Dhukkubbiin ujummoo dhiigaa Tiraamp hangam yaaddeessaadha?

Tiraamp wayita MM Bahireen yeroo harka fuudhaniitti

Madda suuraa, EPA

Kamisa darbe Waayit Haawus pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhibee ujummoo dhiigaa yeroo dheeraa (chronic venous insufficiency) jedhamu akka qaban beeksiseera.

Ibsa oduu idilee kennaniin, Ministirri Pireesii Kaarooliin Liiviit, Tiraamp kan ganna 79, miilli isaanii dhiita'uu ibsuun, boodarra dhukkuba kanaan qabamuunsaa doktora isaatiin adda bahuu himan.

Tiraamp dhiheenya kana, suuraa harka isaanii irratti mallattoon madaa fakkaatu mul'ateera.

Waayit Haawus garuu sun kan dhukkubbii ujummoo dhiigaa waliin wal hin qabanne ta'u himuun, innis sababa harka wal fuudhuu irra deddeebiiin taasisaniitiin dhiita'uu ibseera.

Waa'ee fayyaa pirezidantii Ameerikaa kanarratti wantoota ijoo beekuu qabdan keessaa muraasni kunooti.

Dhibeen ujummoo dhiigaa yeroo dheeraa maali?

Haalli dhibee Tiraamp kun ''kan barame'' fi keessumaa namoota umuriin isaanii waggaa 70 ol ta'e irratti baramaa ta'u hakiima Waayit Haawus, Kaapteen Sehan Barbaabelaa gaazexeessitootatti himaniiru.

Hanqinni ujummoo dhiigaa yeroo dheeraa kan uumamu yeroo ujummoon miilaa dhiigni gara onneetti akka deebi'u hin hayyamneedha. Kunis dhiignii qaama gadii keessatti akka walitti qabamu taasisa.

Idileedhaan dhiigni miila irraa gara onneetti deebi'ee gara ujummoo dhiigaatiin dhangala'uun kan socho'u yoo ta'u, kunis namoota dullooman irratti adeemsa rakkisaa ta'uu danda'a.

Kunis sababa hidda dhiigaa (valve) ujummoo dhiigaa keessa jiran laaffisuu irraa kan ka'e ta'uu danda'a, innis waanuma namoonni yeroo dullooman uumamuu danda'u.

Mallattoon dhukkuba kanaa maali?

Miila dhiita'aa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Miila Doonaald Tiraamp dhiita'ee

Sababa dadhabbii ujummoo dhiigaatiin dhiignii yeroo dheeraaf miila keessatti yoo walitti qabamu, akka dhiheenya suuraa miila Tiraamp irratti mul'atutti dhiita'uu danda'a.

Akkasumas dhukkubbii fi hooksiisuu qabaachuu danda'a, ykn haala cimaa ta'een ammoo jijjiirama gogaa, malaa qabaachuu, dhiiguu ykn dhibee ujummoo gadi fagoo itti dhagahamu danda'a. Kunis miila keessatti hitiituu dhiigaa ta'ee mul'achuu danda'a.

''Haala hamaa ta'e kan biraa wajjin walqabachuu danda'a, garuu mataasaatiin waan hamaa miti. Akkasumas baay'ee kan baramedha,'' jechuun dura taa'aan kutaa baqaqsanii hodhuu ujummoolee dhiigaa Yunivarsiitii 'Wake Forest' Dr Maatiyoo Edwaards BBC'tti himan.

"Namoonni umuriin walfakkaatu keessa jiran, tarii namoonni %10 hanga %35 gidduutti ta'an haala akkanaa ni qabaatu jedheen yaada."

Balaawwan biroo kan akka furdina garmalee qabaachuu, seenaa hitiituu dhiigaa fi hojiiwwan dhukkubsattoonni yeroo dheeraaf miilaa dhaabbatanii akka turan gaafatu qabaachuu akka dabalatu ogeeyyiin ni dubbatu.

Doktarri Tiraamp maal jedhe?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp akkuma miillisaanii keessatti dhiita'uu hubatanii booda, ''of eeggannoo baay'ee irraa kan ka'e'' kutaa yaalaa Waayit Haawusiin ilaalamaniiru jedha ibsi hakiima Tiraamp kennan.

Dr Baarbabelaan akka barreessanitti, Pirezidanti Tiraamp ''qorannoo bal'aan'' taasifamuun, rakkoo ujummoo dhiigaa yeroo dheeraa kan argame yoo ta'u, kunis ''haala baramaadha'' jedhu.

''Wanti guddaan, ragaan dhibee ujummoo dhiigaa cimaa (DVT) ykn dhukkuba yaaddeessaan mul'ate hin turre,'' jechuun, Tiraamp ''fayyaa gaarii irra jira'' jedhan.

Qorannoon taasifames ''caasaa fi hojii onnee idilee'' agarsiiseera kan jedhan Dr Baarbabelaan, ''mallattoon rakkoo onnee, ykn kan kalee ykn dhukkuba sirnaa adda baafame hin jiru'' jedhan.

Dr Baarbabelaa duuba harka Tiraamp irrattis godaanisn akka qabu suuraawwan dhiheenya kanaa irratti kan hubatame yoo ta'u, yeroo tokko tokko meekaappiidhaan kan haguugamedha.

"Kun yeroo baayyee harka fuudhuu irraa kan ka'e tishuu lallaafaa xixiqqoo dalannuudha, kunis kan akka qaama sirna ittisa onnee fi ujummoolee dhiigaa sadarkaa isaa eeggateetti fudhatamuun walsima," jedhan.

Pirezidantiin Waldaa Vaaskulaarii Biriteen fi Ayerlaandi Prof. Iaan Chetter BBC'tti akka himanitti, kun ta'u ni danda'a jedhan.

Harkii Tiraamp hidda yaasee

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Harkii Tiraamp hidda yaasee

Kun Tiraamp irratti dhiibbaa akkamii geessisuu danda'a?

Dhaabbanni baqaqsanii hodhuu ujummoolee dhiigaa Ameerikaa keessa jiru akka jedhetti, haalli kun qaama dhibee kanaan qabame irratti ulfaatina,akkasumas dhiita'uu fi dhukkubbii fiduu danda'a.

Yeroo tokko tokko ammoo rakkoon ujummoo dhiigaa kun dhukkubbii, dhiita'uufi madaa miilaas fiduu danda'a.

Akkasumas yoo cimee ammoo sochii qaamaa fi bakka bakkaatti socha'uu irratti dhiibbaa fiduu danda'a jedhan Prof. Chetter.

Istookiingii wallaansa yaalaatiin hojjetame uffachuun haala kana to'achuuf gargaaruu kan danda'u yoo ta'u, ogeeyyiin dhukkubsattoonni halkan miila isaanii akka ol kaasanii fi looshinii akka fayyadamanis gorsu.

Rakkoon kunis haalli innitti lubbuuf yaaddeessuu ''baay'ee baay'ee muraasadha,'' jedhan Prof Chetter.

Tiraamp waa'ee fayyaasaa maal jedhe?

Tiraamp baatii Eblaa keessa ture kan marsaa pirezidaantummaa isaanii isa lammaffaa irratti, qorannoo fayyaa waggaa jalqabaa kan raawwatan.

"Pirezidant Tiraamp fayyaa gaarii irra jiru, hojiin onnee, sombaa, maashaafi waliigalli qaamasaa cimaa ta'u agarsiisa," jechuun ture Dr Baarbabelaan yaadannoo yeroo sanatti barreessaniin kan ibsan.

Madaalliin fayyaa irratti pirezidantichi kolestroolii isaa to'achuuf qoricha hedduu akka fudhatan mul'iseera. Qorichoota akka 'Rosuvastatin' fi 'Ezetimibe' akkasumas Aspirin kan ittisa onnee fi dibata gogaa (Mometasone cream) fayyadamu.

Pirezidantiin Ameerikaa yeroo hunda fayyaa gaarii akka qaban kan ibsan yoo ta'u, yeroo tokko ''pirezidantii fayyaa ta'ee fi hanga ammaatti jiraate'' jechuun of ibsaniiru.

Tiraamp qorannoo fayyaa waggaa jalqabaa isaaniitiin booda, ''walumaagalatti, haala baayyee gaarii keessa akkan jiru natti dhaga'ame'' jechuun, itti dabaluudhaanis, ''onnee gaarii, lubbuu gaarii, lubbuu baayyee gaariin'' qaba jedhee akka yaadu ibsanii ture.