Tiraamp dureewwan Afriikaa shan Waayit Hawusiitti affeeruufi kaayoosaa

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Waashingtan DCtti dureewwan Afriikaa shan waliin yaa'ii guyyaa sadii kan eegalan yoo ta'u, kunis Waayiti Hawuusiif akka carraa daldalaa ''gaariitti'' ilaalameera.

Keessummoonni Tiraamp dureewwan Gaaboon, Giinii Biisaawu, Laayibeeriyaa, Mooriitaaniyaa fi Seeneegaal yoo ta'an, biyyoota kanneen keessaa kan diinagdee cimaa qaban hin jiran.

Walgahiin kunis kan imaammata ''deeggarsa osoo hin taane daldala'' irratti kan xiyyeeffateedha jedhameera.

Biyyoonni shanan kunneen meeshaa gara Ameerikaatti erganirratti qaraxa parsantaa 10 kan irra kaa'ame yoo ta'u, waliigalteen kana hir'isuu dandeessisu taasisuuf abdi godhachu malu.

Qophii laaqanaa guyyaa Roobii kaleessaa Waayit Haawusiitti qophaa'eefi kallattiin TVn darbaa ture irratti dureewwan kunneen wal ta'insa diinagdee Ameerikaa jajabeessuuf yoo Tiraamp jajan dhagahaman.

Sarara Tiraamp ta'aniirra kan taa'aa turan pireziadantiin Mooriitaaniyaa Mohaammad Old Gaazuwaanii duree jalqaba haasaa taasisan turan.

Gaazuwaanii ''gara biirootti deebii'anii yeroo gabaabaa keessatti, baatiiwwan muraasa darban keessatti nagaa buusuufan yaalan'' yoo jedhan dhagahaman.

Itti dabalunis waliigalteewwan DR Koongoo fi Ruwaandaa jaarsummaa Waayit Hawusiin mallatteeffaman kaasuudhaan ''rakkoo yeroo dheeraaf ture furuudhaaf dafanii gara Afriikaa millataniiru,'' jedhan.

Dureewwan Afriikaa kaan kallattiidhaan badhaasa Noobeelii Nagaatiif filatamusaa akka deeggara haala deeggaruun yaada kennaniiru.

Pirezidantiin Seeneegaal Baasiiruu Diiyomaayee Faayee, dandeettii goolfii Tiraamp leellisuudhaan, Seeneegaaliitti akka dirree tapha golfii ijaarsiisaniif yaada dhiyeessaniiru.

Tiraamp gama isaanitiin ''baayyeen galateefadha, baayyee gaariidha, nan galateeffadha. Haala gaarii akkasiitiin akka na hubattan hin beekuun ture. Kun baayyee waan gaariidha'' jechuun deebii kennan. ''Kanas guyyaa guutuu gochuu dandeenya.''

የነዳጅ ማውጫ

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dureewwan Afriikaa kunneenis carraa kanatti fayyadamuun waa'ee qabeenyaa umamaa biyyasaanii fi meeshaalee galte, albuudawwan addaa dabalate dubbataniiru. Kaan isaanis ammoo kallattiidhaan abbootii qabeenyaa Ameerikaafi Tiraampiif waamicha taasisaniiru.

Feey Daakaaritti ''magaala teeknolojii'' ijaaruu fi waa'ee qarqara galanaa hawwatoo ta'e dubbataniiru. Itti dabalunis, ''kanarratti akka hirmaataniif abbootii qabeenya Ameerikaa affeeruun barbaada'' jedhan.

Pirezidantiin Gaaboon Biriis Kiloteeyer Niguweemaa gamasaanitiin, biyyisaanii albuudoota addaa dabalatee ''qabeenyaa hedduu kan qabdudha'' jedhan.

''Dhufanii yoo invasti godhan gammadoodha, kana yoo ta'u baatee ammoo bakka keessan biyyoonni kaan dhufuu danda'u'' jedhan.

Waashingitaniitti Ambaasaadara Seeneegaal kan turan Baabaakaar Diiyaanyi affeerraa dureewwan Afriikaatiif taasifame kanaan kun ''jijjiramni imaammataa'' Ameerikaan yeroo dhiyoo asiitti Afriikaa ilaalchisee gochuu eegalteedha jedhan.

Baatii Amajjii keessa bara aangoo lammaffaa saanii kan eegalan Tiraamp, Ameerikaan deeggarsa Afriikaaf kennaa turte adda kutaniiru.

Kanaaf ammoo sababiin kennan qisaasamaa fi kan imaamma ''Ameerikaan haa dursitu'' jedhu waliin hin simneedha jedhan.

Tiraampiifi dursaan paartii Riipablikaa kan ta'an, Ameerikaan dhuma bara kanaatti Afriikaanooti oomisha isaanii qaraxarraa bilisaan akka galchaniif carraan hayyamu, AGOAn ni haaromsu jechuun shakkisiisaa ta'era.

Ambaasadar Diiyaany BBCn ''akka kanaan dura dimokiraatota waliin ture miti. Isaan waliin qabxiilee cimaa lamatu ture. Isaanis dhimmoota AGOA fi deeggarsa iyyummaa hir'isuu fi misoomaati. Sun hundi dhaabbateera'' jedhan.

Akka dippilomaatii duraaniitti yoo ta'e, ejjannoon bulchiinsa Tiraamp kan haala dursaan Yukireen Volodmiin Zelensiin itti keessummeessan waliin kan wal madaaluudha.

Diiyaaji ''Daldala qulqulluu, kan qaamni lamaan ittiin injifatota ta'an kennanii fudhachuudha. Yukireeniitti sana agarreerra. Waliigaltee albuudaa mallatteessitanii nu maddii dhaabbattu, yookaan ammoo waan hundaa dagadhaa'' jechuun dubbatan.

Baatii darbe keessa Ruwaandaa fi DR Koongoo jidduutti waliigaltee nagaa Waashingitani mallatteeffame kanaaf agarsiiftuu tokkodha. Dippilomaasiin daldalaa Ameerikaa kan akka dhiyeessitii albuuda olanaa ta'e argattu kan dandeessisuudha.

Biyyi boba'aan badhaate Gaaboon keessatti hogganaa dhaabbata miti mootummaa kan ta'an Niikeeyiz Muluumbii akka jedhaniitti, bulchiinsi Tiraamp dhugaatti qabeenyaa umamaa Afriikaa ilaalchisee xiyyeeffannaan kennu Chaainaa fi Raashiyaa dabalatee, humntoota dorgomtootaa jiran waliin dorgommiin taasisan dabalaa jira.

''Biyyoonni afeerraman kunnneen hundi Seeneegaal, Moriitaaniyaa fi Gabaoon keessattuu albuuda fayyado qabu. Warqee, boba'aa, maangaaniiz, gaazii, mukaafi ziirkoon'' jechuun BBCtti himan.

Gaaboon sadarkaa idil-addunyaatti kan beekamu kuusaa Maangaaniiz nuusa ta'u qabatteetti. Chaayinaaf ammoo albuuda parsantaa 22 dhiyeessiti. Kunis baatirii fi isteeyinalas isiil oomishuuf tajaajila.