MM Abiy fi Biliinkan dhimma nageenya keessoo Itoophiyaafi muddama Gaanfa Afrikaarratti mariyatan

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Muummee Abiy Ahmadiifi Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan dhimma nageenya Itoophiyaa keessafi muddama Gaanfa Afrikarratti bilbilaan waliin mariyatan.
Waliigalteen Piritooriyaa bara 2022 mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti mallattaa'e guutumman hojiirra akka ooluf Ameerikaan deeggarsa gochuuf duubatti akka hin jenneefi lolli naannolee Itophiyaa biroo keessatti gaggeeffamaa jiru karaa nagaan akka furamuuf Biliinkan MM Abiy waliin kaleessa, Sadaasa 4, 2024, mariyachuusaanii Waajjirri Dhimma Alaa U.S beekisiseera.
Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa kana jechuunsaa waliigalteen Piritooriyaa waraana waggaa lamaaf kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa turetti xumura godhe waggaa lammaffaa sababeeffachuunidha.
"Waraanni bakkeewwan Itoophiyaa [naannoo Oromiyaafi Amaaraa] keessatti gaggeeffamu karaa nagaan furamuu akka qabu Biliinkan cimsanii dubbataniiru," jedha ibsi Wajjjira Dhimma Alaa U.S kun.
Dhimma keessoo Itoophiyaan alattis muddama Gaanfa Afrikaatti dhalateen wal-qabatee Biliinkan MM Abiy waliin mariyachuus eera ibsichi.
Itoophiyaan dhimma ulaa galaanaa argachuurratti Somaalilaand waliin waliigaltee tolfachuunshee Somaaliyaa dheekkamsiisurraa kan ka'e Gaanfa Afrikaatti muddamni erga uumamee waggaa tokko guutufi.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa turee lubbuu namoota hedduu gaaga'e waliigaltee Piritooriyaatin xumura argatus, waliigaltichi guutummaan hojiirra oolaa akka hin jirre gama naannoo Tigraayiirraa irra deddeebin komiin ni dhagahama.
Waggaa lammaffaa waliigalteen Piritooriyaa itti mallattaa'e ilaalchisee ibsa kan kennan pirezidaantin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa, waliigalteen Piritooriyaa sagaleen dhukaasaa akka dhaabatu gochuu bira darbee tajaajilliwwan bu'uuraa naannichatti akka eegaluuf balbala banuu fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti ibsan.
'Piritooriyaan falmiin siyaasaa adda waraanarraa gara dirree siyaasatti akka deebi'u godheera'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kaayyon guddaan waliigaltee Piritooriyaa sagalee dhukaasaa waggoota lamaaf Tigraay garmalee miidhe callisiisuu ta'uu kan eeran, waliigaltichi naannon Tigraayi mootummaa federaalaa wajjin walitti dhiyeenyan hojjachiifis carraa banuu ibsan Obbo Getaachon.
Waliigalteen Piritooriyaa "falmii siyaasaa adda waraanarraa akka fagaatu taasisuun mootummaa federaalaa wajjin walta'iinsan hojjachuuf carraa uumera," kan jedhan Obbo Getaachoo Raddaa mootummaan federaalas tarkaanfiwwan jajjabeessaan heddu fudhachuu eeran.
"Dhuguma dubbachuuf mootummaan federaalaas tajaajilawwan akka baankii, bilbilaa, ibsaafi geejjiba qilleensarraafi lafaarraa jalqabsiisun tarkaanfiwwan jajjabeessaa fudhataeera," jechuun mootummaa federaalaa waliin itti fufiinsan marii gochuun bu'aalee hanganaa argamsiisuu eeran.
Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay rakkoolee waliigaltiuchi guutummaan hojiirra akka ooluf gaheesaa bahachuuf kutannoo akka qabu kan eeran Obbo Getaachon, ammayyuu dhimmoonni ijoon furmaata hin arganneefi waliigalteen Piritooriyaa akka galma hin geenyef gufuu ta'an akka jiran kaasan.
'Waliigalteen Piritooriyaa milkaa'e kan jennu dhimmoonni belbeltuun furmaata yoo argataniidha'
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti eegaluu hordofee qaamoleen mootummaa federaalaa gargaarun humnoota Tigraay lolaa turan- milishoonnifi hidhattoonni naannoo Amaaraa akkasumas loltoonni Ertiraa- bakkeewwan kanaan dura bulchiinsa naannoo Tigraay jala turan hamma tokko to'achuunsaanii ni yaadatama.
Dhimmoota waliigaltee Piritooriyaatin ka'e keessaa tokko waa'ee lafa bulchiinsa naannoo Tigraay jala tureefi harka humnoota naannoo Amaarafi loltoota Ertiraatin qabamee jiruu yoo ta'u, akkaataa walii galtee kanaatti dhimmi bakkeewwan kanneenii akkaataa heera biyyattiin kan furamu akka ta'eedha.
Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay gamasaan 'lafti akkaataa heera Itoophiyaan daangaa naannoo Tigraay ta'e' ammayyuu naannichaaf hin deebine jechuun irra deddeebin komii dhageesisa.
Obbo Getaachoo Raddaas dhimmi daangaa naannoo Tigraay qabxiiwwan waliigaltee Piritooriyaa keessaa milkaa'ina hin argisiifne ta'uu cimsanii kaasan.
"Milkaa'inni [waliigaltee] Piritooriyaa kan ittiin madaalamu, dhimmoota belbeltuu sababa waraana Tigraay keessatti gaggeeffameen mudatan furuu danda'uusaa qofaani.
"Daangaa heera mootummaan kan naannoo Tigraay ta'e naannichaaf akka deebi'u gochuu dhabuun wantoota hin milkaa'in hafan keessaa tokkoodha. Guutummaan Lixa Tigraay humnoota Amaaraa jalatti hafee jira," jechuun dhalattoota Tigraay irratti haleellaan garaa garaa raawwatamaa akka jiru eeran.
Waraanni naannoo Tigraayitti eegaluu hordofee humnoonni naannoo Amaaraa mootummaa federaalaa irra goruun humnoota Tigraay lolaa turan, bakkeewwan Lixa Tigraay jedhamuun beekamaniifi Kibba Tigraay bakkeewwan tokko tokko to'achuunsanii ni yaadatama.
Humnoota naannoo Amaaran alatti Kaabafi Baha Naannoo Tigraayi bakkeewwan ammayyuu loltoota Ertiraatin qabamanii jiran jiraachuu eerun, kanatti furmaata gochuu dhabuun namoonni kumaatamaan kaampii baqattootaa keessatti akka rakkataniif sababa ta'uu kaasan Obbo Getaachon.
'Dhimmi daangaa naannoo Tigraay hin furamne taanan nagaan abjuu ta'uusati'
Akkaataa waliigaltee Piritooriyaatti, humnoonni qaama Raayyaa Ittisa Itoophiyaa hin taane- humnoota naannoo Amaarafi loltoonni Ertiraa- naannoo Tigraay keessaa bahuun raayyan ittisaa bakkeewwan kanneen akka to'atuudha.
Kuni ta'uu dhabuunsaa naannon Tigraay irra deddeebin komii akka kaasu taasiseera.
Walii galtee Piritooriyaa milkeessuu keessatti qooda olaanaa kan qabdu US dabalatee hawaasi idiladdunyaa hedduun humnoonni naannoo Amaarafi loltoonni Ertiraa naannoo Tigraay keessaa akka bahaniif waamicha gochaa turan.
Obbo Getaachoo Raddaa waggaa lammaffaa waliigaltee Piritooriyaa sababeeffachuun iba kennan kanaan, waliigalteen Piritooriyaa guutummaan hojiirra hin oolu taanan, Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane Gaanfa Afrikaafuu yaaddoo guddaa akka ta'e eerun hawaasi idiladdunyaa waligalteen Piritooriyaa akka milkaa'u taasise ammas dhiibbaa akka godhu waamicha dhiyeessan.
"Dhimmoota kanneen [daangaa naannoo Tigraay ammayyuu qabamanii jiraniifi kaan] deebi'ee akka hin kaanetti furuuf tattaaffii cimaa gochuu dhabuun nageenyi abjuu ta'ee akka hafu taasisa yoo fakkeessa miti.
"Waliigalteen Piritooriyaa guutummaan akka hojiirra oolu gochuu dhabuun Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane nageenyafi tasgabbii naannichaaf yaaddoodha," jedhan Obbo Getaachoon.
Dabaluunis uummanni Itoophiyaa, addumatti uummanni Tigraay, deebi'ee waraanatti galuu tasumaa akka hin feene kaasun qaamoleen waliigalteen Piritooriyaa akka mallatteeffamu gahee bahatan waliigaltichi guutummaan akka hojiirra oolufi qaamoleen waliigaltichi akka hin milkoofne fedhan qaawwa kanatti akka hin fayyadamne gochuuf gahee isaanirraa eegamu akka bahatan cimsanii waamicha dhiyeessan Obbo Getaachoo Raddaa.












