Haasaan Tiraamp fi Puutiin taasisan marii nagaa Yukireen irratti ejjannoon jijjiiramaa jiraachuu akeekaa?

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images
Bara darbe, Doonaald Tiraamp waraana Yukireen ''sa'aatii 24'' keessatti akka dhaabsiisan waadaa galanii ture.
Torban darbe ammoo, hanga inniifi pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin ''walitti dhufanii'' qaamaan of eeggannoon marii godhaniitti furmaanni akka hin argamne dubbataniiru.
Guyyaa Wiixataa ammoo ammas ejjannoon ni jijjiirame.
Tiraamp erga Puutiin waliin haasaa bilbilaa sa'aatii lamaaf taasisaniin booda, haalli waliigaltee nagaa Raashiyaa fi Yukireen gidduutti qofa mari'atamuu akka danda'u dubbatan. Tarii ammoo gargaarsa Phaaphaasiitiin ta'uu mala jedhan.
Pirezidaantiin Ameerikaa ammas nagaa ilaalchisee abdii guddaa qabaachuu isaanii ilaalchiisuun, dhukaasa dhaabuufi waraanicha xumuramuuf marii ''battaluma akka jalqaban'' miidiyaa hawaasaa irratti maxxansan.
Miirri sun ilaalcha Raashiyaa wajjin hamma tokko kan wal faallessu ture. Puutin biyyisaanii Yukireen waliin ta'uudhaan ''walhubannoo nagaa gara fuula duraatti ta'uu danda'u'' qopheessuuf qophii ta'uu qofa dubbatan.
Haasaan waa'ee walhubannoo fi "waan eegeree ta'uu danda'u" nagaa cimaa kan waliigalteewwan waaraa dafanii irratti ijaaramuu danda'an hin fakkaatu.
Puutin irra deebiin furmaanni kamiyyuu "hundee sababoota" waraana kanaa ilaaluu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Kunis yeroo darbe Raashiyaan fedhii Yukireen Awurooppaa waliin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu akka ta'e himteetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp erga bilbilaan haasa'aniin booda miidiyaa hawaasaa isaanii 'Truth' irratti, Raashiyaa fi Yukireen dhukaasa dhaabuuf ''hatattamaan marii akka jalqaban'' ibsuun. Itti dabaluunis, ''haallisaa ammoo paartilee lamaan gidduutti mariyachuun kan ta'udha'' jedhan.
Haata'u malee, tarkaanfiin Tiraamp yeroo dhiyoo keessa waraana Yukireen irratti fudhatan tarii US dhumarratti marii kana keessaa akka baatuuf mallattoo ta'uu mala.
Guyyaa Wiixataa booda keessa, Tiraamp marii biyyoota lamaan gidduutti taasifamu giddu-galeessa ta'uurraa akka hin fagaanne ibsuun, garuu ''sammuu keessaa sarara diimaa'' akka qaban beeksisan.
"Ofii eddoo kennuu (Egos) gurguddaatu jira, garuu wanti tokko ni ta'a jedheen yaada," jedhe. "Yoo hin taane ammoo ani duubattan deebi'a, isaanis itti fufuu."
Tarkaanfiin akkasii garuu gaaffii fi balaawwan mataasaa qaba.
Ameerikaan akkuma itti aanaan pirezidaantii J. D. Vaansii fi Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoonis doorsisaniitti yoo waraanicha keessaa harkashee dhiqattee baate, kana jechuun Ameerikaan deeggarsa waraanaa fi basaasaa Yukireeniif gootu kamiyyuu ni xumurti jechuudhaa?
Yoo akkas ta'e ammoo, Raashiyaan yoo Yukireeniin wal bira qabame kan qabeenya guddaa qabdu, Yukireen deeggarsi Ameerikaa irraa addaan cite kan baayyee yaaddessu ta'uu mala.
Sun ammoo Pirezidaantiin Yukireen Volodomiir Zeleniskii yaaddoo keessa galchuuf gahaadha.
"Ameerikaan marii fi nagaa hordofuu irraa of fageessuu dhiisuun hunda keenyaaf murteessaadha" jechuun dubbatan erga Tiraamp fi Puutin bilbilaan waliin haasa'aniin booda.
Traamp walitti bu'insa waggoota sadiif ture furuuf tattaaffiin taasifamaa jiru harkifataa waan jiruuf, Puutiin fi Zeleniskii lamaan isaaniittu mufachuu isaa ibsaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Walgahii Guraandhala darbe Waajjira Ovaal keessatti gaggeeffamee tureen, hogganaan Yukireen ''Waraana Addunyaa Sadaffaa waliin qumaara taphataa jira'' jechuun himatan.
Ji'a Eblaa keessa ammoo erga mariin fulduratti socha'u diduu itti fufeen booda Puutiin irratti ''baay'ee aaruu'' fi ''dallansuu guddaa'' qabaachu dubbate.
Dhiheenya kana ammoo dubbii darbe kana cinaatti dhiisuudhaan, Yukireen fi Raashiyaan marii hanga tokko itti fufuuf kan jiran fakkaata. Kunis waraanaa waggaa sadiif tureen booda waliin mari'achunsaanii kun jijjirama guddaadha.
Gareen Raashiyaa kun jila sadarkaa gadi aanaa yeroo darbe Yukireen waliin wal arguuf gara Tarkii Istaanbul imale caalaa ta'uu fi dhiisuu isaa ganaa murtaa'a.
Traamp waadaa qoqqobbii Raashiyaa irra ka'amee ture hir'isuu, waliigalteewwan daldalaa haaraa fi invastimantii dinagdee, akka sossobbii Puutiin gara waliigaltee nagaatti ceesisutti qabatanii jiru.
Isa kana irra deebiin yaaa bilbilaan erga haasa'aniin booda kennan keessatti kaasaniiru. Gama biraatiin, waa'ee bu'aa badaa kan akka qoqqobbii haaraa baankii Raashiyaa fi al-ergii anniisaa irratti kaa'ame kamiyyuu hin mari'atamne.
Pirezidaantiin Ameerikaa ji'a darbe keessa, Puutiin ''lafarra harskiisuu'' akka hin obsine akeekkachiisuun, Raashiyaan naannoo siiviilii irratti xiyyeeffachuu akka hin qabne dubbatan.
Haata'u malee, dhiheenya kana ammoo Raashiyaan haleellaa dirooniin erga waraanni eegalee as isa cimaa magaalota Yukireen irratti kan jalqabde yoo ta'u, haasaan bilbilaa tibbana hoggantoota addunyaa lamaan gidduutti taasifame dhukaasa dhaabuu ykn waliigaltee nagaa kamiyyuu ammallee haalli gaarii ta'ee mul'achuu jiraachuusaa ifa godha.












