Labsiin akka baankonni alaa gabaa Itoophiyaa keessa galan hayyamu maal qabateera?

Madda suuraa, Getty Images
Manni-maree bakka bu'oota ummataa labsii hojii baankii baankonni biyya alaa akka gabaa Itoophiyaa keessa galan hayyamu sagalee mormii sadiin sagalee caalmaan raggaasiseera.
Labsiin kun kan raggaasifame manni-maree ministeerotaa imaammata sektera baankii investeroota biyya alaatiif banaa taasisu akka hojiirra ooluuf murteessee waggoota lamaan boodadha.
Manni-maree ministeerotaa walga'ii A L I Hagayya bara 2014 waga'ii gaggeesseen ture murtee kana kan dabarse.
Murtee kana hordofee bara darbe ji'a Amajjii keessa wixineen labsii imaammanni kun akka qabatamati hojiitti hiikamu taasisu mana-maree bakka bu'oota ummataatiif dhiyaatee ture. Wixineen labsii kun ji'oota shaniin booda A L I Mudde 8, 2017 parlaamichaan raggaasifameera.
Labsiin kaleessa raggaasifame kun "bu'uura seeraafi to'annoo of eegganootiin qophaa'een sektera baankii investimentii biyya alatiif banaa gochuun dorgomaa ta'uufi bu'a qabeessa akka ta'u fooyyeessuun guddina dinagdee waara'aatiif akka gumaachu taasisa jedhamee kan amanamu" ta'uu ibsa.
Akka labsii kanaatti, "baankiin alaa kamiyyu abbummaa gariin ykn guutummana guutuun " qabatee, damee baanii alaa ykn waajira bakka bu'ummaan akka banatan isaaniif hayyama.
Dabalataan, baankonni biyya alaa baankota Itoophiyaa keessatti abbootii aksiyoonaa ta'uu ni danda'u.
Labsichi gahee investeroonni alaa baankii biyya keessaa tokko keessaa qabaachuu dana'an "kaappitaala waliigalaa baankichaa mallattaa'e keessaa dhibbentaa 40 ol ta'uu hin qabu," jedha.
Kana malees, investimentiiwwan Baankii Biyyaalessaatiif faayidaawwan tarsiimoo qaban harkisuudhaaf ykn baakii rakkoo keessa galeef fala barbaaduudhaaf, akkasumas sirna faayinaansii akka tasgabbaa'u gochuuf baankonni alaa baankota biyya keessaa gar-tokkeen ykn guutumaan guutuutti akka bitatan "haala adda ta'een" hayyamuu danda'a.
Labsichi baankonni itti fufaa isaanii, damee isaaniifi waajiraalee bakka isaan bu'an banuudhaaf ulaagaa barbaachisan kaa'eera. Dabalataan hojiin to'annoo bifa akkamiitiin akka gaggeeffamus dambiiwwan ni qaba.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka labsichaatti ''baankiin kamiyyuu dursa osoo barreeffamaan hayyama baankii biyyaaleessaarraa hin argatiin Itoophiyaa keessatti damee ykn waajira saaquu ykn kan baname cufuu hin danda'u.''
Labsichi ''haalawwaniifi ulaagaalee gadaanaa'' damee banuudhaafi cufuudhaaf barbaachisan qajeelfama baankii biyyaaleessattiin akka murtaa'u kaa'eera.
Labsiin paarlaamaadhaan ragggasifame kunis, haala dhalatoonni Itoophiyaa lammii biyya biraa ta'an ittiin hojii baankiirratti hirmaachuu danda'an hammateera.
Haala labsichaatiin namni dhalataa Itoophiyaa ta'unsaa mirkanaa'eefi akka abbaa qabeenyaa biyya keessatti lakkaa'amuuf barbaade tokko, ''kaffaltii ykn galii invesitmantii irraa argatu kamiyyuu sharafa biyya alaatiin Itoophiyaan ala baasuu hin danda'u.''
Lammiilee Itoophiyaas ta'an lammiilee biyya alaa, ''haala itti birriidhaan aksiiyoonii baankii itti bitatan ykn haala ittiin baankii hundeessan irratti qajeelfama baankiin biyyaaleessaa baasuun kan murtaa'u'' ta'uu labsichi kaa'eera.
Miseensoonni paarlaamaa wayita labsiichi raggaasifamutti yaadaasaanii kennanis baankiin biyya alaa gara biyyattii seenuu akka yaaddootti kaasaniiru.
Yaaddoowwan kanneeniif deebii kan kennan bulchaan Baankii Biyyaaleessaa Obbo Maammoo Miratuu, labsiichi ''investaroota biyya alaa fiduun kaayyoosaa miti'' jedhan.
Itti dabalunis, ''bu'aafi hiikkaan dhimmichaa invesitaroota biyya alaa sirna damee faayinaansii Itoophiyaa keessa galchuu osoo hin taane, damee baankiingii dorgomaa fi gummaacha guddina diinagdee walitti fufaadhaaf taasisuu fooyyeessuuf hojjachuudha'' jedhan.
Obbo Maammoon, ''labsichi baankiin tokko yeroo rakkoon faayinaansii isa mudatuutti gahee kennuu furmaata baankii biyyaaleessaaf kan kenneef, aangoofi ittigaafatamummaa kana ifatti kan kaa'e, yaada furmaataafi murteewwan ifa kan taasiseefi labsiiwwan seeraa baankii biyyaaleessaa akka waajira to'ataatti itti gaafatamummaasaa akka bahuu dandeessisan hammatedha'' jechuun maalummaa labsichaa ibsan.
Oggeessi faayinaansiifi bulchiinsa maallaqaa Dr Abdulmannaan Mahaamad, labsichi raggaasiifamunsaa ''baankonni biyya alaa hiriiranii biyya keessa galu jechuu miti'' jechuun BBCtti dubbatan.
''Diinagdee qofaa osoo hin taane, siyaasa jirus ilaaluun baankoota muraasa qofaa ta'uu malu kan fedhii qabaatan'' kan jedhan oggeessi kun, ''haalli Itoophiyaa kan baankota biyya biraatiif baayyee onnachiisu natti hin fakkaatu'' jedhan.
Dr Abdulmannaan baankonni biyya alaa osoo gara gabaatti hin seeniin dura qorannoo bal'aa akka gaggeessan kaasu.
''Baankoonni kunneen sababiin biyya keessa galuudhaan baankota jiran itti fudhatanii deeman ykn kasaaraa keessa itti galchuu danda'an natti hin mul'atu,'' jechuun oggeessi kun yaadasaanii qodaniiru.
"Kana malees, hordoffiin sirna to'annoo baankii biyyaaleessaa hojiirra yoo oolfame, ''sababiin baankota biyya keessaa ykn damicha balaa hamaaf itti saaxilu natti hin mul'atu'' jedhan.












