Tiraamp Pirezidantii Laayibeeriyaatiin 'eessatti Ingiliffa barte?'' jedhaniin

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Roobii (Adoolessa 09, 2025) wayita dureewwan biyyoota Afrikaa Waayit Haawusitti affeeruun haasofsiisan kaan jajuun, kaan ammoo waa'ee dandeettii Ingiliffaa isaanii kaasuun itti bashannanaa turan.
Tiraamp hooggantoota biyyoota Afrikaa shan irraa dhufan Masaraa Mootummaa Waayit Haawus keessatti kutaa soorataa pirezidantiitti affeeranii waliin dubbatan.
Dureen Ameerikaa akkaan falmisiisaa ta'an kun marsaa kana fuula ifaadhaan hooggantoota Afrikaa simatan
Korri kun biyyoota Afrikaa kunneeniif carraa biizinasii ni bana jedhamee yaadama. Keessattuu damee albuudota akkaan qaalii ta'anii fi qabeenya uumamaa kaanii keessatti.
Hooggantoonni hedduun afaan adda addaa kan Ingiliffarraa adda ta'een dubbataa turan.
Haata'u malee kana gidduudhaa wayita Pirezidantiin Laayibeeriyaa maayikii fudhachuun Ingiliffaan yaadasaanii ibsachuu eegalan, Tiraampitti adda itti ta'e.
Utuu haasofnuu Ingiliffi afaan hojii mootummaa Laayibeeriyaati.

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidant Yooseef Boyaakaayi Ingiliffa sadarkaasaa eeggateen yaada kana ibsatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Laayibeeriyaa fi US michummaa yeroo dheeraa qabu. Imaammata keessan kan 'Ammas Ameerikaa guddattii ijaaruu' jedhutti ni amanna,'' jedhan.
US hojiiwwan investimantii Laayibeeriyaa keessatti akka babal'istus gaafatan.
''Carraama kana waan nuuf kennitaniif isin galateeffanna,'' jedhan.
Wayita pirezidantiin Laayibeeriyaa Ingiliffaan haasaa taasisan Tiraamp xiyyeeffannaa fi miira raajeffannaan ilaalu, gurra itti qabanii dhaggeeffatu.
Aanga'aan Afrikaa kun dandeettii Ingiliffaa kana eessaa akka argatan yaadaan gaaffii keessa seenan, dubbii pirezidantichaa booda waa'ee dandeettii afaaniisaaniirratti yaada kennuurraa eegalan.
''Ingiliffa bareedaadha,'' jedhan Tiraamp. ''Akkasitti bareechitee Ingiliffaan dubbachuu eessatti baratte?''
Pirezidant Boyaakaayi seeqqachuun deebii kennan. ''Laayibeeriyaama keessattii?'' jedhan Tiraamp. ''Eeyyeen,'' jechuun deebisaniif Pirezidant Boyaakaayi.
''Kun baayyee namatti tola, nama ajaayiba,'' jedhan Tiraamp.
''Namoonni as na waliin jiran hundisaaniiyyuu akkanatti hin haasa'an, ittiyyuu hin dhihaatan.''
Waltajjii sanarra kan turan Pirezidantii Senegaal Basiiruu Diyoomaayee Faayee, Pirezidantii Giinii Bisaawu Umaaroo Sisookoo, Pirezidantii Moorishiyas Mohammad Owuld Gaazuwaanii, Pirezidantii Laayibeeriyaa Yooseef Bayaakaayi, Pirezidantii Gaaboon Biriinsi Oliguuyi Niguweemaa.
Laayibeeriyaan bara 1822 waldaa koloneeffattootaa Ameerikaa- American Colonization Society jedhamuun hundoofte.
Bakki kun jalqaba iddoo qubsuma garboota Ameerikaan walaba baastee fi kanneen deebi'anii qabamanii taatee hundoofte.
Waldaan kun garboonni walaba ta'anii gadhiifaman Ameerikaa keessatti lakkoofsi isaanii heddummaachuutti yaadda'uun Afrikaa keessa qubsiisuu barbaadaniitu kana godhan.
Bara 1947 qubsumni kun walabummaashee labsachuun addunyaarraa Heeyitiitti aanuun biyya gurraachaa jalqabaa taate.
Afaan hojii mootummaa biyyattii Ingiliffa. Garuu afaan saboota adda addaa biyyattii keessatti ni dubbatama.












