birrii walakkaa oliin gadi bu'eera.

Dollara Ameerikaa fi Birrii Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Tooftan kun investimentii harkisuufi rakkoo dolaaraa biyyattiin qabdu furuuf akka ta'e mootumman Itoophiyaa kan ibse.

"Sochii dinagdee keessatti sharafni alaa fi baankii keessatti taasifamu walitti dhiyaachuun fayidaa qaba. Waan akka investimentii fi alergiitifis gaaridha, baankonni biyyattiin doolara akka argatan taasisa," kan jedhan hayyuun dinagdee kun garuu yeroo gabaabaa keessatti jijjirama barbaachisu fida jedhanii akka hin abdanne dubbatan.

Wayita gatiin birrii gadi bu'u gatiin meeshaa fi tajaajilaa ol ka'aa. Kun ammoo qaala'iinsa hammeessa waan ta'eef bu'aan isaa irraa gaaga'ama inni fidutu irra guddaa ta'uu akka hin oolle na shakkisiisa," jedhan

Mootummaan rifoormii dinagdee gooroo sana taasisuun gatiin birrii wayita gadi bu'u, kanneen galii gad aanaa qabaniif deeggarsaa fi daballiin mindaa akka taasifamu ibseera. Haa ta'uu malee, hojiirra oolmaa isaa irratti komiitu ka'a.

Kana malees, rakkoon siyaaasaa biyyatti keessa ture, hanga waraanaa fi waldhabdee naannolee keessatti hundaa'anii hanga ammaa furmaata hin argatini jiranitti geessera.

Kun ammoo hojiiwwan biyyatti keessatti hojjatamuu qaban danquu fi mancaasuu qofaa utuu hin taane, sochiin daldala fi invastimantiin akka laafu taasisa.

Haala kana keessatti qaala'iinsi jireenyaa waggota 10 oliif biyatti qoruun, bara 2024 xumurame kanatti qofaa 24% dabaleera, akka IMF jedhutti.

Tasgabbii dhabuun dinagdee kun rakkoo gama dinagdee fi hawaasumma dabalataanis amantaa ummanni mootummaa irratti qabu laaffisuu mala.

Baasii mootummaan baasus dhiibbaa qaala'iinsa jireenyaaf gumaacha olaanaa qaba. Fakkeenyaaf bara kana baasii mootummaa kan bara darberraa 20% olin guddachuun qaala'iinsa jireenyaa hammeessera.

Dabalataanis, waraanni Yukireen fi biyyoota addunyaa adda addaa keessatti ta'aa jiru dhiyeessii algalchii daran dhiphisuu fi keessumaa gatiin boba'aa garmalee akka dabalu taasisuun biyyoota irratti dhibbaa geessiseera.

Akka ragaan Multidimensional Poverty Index (MPI) irraa dhiyeenya kana bahe agarsiisutti, Itoophiyaa keessatti bara 2024 keessa sadarkaan hiyyummaa naannoo 68.7% akka ta'u tilmaamuu eera. Garaagarumaan dureessaa fi hiyyeessallee dabaleera.

Dinagdeen biyyattii akkamitti bayyanata?

Qormaata dinagdee sadarkaa addunyaatti cimaa dhufe kana mo'achuuf riifoormii dinagdee cimaa qabaachun akka barbaachisu hayyuun dinagdee kun kan eeran.

Kana malees akkaataan baasii mootummaa itti xiqqeessan, hannaa fi malaanmaltummaa ittin to'atanifi invastimantiiwwan lammiileef bu'aa guddaa fiduu danda'an irratti xiyyeeffachuu dabalatee hojii guddaan gama kanaan akka biyyatti eeggatu himu.

"Hirkattummaa liqaa hir'isuuf sochii qabeenya biyya keessaan bakka buusuu fi oomisha gabaa addunyaatti ergaman irratti hojjachuun barbaachisaadha. Keessumaa Indaastirii biyya keessa cimsuu fi deggaruu irratti hojii heddutu hafa," jedhu.

Haa ta'uu malee, mootummaan galii isaa guddisuuf jecha biyya keessatti gibiraa fi taaksii olkaasun komatama. Sun tarsimoo sirrii natti hin fakkaatu kan jedhan Pirofeesar Mohammad, ''dhiyeessitootni qaraxa mootummaan itti dabalu kana oomishaa fi tajaajila isaanii irratti akka dabalan taasisa, kun ammoo caalatti qaal'iinsa uumaa," jedhan.

Qaala'iinsi jireenyaa olaanaan humna bittaa dadhabsiisa. Namootni qala'iinsa jireenya irra darbanii qaraxaafi gibira mootummaa kanfaluun hafee nyaatanii buluun haala itti ulfaaturra ga'aa akka jirullee himan.

Itiyoophiyaan damee qonnaa fi qabeenya uumamaan galii guddaa argamsan heddu qabdi. Ta'us sona itti dabaluun alatti erguun hanga irraa fayyadamuu qabdu fayyadamaa hin jirtu jedhu.

Akka hayyuun dinagdee kun jedhanitti, humna ivestimentii biyya keessaa fi daldala gabaa alaa cimsuun saaxilamummaa liqaa alaa biyyatti xiqqeessuu danda'a.

''Gabaa Itoophiyaa keessatti dhibbaa chaayinaan gootu toa'chuu barbaachisa. Chaayinaan warshaleen biyya keessa akka hojii keessa hin seeneef gatii gadi buusanii gurguru gaafa isaan gabaa keessaa bahuu mirkaneeffatan deebisanii ol kaasu.

''Kun biyyoota biraa keessatti dhorkaadha. Itoophiyaan illee kan to'achuu qabdi,'' jechuunis himu.

Kanaan alas biyyattiiin waraana, wal qoodinsi, dhaabbilee oomisha irratti invest hin goonetti rakkoo kana keessa ba'uun hin danda'umu

Itoophiyaan maloota adda addaa kan dinagdee ishee miidhan furuuf dursa kennuu qabdi. Maloota misooma ariifachiisan cimsuu qabdi. Biyyoota ollaa fi kaan waliinis dippilomaasii cimaa qabaachuu fi walitti hidhamiinsa misoomaa yoo cimsatte egeree ishee rakkoo hammataa kana keessaa baasuu dandeessi jedhu.

Itoophiyaa qofaa utuu hin taane biyyotni Afrikaa biroos rakkoo liqaa isaanii keessa akka darbaniif deeggarsa idil-addunyaallee isaan barbaachisa jedhu ogeessi dinagdee kun.