Idaa dhaabbiileen miisoomaa kanfaluu dadhaban birrii bil. 845 mootummaan baankii daldalatiif kanfaluuf

Gamoowwan misoomaa gurguddoo

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Itoophiyaa birrii dhaabbileen misoomaa mootummaa baankii daldala Itoophiyaa irraa liqeeffatanii kanfalu dadhaban waggaa ittaanan kudhan keessatti kanfaluufiidha.

Deetaan Ministira Maalaqaa Dr Iyyoob Takkaalanyi ''diinagdee biyya keessaa irraa galii walitti qabnee kanfallu ta'a'' jechuudhaan madda maallaqni itti argamu danda'u mana maree irratti dubbatan.

Labsiin baankii daldala itoophiyaatiif akka sanada idaa mootummaa gatii birrii biiliyoona 900 baasu gumaatuuf aangoo kennu har'a Sadaasa 5, 2024 mana maree bakka bu'oota ummataatiin ragaasiseera.

Labsichi ministeerri maallaqaa sanada idaa mootummaa baasuu keessaa kan birrii biiliyoona 845 ''dhaabbileen misooma mootummaa baankii daldala itoophiyaa irraa liiqeeffachuun idaa hin kanfaliin deebiisuuf akka oolchu'' aangoo kennaaf.

Labsiin sanada idaa mootummaa jedhamu kunis birrii hafe biiliyoona 54 ammoo kanfaltii kaappitala baankii daldala Itoophiyaatiif akka oolu hima.

Labsiin mormii tokkoofi sagalee caalamaadhaan ragaasifame kunis kan kutaa sadiifi keewwatawwan jahaan qophaa'eedha.

Dhaabbileen misooma mootummaa bara darbeetti ''raawwiii pirojektoota gurguddaadhaa'' baankii daldalaarraa liqaa fudhachuusaanii labsiichi ibseera.

Dhaabbiilee misooma mootummaa keessaa kan idaa olaanaan irra jiru Korporeshinii ibsaa Itoophiyaati. Haala ibs alabsii kanaatti dhalasaa dabalatee biyyii biiliyoona 191.79 irra jira.

Dhaabbanni misooma mootmmaa gara biraa Korporeshinii sukkaara Itoophiyaa ammoo marsaa lamaan baankii daldala itoophiyaa irraa birrii biiliyoona 110 fudhate hin kanfaliin jira.

Korporeshiniin baabuura Ioophiyaa akkasumas birrii marsaa lamaan fudhate dhalasaa waliin birrii biiliyoona 80 ta'uti irra jira.

Liiqaan kun ''pirojektootata gurguddaa ittiin raawwachiisuuf'' fudhatamus, ''pirojaktoonni gurguddaan kunneen qorannoorraa kaasee kan rakkoolee walxaxaa ta'an hedduu qaban waan ta'eef sadarkaa idaa biyya keessaafi biyya alaa kanfalu hin dandeenye irra gahaniiru'' jechuun ibsa labsichi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yaadni ibsa labsii kanaatis walgahii paarlamaa har'arratti deetaa ministira maallaqaaa Dr Iyyoob Takkaalanyiin irra deebiin ka;eera.

Dhaabbiileen Misooma itoophiyaa ''kan rakkoo hojimaataa baayyee cimaa ta'e qaban turan'' kan jedhan Dr Iyyoob, ''Pirojektoonni osoo haalaan hin qoratamiin haalli gara hojiitti seename ture'' jedhan.

Kana hordofuunis mootummaa dhaabbileen misooma mootummaa ''dhiibbaa sababii idaatiin isaan mudate salphisuudhaaf bu'aa qabeessa ta'udhaan akka itti fufaniif'' liqaa isaan fudhatan irra fudhachuudhaan kan kanfaluu fi korporeshiniin bulchiinsa qabeenyaa hundeeffamu labsiichi ibseera.

Waggaa afuriin dura ALi bara 2013tti korporeshiniin dambii mana maree ministirootaatiin hundeeffame korporeshinichi, liqaa dhaabbileen misooma mootummaa baankii daldala Itoophiyaarraa fudhatan dhalasaa waliin kan fudhate marsaa lamaan ture.

Korporeshinichi kaappitaala hayyamame birrii biiliyooan 570 akkasumas kaappitaala birrii biiliyoona 142 kanfalameen kan hundeeffame yoo ta'u, mootummaan kaapitaala kanfalame keessatti guutuu kan danda'e birrii biiliyoona 44 qofaa ta'u ibsichi kaa'eera.

Hana hordofuunis ''korporeeshiniichi haaluma karoorfameen maallaqa idaa sana kanfaluudhaaf oolchu sababii hin arganneef itti gaafatamummaasaa bahachu dadhabuusaatiin alattis, dhala liiqaa kanfalamu qabu kuufamaa dhufeera'' jedhe.

Liiqaan biyya alaa hinjiru

Madda suuraa, HoPR

UK keessatti ogeessa bulchiinsa faayinaansii kan ta'an Dr. Abdulmanan Muhammad akkaataa dhaabbileen misoomaa liqii kana itti fudhatan qeequun, "Guutumatti adeemsa sirrii hin taanedha. Qajeelfamni Baankii Biyyaalessaa guutummaatti baankota daldalaaf akka hin hojjenne taasiseera."

Gaaffii miseensota mana maree irraa dhiyaateef deebii kennuuf Paarlamaa kan argaman Dr. Ayoob; "Sadarkaa kanatti baankicha keessaa baane dhaabbileen misoomaa maallaqa Baankiin Daldalaa Itoophiyaa dhaabbilee misoomaa kanaaf liqeesse deebisuu waan hin dandeenyeef rakkoo maallaqaa guddaa fiduu danda'a ture" jedhan.

Itti dabaluudhaanis; "Rakkoo dinagdee [fi] maallaqaa kana ittisuuf akkasumas baankii bu'uura cimaa irra kaa'uuf tarkaanfii kana fudhachuun barbaachisaa ture," jechuun haala murtee kanaa ibsaniiru.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad torbee darbe Paarlamaatti ibsa kennaniin dhimma Baankii Daandii Itiyoophiyaa kaasaniiru.

"Baankiin Daldala Itiyoophiyaa dhaabbilee haaromsa [dinagdee] kanaan fayyadamoo ta'an keessaa isa tokkodha," jedhan Abiy. Isaanis, "Baankiin Daldalaa dhaabbilee sababa haaromsaatiin sababa boondiitiin haala balaa guddaa keessa turan keessaa isa tokkodha" jedhan.

"Osoo haaromsi kun hin hojjetamne ta'ee Baankiin Daldala Itoophiyaa ni diigama ture" jedhan. ''Baankichi liqaa isaa haala salphaan bulchaa hin turre,'' jedhan. Baankichi boondii dheereffame birrii biiliyoona 900 argateera.

Mootummaan liqii dhaabbilee misoomaa kaffaluuf murteessuun isaa dhiibbaa akkamii akka qabu kan gaafataman Dr. Ayoob; "Kun dhiibbaa maallaqaa mootummaa irratti fida jechuun gaaffii hin qabu" jechuun deebisan

"Ministeerri Maallaqaa [liqaa] kana waggaa 10 booda kaffalas" jedhan.

Sanada liqaa mootummaa Ministeerri Maallaqaa baase irraa Birrii biiliyoona 54 kaappitaala baankichaa guddisuuf kan oolu ta'a.

Akka ibsa labsii kanaatti "Mootummaan qabeenya daballii kaappitaalaaf oolu bifa maallaqaatiin ramaduuf qabeenya waan hin qabneef, daballii kaappitaalaa bifa sanada liqaa mootummaatiin kaffaluun filannoo miti" jedhan.

Madda maallaqaa mootummaan liqii kana kaffaluuf itti fayyadamu ilaalchisee gaaffii biraa kan gaafataman Dr. Ayoub deebii kennaniin, "Liqiin biyya alaa irraa dhufu hin jiru. Galii dinagdee biyya keessaa irraa walitti qabnee ni deebifna" jechuun deebii kennan.

Ogeessi bulchiinsa faayinaansii Doktar Abdulmanan BBC'tti akka himanitti, galiin mootummaan diinagdee biyya keessaa irraa walitti qabuun liqaa isaa kaffaluuf yaadu hawaasa irratti dhiibbaa akka fidu himu.

"Dhala [liqaa] xiqqaa dhibbeentaa torba yoo qabaate, waggaa sadii keessatti birrii biiliyoona 200 ni dhufa, dhala qofa, kanaaf yeroon xumuramu liqiin birrii tiriliyoona tokko ni caala."

Kaffaltii deebisuu ilaalchisee labsichi meeshaaleen liqaa mootummaa bu’uura labsichaatiin bahan yeroo eeyyama waggaa sadii booda waggaa 10 keessatti kan kaffalamu ta’uu ibsameera.

Labsichi meeshaalee liqaa mootummaa Ministirri Maallaqaa baase irratti dhala kaffalamu waliigaltee Ministeera Maallaqaa, Baankii Biyyaalessaa fi Baankii Daldalaa gidduutti taasifamuun akka murtaa’u tumameera.

Dr. Abdulmanan, "Mootummaan Itiyoophiyaa yeroo eebbaa booda waggaa kudhaniin booda liqaa tiriliyoona tokkoo kaffaluuf waggaa waggaan birrii biiliyoona dhibba tokkoo ol baankii daldalaaf kaffaluun dirqama ta'a" jedhu. , "Kaffaltiin kun baajata biyyattii isa guddaa ta'uu mala."

Liqaa kana galii dinagdee biyya keessaa irraa sassaabuuf yoo yaadame gibira amma jiran qofaa utuu hin taane kan dabalataa kaa'uu waan barbaachisuuf kunimmo jireenya hawaasaa baayyee rakkisaa taasisa," jechuun yaaddoo isaanii qoodaniiru.