Raashiyaa fi Yukireen 'hatattamaan' marii dhukaasa dhaabuu ni jalqabu- Tiraamp

Doonaald Tiraamp irra deddeebiin waraanni Yukireen akka dhaabbatu gaafachaa turaniiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraamp irra deddeebiin waraanni Yukireen akka dhaabbatu gaafachaa turaniiru

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gitasaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin bilbilaan sa'aa lamaaf erga dubbatanii booda, Raashiyaa fi Yukireen akka dhukaasa dhaabanii fi waraanni akka xumuramuf "hatattamaan" marii akka jalqaban himaniiru.

Marii isaanii ''akka gaariitti adeemsifamuu'' kan ibsan Tiraamp, haala nagaa buusuu kana irrattis gama lamaan gidduutti mari'achuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Pirezidantii Yukireen Volodymiir Zeleniskii Tiraamp waliin dubbachuun yaadni abdii guddaa qabu jiraatus, dhukaasa dhaabuu ykn waliigaltee nagaa dhihootti waan ta'u hin fakkaatu jedhan.

Puutiin Yukireen waliin ''waliigaltee nagaa gara fuula duraatti taasifamuu danda'u'' irratti hojjechuuf qophii ta'uu kan himan yoo ta'u, Zelenskiin ammoo ''yeroo kun yeroo murteessaadha'' jechuun, US marii kana irraa akka hin fagaanne gaafataniiru.

Tiraamp yeroo marii Puutiin waliin taasisaa turanitti mariin nagaa yoom akka gaggeeffamu wanti agarsiisu hin turre.

Akkasumas prezidaantiin Raashiyaa gaaffii Ameerikaa fi biyyoonni Awurooppaa guyyoota 30'f haalduree tokko malee dhukaasa dhaabuuf gaafatan ilaalchisee yaada hin kennine.

Zeleniskiin kallattiin Tiraamp waliin erga marii taasisaniin booda, fedhii Yukireen ''haalduree tokko malee dhukaasa dhaabuu guutuu'' fudhachuuf qophii ta'uu irra deebi'anii mirkaneessaniiru.

Yoo Moskoon kanaaf qophii hin taanemmoo ''qoqqobbii cimaan jiraachuu akka qabu'' gaafataniiru.

Marii bilbilaa Tiraamp fi Puutiin waliin taasisan dura, Zeleniskiin murtoon Yukireen irratti kennamu kamiyyuu biyya isaaniitiin alatti akka hin murtoofne akka mirkanaa'u gaafataniiru.

Itti dabaluudhaanis "waliigaltee" ta'uuf deemu kana keessatti ibsi bal'aan qophaa'e jiraachuu baatus, garuu erga Raashiyaa irraa waan tokko argataniin booda "mul'ata isaanii sana irratti hundaa'uun qopheessuu akka danda'an" dubbataniiru.

Zelenskiin yeroon kun yeroo marii nagaatif murteessaa jedhan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Zelenskiin yeroon kun yeroo marii nagaatif murteessaa jedhan
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp marii isaaniin booda marsariitii isaanii 'Truth' irratti akka barreessanitti, "Raashiyaa fi Yukireen hatattamaan marii gara dhukaasa dhaabuu fi, hunda caalaa ammoo, waraana kana XUMURUU ni jalqabuu," jedhan.

Kana ammoo marii isaaniin Zeleniskii beeksisuu fi yaada hoggantoota addunyaa biroo hammatu ta'uu eeran.

Itti dabaluudhaanis: "Haalli waliigaltee sanaa qaama lamaan gidduutti kan mari'atamu ta'a, sababiin isaas, isaantu bal'ina marii qaamni biraa hubachuu hin dandeenye beeka waa n ta'eef," jedhan.

Zelenskiin adeemsi marii kun ''sadarkaa barbaachisaa ta'een bakka bu'oota Ameerikaa fi Awurooppaa hirmaachisuu qaba'' jedhu.

"Ameerikaan marii fi nagaa hordofuu irraa of hin fageessine hunda keenyaaf barbaachisaa dha, sababni isaas kan sana irraa fayyadamu Puutiin qofa" jechuun ibsaniiru.

Sagantaa Waayit Haawus irratti haasawa taasisaniin, Tiraamp US marii Raashiyaa fi Yukireen gidduutti taasifsamuuf jaarsummaa ta'uu irraa akka hin fagaanne, garuu yoom dhimma kana akka dhiisan irratti daangaa mataa isaanii akka qaban dubbataniiru.

Kanaaf US gahee marii irraa duubatti deebi'aa jirti jedhus haalaniiru.

Tiraamp torbanoota darban keessa dhimma marii nagaa kana irratti jijiiramni Moskoo fi Kiiv lamaan irraa mul'achuu dhabuu isaatiin Ameerikaan marii kanarraa akka fagaattu irra deddeebi'anii akeekkachiisaniiru.

Puutiin gama isaaniin "Raashiyaan yaada araaraa akka dhiyeessitu pirezidaantii Ameerikaa waliin walii galleerra, Yukireen waliinis waliigaltee nagaa gara fuulduraatti ta'uu danda'u irratti hojjechuuf qophiidha" jedhan.

Yuukireen Raashiyaan Dilbata darbe haleellaa diroonii erga waraanni jalqabee isa guddaa ta'e irratti raawwachuu himattee turte.

Haleellaa Raashiyaan raawwatte kanaanis haleellaa kaaba baha Yukireen keessatti minibaasii namoota nagaa irratti raawwatameen namoota sagal dabalatee,walii galatti yoo xiqqaate namoonni 10 du'uu isaanii himte Yuukireen

Raashiyaanis gama isheen dirooniiwwan Yukireen irraa itti ergaman qolataa jiraachi himte.