Doonaald Tiraamp biyyoota BRICS kan Itoophiyaan dhiyeenya miseensa taate akeekkachiisan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantii haaraa Ameerikaa ta’uun dhiyeenyatti gara Waayit Haawus galuuf kan jiran Doonaald Tiraamp, biyyoonni BRICS doolaara maallaqa haaraan bakka buusuuf yaalii taasisan yoo itti fufan walitti dhufeenya US waliin qaban akka kutan akeekkachiisan.
“Yeeroon yaalii biyyoota BRICS, doolaara maallaqa biraan bakka buusuuf taasisan teenyee ilaallu dhumatee jira,” jedhan ergaa fuula X isaaniirrattibaasaniin.
Gamtaan biyyoota dinagdeen guddachaa jiran gurguddoo shaniin kan hundaa'eefi amma Itoophiyaa dabalatee biyyota hedduun miseensa ta'aa kan jiran BRICS, maallaqa mataa isaanii olaantummaa doolaara Ameerikaa cabsu uumuuf yaalii gochaa tureera.
Yaadni wa’ee maallaqa doolaran dorgomuu uummachuu bara 2010 irraa eegalee biyootni miseensa gamticha kan karoorfame yoo ta'u, keessumaa qoqqobbii adda addaa US Raashiyaarra keessu, akkasumas dorgommi daldalaa Chaayinaan Ameerikaa waliin taaasiftu hordofee erga yeroo dhiyootii agandaa guddaa ta'eera.
Biyootni kunneen sirna daldala addunyaa keessatti ol’aantummaan doolaarri qabu biyya isaanii dhiibbaa alaaf kan saaxiluufi dantaa biyya isaanii eegsifachuuf akka isaan daangessetti amanu.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Madda suuraa, Getty Images
Tiraamp, “Biyyoonni BRICS maallaqa doolaara Ameerikaa bakka bu’u haaraa akka hin uumne waadaa akka galan, yookaan maallaqa kan biraa kamiinuu doolaara Ameerikaa humna guddaa qabu kana bakka buusuuf akka hin tumsine gaafannaa jedhan.
Ta’uu baannaan, daballiin taarifaa100% akka isaan eeggatuufi yeroo oomisha isaanii gabaa Ameerikaa keessatti gurgurachuuf nagaa itti dhaammatan ta'a" jechuun akeekkachisa jabaa kennan.
Tiraampi itti dabaluun “ carraan BRICS itti doolaara Ameerikaa sadarkaa daldala addunyaatti bakka buusuu danda’u hin uumamu. Biyyi yaalii doolaaraa Ameerikaa maallaqa biraatiin bakka buusuuf yaalu yoo jiraate Ameerikaatti nagaa dhaammachuu qaba juchuun, fuula Twitter (X) isaanii irratti maxxxansan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haalli kun itti fufee, yoo Ameerikaan taarifa, qoqqobbii fi gargaarsa dhaabde miidhaa guddaan biyyoota akka Chaayinaa oomisha isaanii hedduu gabaa Ameerikaatti gurguratan dabalatee biyyoota guddataa jiran akka Itiyoophiyaa liqii fi gargaarsa argatan irratti yaaddoo guddaa uuma.
Itiyoophiyaan jalqaba bara 2024 irraa kaaftee miseensa guutuu biyyoota BRICS keessaa tokko taate.
Biraazil, Raashiyaa, Hindii, Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaa hundessitoota BRICS yoo ta'an,Masrii, Itoophiyaa, Iraan, Sa’uudii Arabiyaa fi Emireetota Araba Gamtoomanii ifatti gamtichaatti makamaniiru. Biyyotni gara 40 ta’anis BRICStti makamuuf fedhii agarsiisaniiru.
Walgahii BRICS barana Onkoloolessa 22 hanga 24, bara 2024 Raashiyaa Kaazanitti gaggeeffame irrattis, dhimmi maallaqa biyyotni BRICS uumuu ijoo marichaa ture.
Ameerikaan doolaara akka meeshaa waraanaatti fayyadamaa waan jirtuuf olaantummaa doolarri baddunyaa irratti qabu cabsuun dhimma murtessaa ta'uu, Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin kaasaniiru.
Akka Gabaasni IMF agarsiisutti sirni daladalaa Addunyaa yeroo kanaa doolaara Ameerikaa irratti kan hundaa'u yoo ta'u, daldala maallaqaa hunda keessaa gara dhibbeentaa 90 qaba . Hanga bara 2023tti daldalli boba’aa gara 100 % doolaara Ameerikaatiin raawwatama.
Akeekachisa kana hordofee Biyyootni miseensa Gamticha ammatti waanti jedhan hin jiru.












