Humni ittisa qilleensaafi misaa'elli Indiyaa fi Paakistaan ​​walbira qabamee yoo ilaalamu

Indiyaan Ameerikaan mufattus S-400 Raashiyaa irraa bitatte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Indiyaan Ameerikaan mufattus S-400 Raashiyaa irraa bitatte

Biyyoota ollaa lamaan meeshaa waraanaa nikulaara hidhatan, Indiyaa fi Paakistaan tibbana muddama cimaa keessa seenanii ture.

Indiyaan halkan Caamsaa 6 fi 7 Paakistaan ​​fi bulchiinsa Kaashimiir- kan Paakistaaniin ​​bultu keessatti waraanaa bante.

Indiyaan waraanaa kanaan 'Duula Sindoor' jettee moggaaftee. Indiyaan haleellaan kuni ''bakka shororkeessitoonni dhokatan irratti'' kan raawwatamedha jetti.

Muddama yeroo dhiyoo Indiyaa fi Paakistaan ​​gidduutti uumameen booda, dandeettii waraanaa biyyoota lamaaniirratti mariin eegalameera.

Mee Indiyaa fi Paakistaan misaa'eloota ​​akkamii akka qabaniifi dandeettiin sirna ittisa qilleensaa isaanii maal akka fakkaatu haa ilaalu.

Gama biraatiin misaa'elli Paakistaan ​​'Shaheen-3' jedhamu fageenya kiilomeetira 2,750 furguggifama.

Indiyaan hidhannoodhaaf hirkattummaan Raashiyaarratti qabdu olaanaa yoo ta'u, akkasumas Paakistaanis baayyee ​​Chaayinaarratti hirkatti.

Biyyoonni lixaa yeroo dheeraaf teeknooloojii misaa'ela Indiyaaf kennuurraa of qusachaa kan turan yoo ta'u, Faransaayiifi Indiyaan garuu teeknooloojii misaa'elaarratti waliin hojjetaniiru.

Isaan keessaa Misaa'ela Baalistikii Intarkontiinentaal (ICBM) kan dabalatudha. Addunyaa kanarratti biyyoonni ICBM qaban torba qofaadha.

Misaa'elli Indiyaa Agni jedhamu kan Paakistaan ​​Shaheen series jedhamu caalaa dandeettii ol'aanaa qaba

Madda suuraa, Getty Images

Sirna farra- Misaa'ela Baalaastikii

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Xiinxalaan Raayyaa Ittisaa, Hariisan Kaas gaazexaa 'The National Interest' jedhamurratti "Indiiyaan biyyoota muraasa sirna misaa'ela farra balistikii qaban keessaa tokkodha. Indiiyaan sirna ittisa misaa'elaa keessattis misaa'ela gosa lama qabdi," jechuun barreessan.

Inni jalqabaas Ittisa Qilleensa Misaa'ela Pirithvii (Prithvi Air Defense (PAD)) jedhamu yoo ta'u, innis haleellaa misaa'elaa olka'insa ol fageerratti raawwatamu kan ittisudha.

Inni gosti lammaffaan ammoo Sirna Ittisa Qilleensaa Hammayyaa'aa (Advanced Air Defense (AAD)? kan haleellaa misaa'ela olka'insa gadi aanaa irraa ittisudha.

Sirni misaa'ela farra baalistikii Inidtyaa kunneenis yoo xiqqaate haleellaa misaa'ela fageenya kilomeetira 5000 irraa dhufu dhaabuu akka danda'u eegama.

Akkasumas, Indiyaan Raashiyaa waliin ta'uudhaan misaa'ela Kiruuzii Haaypersoonikii 'BrahMos' fi 'BrahMos-2' jedhaman kan hojjettee yoo ta'u, isaanis waltajiiwwan lafarraa, qilleensaarraa, galaanaarraa fi galaana jalaa furguggifamuu danda'u.

Xinxalaan raayyaa ittiisaa Haarisan Kaas, "Indiyaan misaa'ela baratamoo fi nikularaa hidhatteen filannoo hedduu qabdi. Haleellaa misaa'ela ofirraa ittisuufis dandeettii gahaa qabdi" jedhan.

Gama biraatiin, Paakistaanis ​​misaa'ela rasaasa misaa'elootaa idilee fi nikularaa irrattis filannoo hedduu qabdi.

Biyyoonni lachuu yaaddoowwan walirratti qaban ilaalcha keessa galchuudhaan dandeettii misaa'elaan cimsaniiru jedhame yaadama.

Haata'u malee, Paakistaan haalaa Indiyaa irraa adda ta'een ICBM'f filannoo hin qabdu.

Xiinxaltoonni ittisaa hedduun, innis Paakistaan ​​baayyee akka hin barbaachifne amanu.

Chaayinaa fi Indiyaa gidduutti waraanni geggeeffamee kan ture yoo ta'u, Indiyaan dandeettii ittisaashee haaluma kanaan guddifachaa jirti. Paakistaan ​​ammoo Indiyaa qofa akka diina isheetti ilaalti.

Haariisan Kaas, "Paakistaan ​​Indiyaadhaaf ICBMn ishee hin barbaachisu. Dandeettiin misaa'ela Paakistaan ​​galmawwan naannoo mirkanneessuuf dandeettii gahaa qaba" jedhan.

Xiinxaltoonni ittisaa sirni ittisa qilleensaa Akaash fi S-400 faayidaa guddaa qabaachuu akka danda'u amanu

Madda suuraa, Getty Images

Paakistaan ICBM hin qabdu

Xiinxalaan ittisaa buleessi Indiyaa, Raahul Bedii akka jedhanitti, dhimmichi gara Misaa'ela Baalistikii Interkontiinentaal (ICBM) yoo dhufe, sana booda wanti hafe hin jiraatu.

"Yeroon balaliinsaa ICBM sekondii 15 hanga 20ti. ICBM meeshaa tarsiimoo waan ta'eef Indiyaan Chaayinaa yaada keessa galchuudhaan kan hojjetedha. Paakistaan ​​ICBM hin qabdu. Paakistaaniifi illee hin barbaachisu.

''Qophiin Paakistaan ​​guutuun waa'ee Indiyaatiif yoo ta'u, xiyyeeffannaan Indiyaa inni guddaan ammoo Chaayinaadha. Kanadha kan Ataal Bihaari Vaajpayeen xalayaa Biil Kilintoniif yeroo bara 1998tti Indiyaan yaalii nikulaaraa gaggeessitu kan dubbatanii turan" jedhan.

Paakistaan ​​ammoo Chaayinaa waliin ta'uun misaa'ela Shaheen hedduu hojjettee jirti. Misaa'eloonni Shaheen Paakistaan kunneenis dandeettii dhukaasa fageenya gabaabaa, giddu galeessaafi dheeraa qabu.

Akkasumas, Paakistaan ​​haleellaa Indiyaa ofiirraa ittisuuf sirna misaa'ela farra balistikii hojjechaa jirti.

Haarison akka jedhutti, Paakistaan ​​HQ-9BE qabdi, kanaaf Indiyaan yoo BrahMos fayyadamte, sana booda Paakistaan ​​dhaabuun salphaa miti.

Miseensonni paartii mormituu paarlaamaa Paakistaan tokkos, waa'ee misaa'ela 'BrahMos Supersonic' jedhamurratti yaaddoo qaban ibsaa turan.

Indiyaan Caamsaa 2022 keessa misaa'ellishee tokko dogoggoraan gara Paakistaaniitti ​​akka darbatame ibsite.

Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Paakistaan ​​yeroo sanaa, Mo'eed Yusuuf, "sagaleen dhukaasa 'supersonic' guutuu daangaatti fageenya miila 40,000 irraa ce'ee Paakistaan keessatti ​​kufe. Misaa'elli kuni sarara lama daandiiwwan qilleensaa idil-addunyaa fi daldala biyya keessaarra balali'e. Indiyaan waa'ee kanaa dursitee Paakistaan ​​ beeksisuu dhabuunshee baay'ee itti gaafatamummaa kan hin qabnedha," jedhanii ture.

Qondaaltonni Paakistaan , misaa'elli sun magaalaa xiqqoo Miyaan Chaanuu jedhamtu kan daangaa Indiyaarraa fageenya kilomeetira 75 fagaattee argamtu keessa akka bu'e himan.

Paakistaan ​​BMC hin qabdu

Madda suuraa, Getty Images

Tibbana maaltu mudate?

Raahul Beediin akka jedhaniitti, "Indiyaan tibbana Paakistaan ​​seenuudhaan haleeluu dhiistee dacheedhuma isheerraa haleellaa irratti raawwatte. Wanti guddaan Indiyaan miilana Paakistaan ​​Meeyiinlaand Puunjaab keessatti haleellaa raawwachuusheeti."

Gama dandeettii misaa'elaa Indiyaa fi Paakistaan ​​ilaalchisee Raahul Beediin, "Indiiyaan Ittisa Misaa'el Baalaastikii (BMD Seals i.e. Ballistic Missile Defense) kan qabdu yoo ta'u, Paakistaan ​​kana hin qabdu. Haata'u malee, Ittisa Misaa'el Baalaastikii kun yeroo hunda %100 milkaa'aa miti.

''Kanaaf, Israa'el keessatti sirni ittisaashee 'Iron Dome' yeroo tokko tokko akka fashalaa'e argineerra. Ta'us ammoo sirn kun haleellaa gurguddaa ittisuuf faayidaa qaba."

Raahul Beediin itti dabaluudhaan, "Indiyaan misaa'ela tarsiimoo fi baramaa qabdi. Fakkeenyaaf, Agni misaa'ela tarsiimoowaa yoo ta'u, BrahMos ammoo misaa'ela baratamedha. Isaan kanas yoo Gaawurii fi Baabaar Paakistaan ​​waliin wal bira qabuun ilaalamu ammoo, humna dhukaasaatiin baay'ee dursaa jiru jechuudha. Sirni hordoffii Indiyaas akkasuma fooyya'eera," jedhan xinxalaan kun.

Yunivarsiitii Jawaarlaal Nehru-Delhiitti, Piroofeesarri Giddugala Nageenya Biyyaalessaa, Laaksmaan Kumar, "Sirni ittisa qilleensaa Indiyaa Akaash fi S-400 baay'ee faayidaa qabaatu.

Paakistaan ​​sirna ittisa qilleensaa bu'a-qabeessa akkasii hin qabdu. Paakistaan ​​buufataalee waraana Indiyaarratti haleellaa waan raawwattu natti hin fakkaatu. Deebii akka qabaatu mirkanaa'aadha," jechuun BBC Urduuf yaada kennan.