Tiraamp biyyoota BRICS deeggaran taarifa dabalataa 10%'n adabuuf dhaadatan

Hirmaattota Kora BRICS

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad kora BRICS tibbanaarratti hirmaataniiru

Pirezidantiin US Donaald Tiraamp biyyoonni imaammata BRICS kan faalla fedhii Ameerikaa dhaabatudha jedhan deeggaran taarifa dabalataa 10% irran kaa'a jechuun akeekkachiisan.

''Biyyi kamuu imaammata farra-Ameerikaa kan ta'e BRICS bira dhaabatte taarifa dabalataa 10% adabamti,'' jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social gubbaa barreessan.

Dubbiin Pirezidant Tiraamp kuni kan dhagahame erga miseensonni BRICS taarifa Tiraamp ka'an qeeqan boodadha.

Akkasumas miseensonni kunneen Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) fi akkatti maallaqi ijoo gatiin bahuuf irratti rifoormiin akka taasifamu yaada dhiheessan boodadha.

Kora miseensota BRICS tibbana Biraazil taasifameerratti Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalatee miseensonni gamtichaa hirmaataniiru.

Tiraamp miseensota BRICS ta'e sochii adeemaa jiru yeroo qeeqan kuni kan duraa miti.

Gartuun Itoophiyaan miseensa keessatti taate, BRICS, kuni US fi Biyyoota Lixa Awurooppaa dura dhaabbachuun sadarkaa idil-addunyaarratti jijjiiramni taasifamuu qaba jechuun gaafataa jiru.

Ejjennoo BRICS Tiraamp aarse

Dureewwan miseensota BRICS walgahii isaanii xumura torban darbe Biraazil, magaalaa Riwoo de Janeriyoo keessa eegalaniiru.

Walgahii kanarratti ture dhaabbilee idil-addunyaarratti rifoormiin akka taasifamu waamicha kan taasisan.

addunyaa walitti bu'iinsi fi muddamni ji'opolotiksii jiu kanatti miseensonni gartuu kanaa gamtaa tolfatanii dhiibbaa uumuuf sosso'aa jiru.

Ibsa waloo ministiroonni faayinaansii miseensota BRICS gaafa Sambataa baasaniin taarifi Tiraamp baasan dinagdee idil-addunyaaf yaaddoodha jedhan.

Akksumas ''sochii dinagdeefi daldalaa idil-addunyaaf'' tasgabbii dhabiinsa fide jedhaniiru.

Dureewwan haleellaa waraanaa Iraan irratti raawwate seera idil-addunyaa sarba jechuun balaaleeffataniiru.

Waraana guyyoota 12'f tureen Israa'el fi US buufata niwukilara Iraan irratti dabalatee haleellaa raawwataniiru.

Pirezidant Donaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Tiraamp kana durallee miseensota BRICS akeekkachiisaniiru

Kora BRICS kanarratti dureewwan addunyaa kanneen akka Ministira Muummee Hindii Naarendiraa Modii, fi Pirezidantiin Afrikaa Siriil Ramaaposaa argamaniiru.

Kora kanarratti yeroo jalqabaaf Pirezidantiin Chaayinaa Shi Jinpiing osoo hin argamiin hafaniiru.

Bakka isaaniis Ministirri Muummee biyyattii Li Kiyaang hirmaataniiru.

Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadimir Putiin immoo gama onlaayinii irratti hirmaatan.

Putiin himannaa yakka waraanaan Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyarraa ajajni hidhaa irratti baheera.

MM Abiy maal jedhan?

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad kora Riyoo Di Janeriyoo taasifameerratti dureewwan addunyaa waliin mari'ataniiru.

Barreeffama miidiyaa hawaasummaa isaanii X gubbaa barreessaniin akkana jedhan:

''Waliin, addunyaa loogii hin qabne barbaacha tumsa keenya cimsina,'' jedhan.

''BRICS misooma waloo fi tumsa idil-addunyaa cimsuuf barbaachisaa ta'e itti fufa.''

MM Abiy kora kanarratti Pirezidantii Biraazil Luwiz Inaasiyoo Lulaa da Silvaa akkasumas MM Chaayinaa Li Kiyaang waliin mari'ataniiru.

Booda kana lakkoofsi miseensota gartuu BRICS dabaleera.

Kana dura Biraazil, Raashiyaa, Hindii, Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaa turan.

Boodarra Itoophiyaa, Masrii, Indoneeshiyaa, Sa'udi Arabiyaafi UAE itti dabalamaniiru.

Miseensonni gartuu kanaa ummata addunyaa keessaa walakkaa ta'u.

Gaaffii miseensota BRICS

Pirezidant Tiraamp jalqaba waggaa kanaa biyyoonni BRICS dolaara dhiisanii maallaqa ofii fayyadamuu yoo eegalan taarifa 100% irran kaa'a jedhanii dorsisanii turan.

Gartuun BRICS maallaqa mataa isaanii olaantummaa doolaara Ameerikaa cabsu uumuuf yaalii gochaa turaniiru.

Biyootni kunneen sirna daldala addunyaa keessatti ol'aantummaan doolaarri qabu biyya isaanii dhiibbaa alaaf kan saaxiluufi dantaa biyya isaanii eegsifachuuf akka isaan daangessetti amanu.

Dureewwan kora Brics, Biraazil taasifameerratti hirmaatan

Madda suuraa, PM Abiy Ahmed

Ibsa waa'ee suuraa, Dureewwan kora Brics, Biraazil taasifameerratti hirmaatan

Tiraamp, "Biyyoonni BRICS maallaqa doolaara Ameerikaa bakka bu'u haaraa akka hin uumne waadaa akka galan, yookaan maallaqa kan biraa kamiinuu doolaara Ameerikaa humna guddaa qabu kana bakka buusuuf akka hin tumsine gaafannaa,'' jedhanii turan.

''Ta'uu baannaan, daballiin taarifaa100% akka isaan eeggatuufi yeroo oomisha isaanii gabaa Ameerikaa keessatti gurgurachuuf nagaa itti dhaammatan ta'a" jechuun akeekkachisa jabaa kennan.

Gamtaan G-7 Faransaay, Ameerikaa, UK, Jarman, Jaappaan, Xaaliyaan fi Kanaadaa of keessatti qabata.

BRICS immoo faallaa gamtaa biyyoota kanaati jedhameetu yaadama.

Ogeessonni dhimma biyyoota kunneenii hordofan G-7 gamtaa warra BRICS'n dorgommiin akka isa mudatu himu.