Kaampaaniwwan gurguddoo addunyaa Israa'el wajjin daldaluu akka dhaaban expartoonni UN waamicha dhiyeessan

Madda suuraa, Reuters
Kaampaniiwwan gurguddoon garaa garaa Israa'el wajjin daldaluu akka dhaabaniif expartoonni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) waamicha dhiyeessan. Sababni isaan waamicha dhiyeessaniif ammoo Israa'el wajjin daldaluu isaaniin "yakka waraanaa Israa'el Gaazaafi Weest Baank keessatti raawwattu keessaa akka harka hin qabaanne" akeekkachiisufi.
Firaansiiskoo Albaanis gabaasa Kawunsilii Mirgoota Namoomaa UN irratti dhiyeessiteen Israa'el lola Hamaas wajjin gaggeessaa jirtuun Gaazaa lafa meeshaaleefi teeknolojii waraanaa ammattaa itti shaakalan akka goote ibsite.
Israa'el gabaasa Firaansiiskoon dhiyeessite kana "waan hundee hin qabne" jechuun kufaa goote.
Expartoonni ykn raappportaroonni qaama walabaa ta'anis dhimmoota mirgoota namoomaa irratti gorsa akka kennaniif UNdhaan muudamu.
Firaansiiskoo Albaanis ogeettii seeraa idiladdunyaa yoo taatu, expartii UNti; dhimmoota mirgoota namoomaa irratti ija jabinaan dubbachuun beekamti.
Gabaasawwan kanaan dura UNdhaaf dhiyeessiteen, Israa'el Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii raawwataa jirti jechuun dubbattee turte.
Kamisa, Adoolessa 2, yaaduma wal-fakkaataa kaaste: Israa'el "seenaa ammayyaa keessatti duguuggaa sanyii gita hin qabne raawwataa jirti."
Gabaasa amma dhiyeessite keessatti ammoo kaampaaniwwan waraana Israa'el gaggeessitu irraa bu'aa argataaa jiru jette tarreessite.
Dhaabbilee isheen tarreessite keessaa meeshaa waraanaa omishuun kan beekamu Lockheed Martin fi dhaabbilee teeknolojii kanneen akka Alphabet, IBM, Microsoft fi Amazon fa'aa keessatti argamu.
Dhaabbilee konkolaataa omishan kanneen akka Caterpillar, Hyundai, and Volvo fa'aas Israa'el wajjin daldala akka dhaabaniif waamicha dhiyeessite. Sababni isaa ammoo Israa'el konkolaattota dhaabbileen kun ergan fayyadamuun manneen Filisxeemotaa diigaa jiraachuu himte expartiin UN kuni.
Kaampaniiwwan kunneen Israa'el wajjin daldaluu isaanitiin bu'aa guddaa argataa akka jiraniifi Israa'el waraana akka itti fuftu gochaa akka jiran eerun, hatattamaan Israa'el waliin daldaluu akka dhaabaniif waamicha dhiyeessite Firaansiiskoo Albaanis gabaasa UNdhaaf dhiyeessite kanaan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haa ta'u garuu gabaasni kun hangam dhiibbaa uumuu danda'a? Kaampaaniwwan gurguddoon addunyaa Israa'el wajjin daldaluu akka dhaaban gochuu danda'aa?
Gabaasi UN akkanaa angoo seeraa wayii qabaachuu baatanis, xiyyeeffannoon akka kennamu qalbii namaa hawwachuu danda'u.
Gama biraan ammoo gabaasi expartoonni UN dhiyeessan kun dhaabbileen daldalaa garaa garaa yeroo qaama wajjin daldalan filatan of-eeggannoo gochuu akka qaban akeekufi.
Dhaabbileen kunneen qaama duguuggaa sanyii gaggeessu waliin hojjachuunsaanii yakka gaggeeffame keessaa akka harka qabanitti akka ilaalamufi seerri duguuggaa sanyii ilaalu baay'ee cimaa akka ta'e kaaste ogeettii seeraa UN kan taate Firaansiiskoon.
Kaampaaniwwan daldalaa kunneen duguuggaa sanyii itti yaadanii gaggeessuu baatanis, Israa'el wajjin daldaluu isaanitiin garuu gochicha keessatti akka hirmaatanitti ilaalama.
Kaampaaniwwan dadalaa gurguddoon Israa'el wajjin daldaluu akka dhaabaniif waamicha expartoonni UN dhiyeessan kana biyyoonni Arabaa, Afrikaafi Eshiyaa heddu deeggaraniiru. Himannaa duguuggaa sanyii ogeettin seeraa idiladdunyaafi expartii UN taate Firaansiskoo Albaanis dhiyeessite kanas deeggaruu danda'u jedhamaa jira.












